Macaafin Qulqulluun yeroo waggoota 1600
keessatti afaanota adda-addaa sadi’iin namoota adda-addaa
afurtama ta’an kan yoo xinnaate gosa hojii gara-garaa
kudha-tokko irraatti bobba’anii jiraniifi moototaa hamma
qonnaan bultootaa of-keessaa qabuun yoo xinnaatee biyyoota
ardiiwwan sadi’ii ja’a keessatti barreefame.
Kitaabonni adda-addaa yaada wal-faalleessaa qaban danuun biyya
lafaarra in jiru. Macaafin Qulqulluun garuu odeeffannoo
walfaalleessu wayii kan hin qabneedha. Inni gamtaa kitaabota
ja’atamii ja’aa guutummaa-guutuutti dhaamsaa fi seenaa walitti
hin buune of-keessaa qabu kitaaba tokko. Shakkii malee, hamma
harka namootaatiin barreeffametti, Macaafni Qulqulluun
gargaarsa mul’atatiin, dadamaqiinsaa fi too’annoo
Waaqayyootiin qofaa barreeffamuu danda’a.
2Ximotewos 3:16 keessatti,
caaffanni Qulqullaa’aan hundinuu
gaggeessaa Hafuura Waaqayyootiin caafame; jedhamee nutti
himamee jira. Jechi Giriikii hiikkaa gaggeessaa Waaqayyootiin
jedhu “Theopnevstos”dha. San jechuunis “hafuura Waaqayyo
baafate” jechuu yoo ta’u, kan irratti xiyyeeffatus “afaan
Waaqayyootii ba’uu” irratti. Gaggeessaanis maarree dhugumattuu
hafuura gadi baafachuudha. Waaqayyo karaa barreessitoota
namaatiin Macaafa Qulqulluu akka “Hafuuraatti gadi baafate”.
Waraabbiileen kunniin dhuma Macaafa Qulqulluu kan ta’e Kitaaba
Mul’ata Yohaannis gara xumuraa, waraabbilee dhumaa sadii ykn
afur dura jiru.
Ani kana kanan caafu, nama dubbii macaafa kana keessatti
raajii dubbatame dhaga’u, of eeggachiisuudhaa fi dhugaa
itti ba’uuf nan jedha. Namin dubbii kanatti yoo waa
dabale, Waaqayyo adaba isaa irratti dha’icha waa’een
isaanii macaafa kana keessatti caafaman isatti dabaluuf
jira. Namni dubbii macaafa kana keessatti raajii
dubbatame irraa yoo waa hir’isee immoo, Waaqayyo muka
jireenya kennuu fi mandaratti qulqulluu waa’een isaanii
macaafa kana keessatti caafaman keessaa qooda isaa
hir’isuuf jira.~
Mul. 22:18-19 ~ |
Akeekkachiisonni balaafamoon qabiyyee kitaabichaa
jijjiiruun walqabatee Yohaannis labse kunniin ifumatti
macaafichi Dubbii Waaqayyoo ta’uusaafi akkuma Mul’anni
raajiiwwan dhibbaatama Kakuu Moofaa keessatti ibseef
barsiisota ijoo Kakuu Haaraa ta’uu isaa argisiisu,
dabalataanis immoo guutummaan Macaafa Qulqulluu sagalee
Waaqayyoo yoo ta’u akkasumas immoo akeekkachiisni Yohaannis
qabiyyeesaa jijjiiruu akka hin qabne kan eeruudha. Kanaafuu
akeekkachiisonin Yohaannis akka mul’ata Waaqayyoo hamma
mul’ata bara mootii Moototaa fi Gooftaa Gooftootaa Mataa Isaa
deebi’uu Isaatti namaaf kenname akka dhumaatti kitaabilee
jaatamii ja’an Macaafa Qulqulluu in saamsamsu.
Duulli hedduun Macaafa Qulqulluu irratti taasifamaa turaniiru.
Haa ta’u malee, abukaatonni rakkina Inni qabu barbaaduuf
dubbisanii booddeerra amantoota ta’aniiru! Iddoon Macaafin
Qulqulluu dhimmoota seena-qabeessa ta’an tuqutti beektoonni
seenaa fi arkiyooloojistoonni haala dinqii ta’een sirrii
ta’uusaa arganiiru. Iddoo Inni waa’ee saayinsii dubbatutti
dhimma uumama bantiiwwan Waaqaaf lafaa fi lubbuu dabalatee
dhugaa ta’uunsaa mirkanaa’eera. Carraaqqii umrii guutuu booda
saayintiistiin itti’aanu kun dhugaa inni ba’e dhaggeeffadhaa:
“Hafteewwan biqiltoota bara durii yommuu ilaallu, hundumtii
isaanituu marroo dhaabbii ta’eefi yeroo tokkotti akka tasaa
daraaraa guutuu ta’anii heddumminaan jiraataa akka turan
hubanna. Jijjiiramin wayiituu gonkumaa hin jiru. Kun ti’oorii
jijjiirama suuta-suutaatiin kan walfaalleessu ta’ee mul’ata.
Argannoowwan koo hundinuu haala dinqisiisaa ta’een gara
walfaalleessuutti qajeelaniiru … ti’ooriin jijjiirama
suuta-suutaa guutummaa-guutuutti hafuu qaba hanga jedhamutti …
Inni qoo’annoo baayoolojiitiif gufuu hamaadha. Jijjiirama
suuta-suutaa qorannoodhaan mul’isuuf carraaqqiiwwan ani
waggoota 40 caalaaf gochaa ture guutummaan-guutuutti na jalaa
fashalaa’aniiru!
Macaafin Qulqulluun “Waaqayyo
jalqabumatti bantiiwwan Waaqaa fi lafa uume” (Seera
Uumamaa 1:1) jedha. Waaqayyo Gooftaan biyyoo lafaattii
nama tolchee, hafuura jireenya itti godhu funyaan isaatti in
baafate, akkasitti namin uumama lubbuu qabaatee jiraatu ta’e
(Seera Uumamaa 2:7).
Kitaabni akka Macaafa Qulqulluu waa’ee jaalalaa jajjabeessu
tokkollee hin jiru. Inni “Obboleessa
kee akkuma ofii kee jaal’adhu jaalachuutu siif ta’a.
(Seera Lewotaa 19:18), Wangeela Maatwos 22:39) akkasumas immoo
“diinota keessan jaaladhaa, warra
isin ari’ataniifis kadhadhaa!” (Mat. 5:44) jechuun
labse. Inni dabalataanis miidhaginaa fi eebifamuu gaa’ilaa fi
maatii deeggaree walitti dhufeenya dinqisiisoo namoonni qaban
kanniin diiguuf warra nama doorsisan hunda balaaleffateera.
Ulfina dubartoota, warra, ijoollee, warra hin dhalanne,
hiyyeeyyii, warra qaamaan gidiramanii fi keessummootaaf
kennamuu qabu irrattis Inni akka Sunaamiitti addunyaa waliin
gaheera. Shakkii tokko malee Inni sagalee jaalala Waaqa
jaalalaa biraa dhala namaa isa Inni karaa hundaan fayyisuu fi
eebbisuu fedhuuf dhufedha.
II. HAALA WAAQAYYOO
Waaqayyo ofuma Isaatiin jiraata. Haalli jireenya Isaa
jireenya uumama kan biraa wajjin walitti dhufeenya kan qabu
miti (Uma. 1:1). Waaqayyo Dhagna dhugaadha, foon akka
keessanii fi koo kan qabu otuu hin ta’in, Dhagna Hafuuraati (Yoh.
4:24). Waaqin humna kan fayyadamu yoo ta’ellee Inni humna
qofaa miti ykn Inni waa hunda kan of-keessaa qabuufi gamtaa
waan lafarra jiruu hundaa miti. Walumaagalatti namummaa
qabaachuuf wantoota sadiitu barbaachisu jedhamee yaadama,
Waaqayyos hundasaaniiyyuu qaba.
1. Dandeettii sammuu waan hunda qabuu: dandeettii yaaduu,
sababaa fi karoora (Isaayyaas 1:18).
2. Miira jabaa: dandeettii hafuura nama tokkootiin miiraan
dhaga’u (Ba’u 4:14; Efe. 4:30).
3. Fedha: dandeettii haala gochaa filuu (Uma. 1:3).
Waaqayyo sadii Waaqa Tokko. Inni Dhagnoota Waaqummaa, Abbaa,
Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu sadanii kan jiraatu Waaqayyo Tokko.
(Mat. 28:19).
Waaqayyo jalqabaa fi dhuma hin qabu: Inni wantoota kamiiinyyuu,
bifa humnaatiin, lubbuun, hafuuraan, yaadaan, miiraan,
iddoodhaan, ykn immoo wanta kan biraa mootummaa lafaatiiinllee
ta’ee isa gararraadhaan haalli jireenya Isaa kan daangeeffamme
ykn kan murtaa’e miti” (1Motota 8:27).
Waaqayyo Waaqa bara-baraati; Inni otuu adda hin cinne ykn
yeroo darbetti, yeroo ammaattii fi yeroo fuulduraatti hin
daangeeffamiin jiraata (Ba’u 3:14, Kes. 33:27; Far. 90:2).
Waaqayyo iddoo hundattuu in argama. “Waaqayyo Iddoo
kamiyyuutti dhagna Isaa guutummaadhaan in argama”3. Ta’us
daangaamaleessummaan iddoo Waaqayyo jiru haala murtaa’aa
ta’een argisiisa. Iddoo hundatti argamuun isaa garuu iddoo
Waaqayyo jiru ballina irratti hundaa’uun argisiisa (Far.
139:7-10).
Waaqayyo waanuma hunda danda’a. Inni wanti tokkoyyuu otuu Isa
hin daangeessin wantoonni hundiyyuu otuu haala Isaa hin hidhin
raawwachuuf daangaa malee humna kan qabuudha. Haa ta’u malee
Inni wantoota ulfina Isaatiin faallaa ta’an raawwachuu hin
danda’u. Fakkeenyaaf Inni Waaqayyo ta’uu dhiisuu hin danda’u
(Far. 90:2); Inni gochaawwan cubbuu bira hin darbu (Yaaqob
1:13) Inni kakuu galee hin diigu ykn Dubbii Isaa keessa hin
deebi’u (Lakk. 23:19; 2Xim. 2:13); Inni sobuu hin danda’u (Lak.
23:19; Ibr. 6:18; Tit. 1:2).
Waaqayyo waan hundaa beekaadha: Inni wantoota mul’atanii fi
wantoota baay’ee xixinnoo ta’anirraa hamma dhuma hin qabneetti
mootummaa kamiyyuu keessatti yeruma hundumaa guutummaa
guutuutti beekumsa in qaba. (Far. 139:16; HoE. 15:18; Ibr.
4:13)
Waaqayyo muudaa hin qabu. Inni guutummaan guutuutti hanqina
kan hin qabnee fi muudaa kan hin qabnedha (Mat. 5:48).
Waaqayyo jaalala (1Yoh. 4:8, 16). Waaqayyo haala baay’ee
barbaachisaa ta’ee fi bu’uura ta’een jaalala.”4 Kanaafuu
fedhiin Isaa Inni bara-baraa eebbisuudha. (1Yoh. 3:16; 15:13;
1Yoh. 4:10).
Waaqayyo Ifa (1Yoh. 1:5): haaluma Isaa isa cimaadhaan Waaqayyo
burqaa ifoota hafuura hundaati.
Waaqayyo kan hin jijjiiramne, Inni haala Isaatiin bara-baraaf
kan hin geeddaramne, akkasumas immoo argamuu Hafuura Isaa
amalli, seeronni, abdiiwwanii fi kanneen maalummaa Isaatiin
walqabatan kan birootiin kan hin jijjiramnedha (Milkiyaas 3:6;
Yaaqob 1:17).
Waaqayyo uumaa wantoota hundaati. ‘Uumaan’ kennaawwan
Waaqayyoo isa tokko miti, taayitaawwan Isaa keessaa isa tokko
malee. Wantoota hunda uumuun Isaa kennaawwan Isaatiin ta’uu
danda’a. Inni uumama wajjin kan wal fakkaatu miti, isaan
beekama male. Uumaa fi kan uumame in jiraata. Waaqayyo
uumaadha. Inni wantoota kamiyyuu dura in jira ture, akkasumas
immoo wantoota hundumaas in uume. (Uma 1:1, Qol 1:16).
Karaa kamiinyyuu Inni kun akka waan dadhabsiisaa ta’etti
fudhatamuu hin qabu: Yaa Waaqayyo Gooftaa koo, gocha kee isa
dinqisiisaadhaa fi yaada gaarii nuuf qabdu nuuf baay’ifteetta;
tokkollee kan siin qixxaatu hin jiru, isaan kana yoon labse
yoon himes, isaan wanta lakkaa’amuu danda’u gararraa in ta’u (Faarsaa
40:5).
A. WAAQAYYO ABBAA
Dhagna Sadan Waaqaa keessaa inni jalqabaa Abbaadha. Abbaan
Waaqayyoodha. Galaatiyaa 1:3: Waaqayyo Abbaan keenya, Gooftaa
keenya Yesuus Kiristoos ayyaana, nagaas isiinif haa kennu!
Abbaan uumama keessatti si’aawaadha. 1Qorontos 8:6:
Nuuf garuu
Waaqayyo tokkichatu jira, Innis Abbaa Isa waan hundumaa uume,
Isa nuyi maqaa isaatiif jiraannusi. Yaaqob 1:17:
Kennaan
gaariin hundinuu kennaan guutuun hundinuu Abbaa ifaa biraa
gubbaadhaa dhufa; Isa bira gegeeddaramuun yookiis gaaddidduu
jijjiiruun hin jiru.
Abbaan Dhagna Isa tokko. Inni dandeettii cimaan, miirri jabaa
fi fedhii kanuma Isaati. Yohaannis 3:16:
Waaqayyo, akkasitti
tokkicha Ilma Isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate, kun
immoo Isatti kan amanu hundinuu jireenya bara-baraa haa
qabaataniif malee, haa baduuf miti. Gammachuu haqaa walitti
fufeenya qabuu fi qulqullaa’uu dhala namaatiif karoora tokko
karoorfachuuf dandeettii cimaa barbaachisa. Jaalalli Inni
biyya lafaatiif qabu miirota Isaa in argisiisa. Ilma Isaa
tokkicha cubbamoota fayyisuuf aarsaa gochuun Isaa Inni fedha
cimaa qabaachuu Isaa argisiisa.
Caaffattoonni Abbummaa Waaqayyoo kallattiiwwan ja’aan ibsu:
1. Waaqayyo Abbaa Gooftaa Yesuus Kiristoos.
Ani mootichi seerrata Waaqayyoo himuufan jira, Inni anaan,
‘Ati Ilma kooti, ani har’an si dhalche’ (Faarsaa 2:7).
Yohaannis 5:26 farrfannaa 2:7 namatti mul’isa.
Abbaan ofuma
Isaatii burqaa jireenyaa akka ta’e, akkuma kanatti Ilmi Isaas
immoo burqaa jireenyaa akka ta’uuf Isaaf kenneera. Doktar
Luuwiis Ispeerii Shaafer “Inni kun jireenya dhala namaa isa
sanyii namaatiin jalqabu miti, jireenya Waaqayyo isa
baraa-hamma-baraatti ta’e kan eeruudha”5 jedhee barreesse.
Jireenya bara-baraaf darbe keessatti “Guyyaa”n tokko, Waaqayyo
Ilmummaa Ilmaaf kenne.
“Dhalchuun” maarree Waaqayyoo jireenya bara-baraa darbe
keessatti Ilma uume jechuu miti, yookiis immoo dhalachuu
fooini Yesuus hin eeru. Beektonni ti’oolojii walumaagalatti
dhalchuun Ilma eeruuf kaa’ame, Inni adda ta’uusaa akka eeru
walii galu. Inni shakkii tokko malee haala firooma Inni Abbaa
Isaa Waaqarra jiraatu wajjin qabuun adda. Beektoonni amantii
tokko-tokko Abbaatu bara-baraan Ilma uuma jedhanii yaadu.
Dhimmichi waanuma fedhellee ta’u, Ilmi shakkii tokko malee
aangoo Waaqummaa fi qulqullummaa firooma Isaa Abbaa Isaa
Waaqarraa wajjin qabuun adda kan ta’eedha. Ilaalchi Dhalchuu
Ilmaa dabalataanis Yohaannis 1:18, 3:16, fi 1Yoh. 4:9
keessatti in argama.
2. Akkuma armaan olitti 1Qorontos 8:6 fi Yaaqob 1:17 keessatti
mul’ate Waaqayyo Abbaa uumamaati. Kanaafuu Inni bulchaa
birmadummaa isaati. Iyyob 9:5-7: [Inni] dheekkamsa Isaatiin
tulluuwwan yeroo garagalchu, otuu isaan quba-hin-qabaatiin,
iddoo isaatii isaan in buta, Inni lafa iddoo isaatii in
sochoosa, utuboonni lafaas in raafamu, Inni biiftuu in abbooma,
akka isheen ifa hin keninnes in godha; ifa urjootaas
mallattoodhaan in cufa.
3. Waaqayyo naamusa isaan uumuu qabaachuudhaan ergamootaaf
Abbaadha (Qolaasiyaas 1:16). Isaan seera uumamaa 6:2, fi
Iyyoob 1:6, 2:1 fi 38:7 keessatti ilmaan Waaqayyoo jedhamanii
waamamu.
4. Waaqayyo naamusa isaan uumuu qabaachuudhaan dhala namaatiif
Abbaadha. (Seera Uumamaa 2:7, HoE 17:9, 26-29; Efesoon
3:14-15, Ibroota 12:9).
5. Miira isa Inni ishee saba addaa akka taatuuf filatee
kaaseef Waaqayyo Abbaa Isiraa’eli. (Ba’u 4:22 Kes. 7:6; 32:6;
Isa. 64:8; Hosee 11:1, Milkiyaas 1:6).
6. Waaqayyo waraa Ilma Isaatti amanan hundumaafuu Abbaadha
(Mat. 5:45; 6:6, 15; Yoh. 1:12; Rom. 8:14-16; 1Yoh. 3:1).
Hojiin addaa Waaqayyo isa Abbaa, sadummaa Waaqaa gidduu jiru
akka itti’aanu kanatti walitti qabamee kaa’amuu in danda’a.
1. Inni baruma-baraaf Ilma bara-baraa in kenna (Yohaannis
5:26).
2. Inni Ilma Isaa eebbisuu in barbaada (Faarsaa 2:7-8).
3. Wanta Inni, Ilmi hojjechuun isaaf ta’u, Ilmatti in
argisiisa, akkasumas immoo aangoo isa Ilmi raawwate, gochaa
jiruu fi fuulduraaf godhu akka Inni godhuuf Isaaf in kenna (Yoh.
5:19-20, 22, 36).
4. Wantoota kanneen Inni akka dhufanii darbaniif fedha qabu
hundumaa abboomuuf Inni Aboo kan qabuudha (Faarsaa 2:5-7).
5. Inni warra Masihiitti fayyuuf jiran in filata (Efesoon
1:3-6), ta’us, namni waan fedhe murteeffachuuf mirga inni qabu
otuu hin dhabamsiisiini.
6. Akka Abbummaa dhala namaatti, Ilma Isaa cubbuu isaaniitiif
aarsaa gochuu fi kennaa fayyinaa itti fufeenyaan kennuuf
fedhiiwwan hafuuraa isaa kenneera (Yoh. 3:16, 2Qor. 5:19-20;
2Phex. 3:9). Inni fedhii foonii isaanitiifis in dhimmama (HoE
14:17), hammamiyyuu yoomma akka gara Isaa dhufaniif
barbaachisaa ta’etti Inni isaan sirreessuullee (Hisqi’el
38:16).
7. Akka Abbaa kanneen amantii Ilma Isaatiin kan Isaa
ta'aniitti, Inni jireenya fooniifis in yaadda'a (Maatewos
6:25-30) akkasumas immoo karaa kamiiinyyuu karaa hafuuraatiin
isaan guddisuuf wantoota barbaachisoo ta'an hundumaa itti
fufeenyaan in raawwata (Ibroota 12:6-7; Filipiyuusis 1:6).
B. WAAQAYYO ILMA
Dhagni lammataa sadan Waaqa-Tokkoo Waaqayyo Ilma.
Ilmi Waaqayyoodha. Yohaannis 1:3: Wanti hundinuus Isumaan
ta'e, waan ta'e keessaas Isa malee kan ta'e tokkollee hin jiru.
Dabalataanis Qolaasiyaas 1:16): Barreeffamni kun sirumaayyuu
otuu Inni Maariyaam irraa hin dhalatin durayyuu amaltoota
namummaa Ilmaa lama, hunda danda'uu fi fedha, ibsa. Amala
sadaffaa namummaa kan ta’e Miirri cimaan, Faarsaa 40:8
keessatti haala otuu Ilmi foon hin uffatiin dura jiruutiin
ibsameera, achittis Inni Waaqayyo Abbaa Isaatiin,
Yaa Waaqayyoo koo, fedha kee gochuun anatti tola, seerrii kees
garaa koo keessa jira jedhe Ilmi foon uffate: Yesuus imimmaan
isaa dhangalaase (Yohaannis 11:35).
Dhagin lammaffaan baroota darbaniif baruma-baraanuu akkuma
Faarsaa 40:8, Yohaannis 3:13 fi barreeffamoota kan biroo
keessatti eerame tilmaama Ilma Waaqayyoo ta'ee jiraachaa
tureera. Waaqayyo karaa baayoloojiitiin Yesuus ilma Maaramiif
abbaa hin ta'u (Isaayyaas 7:14). Haafuurri Qulqulluun
Maaraamitti bu'ee gadamessa ishee keessatti hanqaaquun akka
ta'uu fi guddatu godhee (Luqaas 1:31, 34-35). Ilmi bara-baraa
foon namaatiin in dhalate (Isaayyaas 9:6).
Foon uffachuu Isaatirraan, Ilmi gara Waaqummaa Isaa isa
barbaachisaa fi hafuura namaa guutuu fi dhagna namaa guutuutti
in dabalame; ta'ullee kan biraa haa hafuutii fooniiniyyuu
guutummaan Waaqayyummaa namummaa Kiristoos keessa in jiraata.
(Qolaasiyaas 2:9). Inni gamtaa Tokkummaa sadan Waaqummaa Abbaa
Isaa fi Hafuura Qulqulluu wajjin qabu keessaa isa tokko ta'ee
hafe, akkasumas immoo guutummaan guutuutti bakka hundattii
argamuu, waan hunda beekuu fi waan hunda danda'uu irraa
gonkumaa hin dhaabatu.
Yesuus yeroo nama ture sana akkuma namoonni kan biroon
raawwatan cubbuu hin qabu ture (Luqaas 1:35) akkasumas yaadaan,
jechaa fi gochaan cubbuu-maleessa ture (Yohaannis 8:46). Inni
cubbuu keenyaaf fooniin du’ee, awwaalamee, warra du'an keessaa
fooniin ka'e (Yohaannis 20:25-28), foon ulfina argateen gara
Abbaa Isaa Waaqarra jirutti ol ba'e (Maarqoos 16:19, 1Qorontos
15:4, 42-44).
Hojiin addaa Waaqayyo isa Ilmaa, sadummaa Waaqaa gidduu jiru
akka itti’aanu kanatti walitti qabamee kaa’amuu in danda’a.
1. Inni Abbaa Isaa Waaqarra jiruuf tajaajilaadha. (Isaayyaas
42:1; 53:11)
2. Ergamoota Hafuura Qulqulluu bartoota Isaatti in qajeelcha. (Yoha.
16:13-15)
3. Inni dhagna sadan Waaqa Tokkoo foon uufate Isa Tokkicha. (Luqaas
1:35)
4. Dhiiga mataa Isaatiin lubbuu namaatiif abaarsa Waaqayyoo
fudhatee cubbuu keenya irraa nu furuudhaan Inni Furaa dhala
namaati. (Galaatiiyaa 3:13, 1Phexroos 1:18-19)
5. Inni mataa waldaa kiristaanaati. (Efesoon 5:23)
6. Inni yeroo ammaa kanatti teessoo Waaqayyoo duratti
qulqulloota Waaqayyoon walitti araarsaa jira. (Ibroota 7:24-25)
7. Yeroo Mootummaa Waggoottan kumaatiif Mootii guutummaa Lafaa
in ta’a. (Faarsaa 2:1-6)
8. Inni Abbaa FirdiiWaaqayyummaa (Yohaannis 5:22) Isa Teessoo
Kiristoos biraati (2Qorontos 5:10), yeroo dhumaa Gidiraa
hamaatti biyya hoolaa fi re’eettii (Maatewos 25:31-46),
akkasumas jal’oota warra du’an Gonfoo Adii Guddaa Firdiitti (Mul’ata
20:10-15) biratti qulqullootaaf kan faradu.
C. WAAQAYYO HAFUURA QULQULLUU
Dhagin sadaffaan sadan Waaqa tokkoo Hafuura Qulqulluudha.
Hafuurri Qulqulluun Waaqayyoodha. Inni uumuu keessatti
si’aawaa ture (Uumama 1:2) akkasumas immoo HoE 13:2 keessatti
akka dubbatetti “hojiin ani Barnabaasiifi Saawul akka
hojjetaniif isaan waame kan koo kophaatti naaf kaawame”
jechuudhaan mirga addaa Waaqayyummaasaatti fayyadame.
Hafuurri Quqlulluun dhagna tokko isa dandeettii cimaa, miira
jabaa fi fedha mataasaa qabudha.
Dandeetti cimaa: Romaa 8:26: Hafuurichis immoo akkuma kanatti
dadhabbii keenyatti nu gargaara; nuyi maal kadhachuun akka
nuuf barbaachisu akka ta’utti hin beeknu; hafuurichi garuu
aaduu isaatiin karaa namin dubbiidhaan mul’isuu hin
dandeenyeen nuuf in kadhata. Namaa kadhachuun dandeettii addaa
gaafata.
Miira jabaa: Efesoon 4:30: Hafuura Waaqayyoo Isa Qulquluu, Isa
guyyaa fayyinaatiif ittiin mallatteeffamtan hin gaddisiisinaa!
Fedha: Inni namoota amantiidhaan bulanii fedha isaa qabaniif
hafuuraa in raabsa: Hafuurri Innumti Tokkichi sun hojii kana
hundumaa hojjetamuudhaan in ga’a, Inni akka jaalala Isaatti
tokkoon tokkoon namaaf kennaa addaa in hira (Qorontos 12:11).
Hojiileen addaa Hafuura Qulqulluu Dhagnoota sadan Waaqa tokkoo
gidduu jiran akka asiin gadiitti walitti qabamanii kaawwamuu
in danda’u.
1. Inni Hojjetaa Abbaa (Yohaannis 14:26) fi Ilmaati (Yohaannis
16:13-14).
2. Inni, cubbuu qabaachuusaanii warra hin amanne (kun
sirrummaa warri qulqulloota Masihii qofaan qabaachuu
malaniidha) fi firdii bara-baraa warra hin amanne in amansiisa
(Yohaannis 16:8).
3. Inni isaan keessa jiraachuudhaan (Yoha. 14:16-17) fayyina
isaanii bara-baraa abdachiisuudhaaf mallattoo Isaa
isaanirratti godhee (Efesoon 4:30), dhagna Masihiitti isaan
cuuphuun (1Qorontos 12:13) kennaawwan hafuuraa isaaniif
kennuun (1Qorontos 12:7-8) isaan jireenya quqlullummaa akka
jiraataniif yommuu isaan fedha Waaqayyoo horatan ofii Isaatiin
isaan guutuudhaan (Efesoon 5:18) humna isaaniif kennuun (Roomaa
8:14) isaan gaggeesse (Galaatiyaa 5:18). Kanneen amanan
deebisee in dhaabe (Yoh. 3:6-7).
D. WALQIXXUMMAA DHAGNOOTA SADANII
Hammamiyyuu Ilmi Hojjetaa Abbaa, Hafuurri Qulqulluun immoo
Hojjetaa lamaaniituu ta’ullee, isaan hundinuu kennaa
Dhagnummaa fi Waaqayyummaa hundumaan akkuma Maatewos 28:19
keessatti dhi’aate waluma qixxa kennaman.
Egaa dhaqaa Maqaa
Abbaa fi Ilmaatti kan Hafuura Qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan
saba hundumaa bartoota koo godhaa.
E. GAMTAA SADI’UMMAA YKN SADAN TOKKUMMAA WAAAYYOO
Keessa Deebiin 6:4 akkas jedha:
Yaa Isiraa’el dhaga’i! [Waaqayyo]
[Gooftaan] keenya Waaqayyo isa tokkicha! Jechi Ibrootaa
tokkoof ta’u asitti ‘achad’ kan jedhuu dha.
Sababoota gurguddoo danuudhaan akkuma Seera Uumamaa 10:25
keessatti, Ebeeriif ilmaan lama in dhaltan, bara Inni tokko
dhalate lafti waan hiramteef maqaan isaa “Feleq” jedhame,
echad garaa-garummaa wayiituu akka hin qabne in eera, ta’ullee
iddoo echad, akkuma Seera Uumamaa 2:24 keessatti,
isaan
lachanuus foon tokko in ta’u jedhu wanta dhagna tokko
caalaarraa uumame in eera. 1Qorontos 6:16 echad Seera Uumamaa
2:24 wanta dhagna tokko caalaarraa hojjetame in eera.
Yookiis
namni gaalamootaa wajjin walitti maxxane, ishee wajjin dhagna
tokko akka ta’u hin beektanii ree? Akkuma caafamee jiru,
“Isaan lachanuu foon tokko in ta’u” jedha. Maatwos 19:4-6 fi
Maarqoos 10:9 dubbisa qabiyyee gaa’ilaa qabu keessatti waanuma
wal fakkaataa argisiisu. Yaadadhaa, maarree, hammamiyyuu
qaamaa fi hafuuraan guutummaan guutuutti garaa gara ta’anillee
dhirsaa fi, niitiin echadidha. Echad, maarree ifumatti walitti
makamuu jechuudha. Wanta daneessummaa namoota gara-garaa
kanneen yeruma walfakkaatutti garaagarummaa isaanii hambisu
argisiisuu in danda’a.
Maarree hiikni echad keessa-deebii 6:4 keessaa isa kamirree?
Inni Waaqayyo guutummaan guutuutti tokko ta’uu Isaa labsa moo
gamtaa tokko? Mee qabxiiwwan kanneen haa hubannu:
1. Caaffattoonni Waaqayyummaa dhagna tokkoon otuu hin ta’in,
Dhagnoota sadii ta’uusaatiin ibsu.
2. Yahween Dhagnoota sadan keessaa maqaa dhagna tokkoo ol
ibsudha (Uma. 19:24, Zakkaariyaas 2:8-9)
3. Yachid jecha Ibraayisxii isa yeruma hundaa tokkichummaa
ibsa.
4. Abrahaam ijoollee baay’ee qaba ture. Ta’ullee Seera Uumamaa
22:2 keessatti Muuseen ilma Abrahaam isa tokkicha adda ta’e
Yisihaaq tokkummaa mudaa hin qabne ta’uu isaa addeessuuf echad otuu hin ta’in
Yachid fayyadame.
5. Muuseen gaaffii malee Shima keessatti tokkummaa guutummaan
guutuutti ibsuuf Yachid fayyadamuu in danda’a ture, garuu
akkas hin goone. Inni Echad fayyadame.
Kanaafuu Muuseen ilaalcha gamtaa tokkummaa Yahmee (Waaqayyoo)
Keessa-Deebii 6:4 keessaa eeru dabarsuuf echad irra Yaahid
filatee guduunfuun isaa wanta amansiisaadha.
Dhagnoonni sadan wanta tokkicha waliitti makamanidha; garuu
bu’uurri tokkummaa isaanii maaliidha? Yohaannis 10:30
keessatti Yesuus Aniif Abbaan Tokko jedheera. Doktar Arnold
G. Fruchtenbaum “Waraabbiin kun isa Abbaanii fi Ilmi
aangoodhaan, aangoo Waaqummaa mataa isaaniitinuu tokko”6 jedhee barreesse. Beektoonni danuun Yohaannis 14:10
ilaalchisee yaadoota walfakkaatan kennu.
2Qorontoos 3:4 keessatti Kiristoos eeruuf, Phaawuloos
waraabbii 17 keessatti Eegaa Inni “Goofticha” jedhame kun,
Hafuura Qulqulluudha. Doktar Charles Ryrien waraabbiin 17
“Kiristoosii fi Hafuurri Qulqulluun tokko ta’uu isaaniitiif
hima cimaa ibsu” jedhee labse.7
Yohaannis 10:30, Abbaanii fi Ilmi amala addaa walfakkaatu
tokko qabaachuu isaanii argisiisa. 2Qor. 3:17 Ilmii fi
Hafuurri Qulqulluun amala addaa qabaniin tokko ta’uu isanii
argisiisa. Maarree, bu’uurri tokkummaa Dhagnoota sadanii amala
addaa walfakkaatu qabaachuu isaaniiti.
Uumamni wanta baay’ee barbaachisaa kana maalidha? Yesuus
Waaqayyo Hafuura, (Yohaannis 4:24) jedheera. Aangoo baay’ee
barbaachisaan Abbaa, maarree, Hafuura Waaqayyummaati. Baay’ee
barbaachisummaan Hafuura Qulqulluutis Hafuura Waaqayyummaa,
jechi Hafuura jedhu maqaa (noun) yoo ta’u fi Qulqulluu kan
jedhu immoo ibsa maqaa kan fooyyeessudha. Dhagnoonni sadan
tokkumma, akkasumas immoo amalli addaa tokko-tokkoon isaanii
qaban inni ijoon Hafuura Waaqayummaati. Sana booda amalli
addaa Dhagnoota sadan Waaqayyo tokko taasisuu Hafuura
Waaqayyummaa ta’uun isaa nuuf gala.
Qabxii dabalata tokko: Dhagni sadan Waaqayyoo inni tokko
gonkumaa iddoo dhagna isa biroo hin fudhatu ykn bakka hin bu’u.
Inni kun tarii haala gaariidhaan Luqaas 3:22 keessatti
ibsameera. Hafuurri Qulqulluun bifa gugeetiin mul’atee irra
bu’e; sagaleenis Waaqa irraa dubbatee “Ati Ilma koo isa
jaallatamaadha; gammachuun koos sitti in raawwatama” jedhe. Ifumatti, Dhagnoonin sadan adda baafaman, Ilmii Inni cuuphamee
ture, Hafuurri, fi Abbaan, Inni sagaleen Isaa Waaqa irraa
dubbate, kana keessa as in jiru. Dhagni tokko kan biraa ta’uu
ykn bakka bu’uu gonkumaa hin danda’u.
III. ERGAMOOTA
Waaqayyoo, Dhagni Inni hin uumamneefi Dhagnoota Waaqayyummaa
sadii of keessaa qabu, dhagnoota akaakuu lamaa: jalqaba
ergamoota, itti aansee immoo namoota uume. Akkaatuma tartiiba
isaan ittiin uumamaniitiin dhagnoota lamaan kana in qoranna.
Ergamootaan jalqabna.
Qolaasiyaas 1:6 Kiristoos hojii Isaatiif jecha ergamoota akka
uume nutti hima. Wanti Waaqa keessa jiruu fi wanti lafa irra
jiru hundinuu, wanti ijaan argamuu fi wanti ijaan hin argamne,
warri teessota irra taa’anii fi warri mootummaa qaban warri
bantii Waaqaa keessaa gooftummaa fi aboo qabu jedhamanii
sodaataman Isaan uumaman; wanti hundinuu karaa Isaa uumame,
Isaafis uumame. Teessoowwan mootummaa, aangoowwan abbootiin
taayitaa fi bulchitoonni sadarkaawwan ergamootaa yoo ta’an,
akkasumas immoo isaan wantoota hin lakkaa’amneedha (Ibroota
12:22).
Iyyoob 38:4-7 keessatti Waaqayyo Iyyoob in rifaasisa; 4.
Yommuu ani hundee lafaa kaa’ee ati eessa turte...7. Yeroo
sanatti arjoonni gara barii in faarfatan warri Waaqa irraa
“Ilmaan Waaqayyoo” jedhamanis guddisanii sagalee gammachuu in
dhageessisu; Urjoonni gara barii fi ilmaan Waaqayyoo kan
jedhaman ergamoota Waaqayyoo in eera (urjoonni gara barii:
Mulata 1:20; 9:1; 12:3-4, ilmaan Waaqayyoo: Seera Uumamaa 6:2,
4; Iyyoob 1:6; 2:1), akkasumas immoo dubbisichi erga Waaqayyo
bantiiwwan Waaqaaf lafaa mul’atu otuu hin uumamin dura isaan
uumuu isaa ifa in godha. Haaluma kanaan akkuma caaffattoonni
yeroo biraa kamiyyuu waa’ee uumama ergamootaa hin dubbanne,
akkasumas isaan wal horuuf hin dandeenye dubbatan (Maarqoos
12:25), nuyi ergamonni hundinuu bantiiwwan Waaqaa fi lafaa
otuu hin uumamin dura uumamanii akka turan guduunfuu qabna.
Ergamoonni hafuurota jiraatan yoo ta’an (Ibroota 1:13-14),
akkasumas isaan dhagnoota dandeettii addaa (1Phexroos 1:12),
miira jabaa (Iyyoob 38:7) akkasumas fedha (Yihudaa 1:6) qabani,
Isaan qulqulloota, (Luqaas 9:26), garmalee caalaatti humna kan
qaban (2Seena Baraa 32:21) akkasumas immoo bara-baraaf jiraatu
(Luqaas 20:36).
Waaqayyo ergamoota sadarkaawwan sadiitti uume.
1. Tartiibni olaanoon ergamoota Kiiruubeel kanneen ulfina
Shechina Waaqayyoo wajjin gamtaa walitti dhufeenya cimaa
qabaniidha (Hisqi’el 1:26-28; 9:3; 10:1-22). Hisqi’el 10:1
teessoo Waaqayyoo jala yommuu jobobi’an isaan in argisiisa.
Isaan dabalataanis dhimmoota eegduummaatti ramadamaniiru (Seera
Uumamaa 3:24)
2. Tartiibaan itti aananii kan jiranu Suuraafeel. Isaayyaas
6:2-3 isaan teessoo mootummaatii ol dhaabatanii yommuu Isaa
Waaqessan argisiisa.
Waraabbiiwwan 5-7 kanneen Waaqayyo waamu qulqulleessuu irratti
yommuu isaan qooda fudhatan argisiisu. Mul’anni 5:8-10,14
yommuu isaan Hoolicha Waaqessan argisiisa, akkasumas immoo
Mul’anni 6:1-7 fi boqonnaan 15 fi 16 yeroo Gidiraa Guddaatti
dheekkamsa waciitota Waaqayyoo keessaa yommuu isaan gadi naqan
agisiisa.
3. Dhumarratti tartiibni Inni sadaffaan salphaadhumatti
“ergamoota” jedhama. Isaan dhimmoota karaa Waaqummaa
keessummeessuu ykn raayyaawwan Waaqayyoo, Mikaa’el akka Dursaa
isaaniitti qabachuun in too’atu (Mul 12:7). Daani’eel 10:13-21
keessatti Mikaa’el saba Isiraa’el irratti itti gaafatamummaa
addaa yoo qabaatu akkasumas Daani’el 8:15-27; 9:20-27 fi
Luqaas 1:11-38 keessatti Ergamaa Gabreeliitiin ergamaa
Mul’ataa Waaqayyoo akka ture argina. Suuraafeel fi Kirubeel
amantoota isaanii adda ta’ee muraasaan namoota in mul’isu,
akkasumas amala isaanii adda ta’e kan biraatiin ayyaanotaa
qulqulluu ykn bineensota mootii fakkaachuu in danda’u (Hisqi’eel
1:5-28; Mul’ata 4:6-11).
Suuraafeel koolota (laboobaawwan) lama (Isaayyaas 6:2),
akkasumas Kirubeel koola tokko (1Motota 6:23-28) in qabu.
Yommuu ergamoonni tartiiba sadaffaa lafa irratti mul’atan,
isaan akka namoota dargaggootaatti waan mul’ataniif koolota (laboobaawwan)
in qabu hin jedhamne (fakkeenyaaf, Seera Uumamaa 18:1-2,
16-18; Maaroos 16:5).
Ergamoonni daa’imman akka eeganiif kan ramadamaniidha (Maatewos
18:10). Isaan daalatanis amantootaa fi waldoota kiristaanaa
akka eeganiif ramadaniru. hammamiyyuu Inni sun yeruma hunda
kan jiraatu ta’ullee isaan ergamoonnii fi waamichoonni
Waaqayyo isaan itti waame fiixaan ba’uu isaanii arguuf malee
waan hamaarraa isaan eeguuf miti, (Faarsaa 34:7; 91:11-12; HoE
8:26; 12:7-11; 27:21-26; Mul’ata 1:1; 2:1,8,12,18; 3:1, 7,
14). Isaan kun hundinuu hafuurota hojii, warra fayyina
argachuuf jiraniif hojjechuudhaaf ergaman mitii ree (Ibroota
1:14)?
Dabalataanis akkuma armaan olitti argine Mikaa’el Isiraa’el
irratti eegduudha.
“Ergamaan” addatti adda ta’e tokko (Ba’u
3:2, 4), akkuma eramoonni kan biroo waamaman yeroo adda
addaatti lafarratti mul’atee ture ergamaa Yaahweh dha malee
ergamaa Yaahweh jedhamu tokko miti. Ergamaan kun Waaqayyoo
bifa Ergamaa tokkootiin ta’uu isaa in beekna, sababiin isaas
iddoo Ergamicha Yahiwwee arginu kamiyyuutti Inni dabalataanis
salphaadhumatti kutaa dubbisa kan biraa keessatti akka
Yaahiweetti yommuu eeramu argina.
Zakkaariyaas 2:8-9 keessatti Abbaaniifii Ilmi lamaanuu
Jihoovaa jedhamanii waamamu, kanaaf inni Dhagna Waaqayyoo isa
kamiidha?, gaaffiin jedhu in ka’a. Seera Ba’uu 3 fi 4
keessatti Inni Isiraa’eloota Gibxii jalaa baasee karaa isaanii
Galaana Diimaa keessaan in taasisa, akkasumas 1Qorontos 10:1-4
Kiristoos jedhee Isa in waama. Ergamaan Jihoovaa, maarree,
Kiristoos bara-baraa Mataa Isaa ture.
Ergamni addaa ergamaa kanaa maal ture? Akkuma dubbisa karaa
Inni itti mul’ateen qorannu, Inni seenaa Isiraa’el, qopheessuu
Isaa akkasumas immoo Isiraa’eliif seenaa qopheessuu Isaa in
argina. Shakkii tokko malee, Abrahaamii kaasee hamma fannootti
Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii in
buufata, Inni isaa in oolchas (Faarsaa 34:7). Haa ta’u malee,
Bara Waldaa Kiristaanaa keenyatti otuu hojjetuu Isa hin arginu.
Wanti dabalataa kan biraa dubbatamuu qabu tokko in hafa: Nuyi
gonkumaa ergamootaaf sagaduu (Waaqessuu fi kadhachuu) hin
qabnu (Qolaasiyaas 2:18; Mul’ata 19:10; 22:8-9). Waaqayyuma
Abbaadhaaf qofaa sagaduu fi kadhachuu qabna (Maatewos 6:9).
IV. SEEXANAA FI DAABILOOS
Ergamoonni qulullaa’oon lakkoofsaan akka hin beekamnetti
eeraman (Ibroota 12:22), isaanis garuu lakkoofsa ergamoota
qulqulloota jalqabaa harka sadi keessaa harka lama (2/3).
Daabiloos amma nuyi seexana jennee waamnu kun yeroo tokkoof
Kirrub Dibame ture (Hisqi’el 28:14), akkasumas ergamoota kan
biro irratti ol’aantummaa kan qabu ture. Carraa aangoo isaa
fudhachuudhaan ergmoota harka sadii keessaa tokko Waaqayyo
irratti akka fincilaniif isaan in durse (Isaayyaas 14:12-15;
Hisqi’eel 28:14-19; Mul’ata 12:3-4), isaan hundinuus amma
seexanootaan (daabiloosotaan) beekamu. Daabiloosonni maarree
ergamoota qulqulluu hin taane, fi erga fincilanii kaasee
uumama cubbamaa ta’een xuraa’ummaa isaanii qabatanii kan
jiranidha. Shakkii tokko malee lakkoofsi isaanii Inni guddaan
tartiibota ergamootaa sadan hunda irraa uumame.
Kufaatii isaatiin dura, seexanni dabalataanis akka Urjii,
Guyyaa, Ilma Bariitti in beekame ture (Isaayyaas 14:12),
akkasumas Hisqi’eel 28:12 qarummaan isaas dhugaa isa Inni
dandeettii ergamummaatiif ogummaa fi miidhaginaan guutamuu
isaatiin akka ture in mul’isa.
Hisqi’el 10:1 keessatti, teessoon Mootummaa Waaqayyoo yommuu
Kirubeel gubbaatti jobobi’u in argina, garuu immoo 28:14
keessatti isa teessoo mootummaa Waaqayyoo gubbaatti
calaqqisiisaa uwwisu ykn jobobi’u ykn irratti bittinnaa’u
Tokko in argina. Hisqi’eel 28:13b garuu qoosaa aangoo isaa
akka Kiruub Dibamee mul’isa. Dhagoonni gati-jabeeyyiin
hundinuu, sardoniikis, Beerilos, Safiiros Kaarbunkil,
Simaaragidosis si miidhagsu turan, wanti sitti naqame fi sitti
maxxanfame hundinuu Warqee irraa hojjetame, isaanis yommuu ati
uumamte qopheeffaman. Meeshaaleen muuziqaa kuniin akkuma Inni
Waaqayyo irratti jobobi’een isa harka turan Suuraafeel (Isaayyaas
6:2) akkasumas Kirubeel kan biroo (Hisqi’el 10:1) isa Inni
guutummaa ergamootaa Waaqayyoof sagaduutti gaggeessu argisiisu.
Ta’ullee seexanni yommuu finciletti, Waaqayyo isaa fi
mootummaa isaa gara lafaa fi marfata lafaatti gadi darbate.
Waan ta’eefis ramaddiin isaa yeroo ammaa Ilma mootii
Qilleensaati (Efesoon 2:2).
Taayitaan seexanaa erga yeroo fincila isaatii kaasee ittiin
isa beeknu caalaatti waa’ee isaa in ibsa:
1. Haala Isaa
Isa Hamaa (Maatewos 6:13, Yohaannis 17:15; 2Tasalonqee 3:3;
1Yohaannis 5:18-19). Inni guutummaan guutuutti haalaa fi
wantoota Inni too’atuu fi raawwatu hundumaanuu hamaadha.
Seexanni, hiikkaan isaa Diina jechuudha. Maqaan taayitaa kun
caaffata keessatti yeroo shantama caalu dhahameera. Inni diina
Waaqayyoo, saba Waaqayyoo, fi ummata hundaati. Gochi diinummaa
isaa ifumatti 1Seenaa Baraa 21:1 keessatti mul’ifamee jira.
2. Galmoota Isaa
Barbadeessa (Mul’ata 9:11). Barbadeessaan kun awaannisoota
sodaachisoo, dhugumaan daabiloosota, Mul’ata 9:1-10, isa
bool’a dhuma hin qabnee ol ba’e irratti mootiidha. Galmi
barbadeessichaa karoora Waaqayyoo, Masihicha mataa Isaa, fi
saba Waaqayyoo barbadeesuufi.
Leenca Aadu. Inni kun sirrumatti seexana akka barbadeessaa
uummataatti fakkii isaa lafa kaa’a. 1Phexroos 5:8 addumatti
isa akka barbadeessaa amantii fi deddeebi’uu amantootaa ta’e
fakkii isaa lafa in kaa’a.
3. Maloota Inni Ittiin Galmasaa Gahatu
Nama qora (Maatewos 4:3; 1Tasolonqee 3:5). Gochi kun seexanni
namoonni cubbuu akka hojjetaniif kakaasu Sheexana ta’uusaa
argisiisa.
Gowwoomsa (Haxxee). Mul’atni 12:9 seexanni gowwoomsaa guutummaa
biyya lafaa akka akka ta’e, namoonni danuun Waaqayyoo fi karaa
Isaa fudhachuu akka didan kan gowwoomsu isa ta’uu argisiisa.
Akkuma yeroo hunda danda’u, Inni amantoonni gorsa gaarii
Waaqayyoo fudhachuu akka didan in gowwoomsa, Efesoon 6:11
haxxummaa seexanaa akka balaaleffannu kan nu kakaasu kanumaafi.
Ergamaan Ifaa 2Qorontos 11:14 keessatti argamu; gochi kun
Sheexanni hubannoo hamileefi hafuuraa dhugaa irratti
amantiiwwan sobaa, falaasamaafi yaada hedduu addunyaan of-keessa
qabdu keessaa raga sobaa dhiyeessuudhaan hojii gowwoomsaa akka
hojjetu agarsiisa.
Daabiloos. Daabiloos jechuun hadheessaa, ykn maqaa namaa
balleessaa jechuu akka ta’eefi, akkamitti Waaqayyoo fi saba
Isaa, fi saba Waaqayyoo akka gargar baasuu labsa. Inni Kakuu
Haaraa keessatti qofaa argama, si’a soddomii shanis in argama.
…obboloota keenya Inni halkanii fi guyyaa Waaqayyo keenya
duratti isaan hadheessaa ture… (Mul’ata 12:10). Iyyob 1:9-11
fi 2:5 Inni Iyyoob qajeelicha fuula Waaqayyoo duratti yommuu
hadheessu in argisiisa.
4. Tooftaaleesaa Akkamitti Akka Hojiirra Oolchu
Boficha Seexanni yeroo kurnan tokko keessattuu Seera Uumamaa
3:1, iddoo itti abshaalummaa fi haxxummaan isaa Heewaan
qoruudhaan mul’atetti akka bofaatti fakkeeffameera.
Jawwee (Mul’ata 12) gochi kun humna guddaa fi bineessummaa
seexanni Yesuus isa mucaa nyaachuufi (Maatewos 2, Mul’ata
12:4) akkasumas dubartii Isiraa’el jedhamtu ishee Mucaa deesse
balleessuuf fayyadame cimsee agarsiisa (Mul’ata 12:13).
5. Aboo Yeroo Ammaa Seexanni Qabu
a. Walitti dhufeenya inni Daabiloosota kan biroo wajjin qabuun
Hangafa Seexanootaa. Aboon Wangeelota Maatewos 12:24 fi Luqaas
11:15 keessatti argamu kun, aangoo seexanni daabiloosota
hundumaa irratti qabu argisiisa.
Aboo Qilleensa keessa jiru irratti isa Gooftummaa qabu: Aboon
Efesoon 2:2 keessatti ibsame kun seexanni inni yeroo ammaa
qilleensa keessa jiraatu, humnoota xixiqqoo isa fakkaatan kan
qilleensa keessa jiran, daabiloosota kan bulchu isa ta’uu
argisiisa.
b. Sirna Biyya Lafaa Amma Jiruun Wal-qabatee
Waaqa Bara Ammaa. Aboon 2Qorontos 4:4 keessa jiru kun,
to’annaa seexanni bara ammaa akka to’atu, yaadni inni biyya
lafaa kanarratti qabus kan Kiristoos wajjin faallaa akka ta’e
mul’isa.
Hamaa biyya lafaa kana seerratu. Gochi kun Wangeela Yohaannis
12:31, 14:30, fi 16:11 keessatti in mul’ata. Hunduma isaanii
keessattiyyuu, jechi warra Giriikii biyya lafaa ibsu Koosmoos
kan jedhudha, innis hafuura Sheexanaa sirna biyya lafaa keessa
guutee jiru akkasumas akkaataa inni itti tarreeffameefi
raawwatamu ibsa. Kun immoo faallaa hafuura mootummaa Waaqayyoo
akkasumas akkaataa inni itti tarreeffameefi raawwatamuuti.
Mootii Baabiloon (Isaayyaas 14:4). Qixa waraabbilee 4-17,
keessa jiruun yommuu ilaallamu, aangoon kun, Sheexanni
mootummoota biyya lafaa hunda kan to’atu fakkeessee mul’isa.
Mootii Xiiroos (Hisqi’el 28:11-12). Qixa waraabbilee 4-17,
keessa jiruun yommuu ilaallamu, aangoon kun, Sheexanni mootii
Daabiloos mootummoota lafaa hunda to’atu fakkeessee mul’isa.
6. Ilaalchota Seexanaan wal-qabatan
Beliyaal. Beliyaal 2Qorontos 6:15 keessatti argama, hiikni
isaas gati-dhabdummaa, ija Waaqaa duratti gatii gaarii ta’uu
ykn gaarii kamiyyuu hojjechuuf dandeettii seexanni qabu ibsa.
Bi’el Zebul. Bi’el Zebul jechuun "humna hangafa seexanootaa"
jechuu yoo ta’u, Wangeelota Maatewos 10; 25; 12:24, 27;
Maarqos 3:22; fi Luqaas 11:15, 18, 19 keessatti argama. Innis
maqaa barsiisota amantaa fi seeraa bara Yesuusiin seexanaaf
kenname jecha qoosaa fakkaata. "Bi’el Zabub" tapha "Be’il Zabul"
irraati, maqaan Filisxeemii bifa Giriikii isa sirrii/jalqabaatiin,
hiikni isaa Gooftaa Masaraa Mootummaa jechuudha.
V. LOLA KIRISTAANNI SEEXANA WAJJIN QABU
Lolli Kiristaanni biyya lafaa, sirna biyya lafaa seexanaan
to'atamu, irratti kaasu (1Yohaannis 2:15-17 keessa akkuma jiru),
foonsaa isa Roomaa 7:5 keessatti umama cubbuu keenyaa eeru,
akkasumas Daabiloos, isa seexanaa fi isa gochaalee
seexanummaasaa of keessaa qabu (Efesoon 6:11-12) wajjin lolu
eera. Qo'annoon kun lola namni kiristaanummaa amanuu Seexanaa
fi warra seexana baatan irratti kaasu argisiisa.
Galmoonni seexanaa, hojiiwwan Waaqayyoo barbadeessuu, lubbuun
akka hin fayyine, warra akka du'aa hin kaane, ardiin iddootti
akka hin deebineefi ofiisaatii Galaana Ibiddaatti akka hin
gatamne dhowwuufi akkuma fincila isaa isa jalqabaa galmisaa,
inni ammayyuu Waaqayyo aangoorraa buusuu fi bakka Waaqayyoos
Waaqa tolfamaa ta'uu cimsee barbaada (Isaayyaas 14:12-14,
2Tasoloinqee 2:3-4). Galmoota isaa fiixaan baasuuf, Inni
fannoo dura yesuus ajjeesuuf barbaadee ture (Maatewos 2:1-18;
4:1-11; 25:6, kkf), yihudoota barbadeessuudhaan deebi'ee
dhufuu Gooftaa ittisuu in barbaada, (Zakkaariyaas 13:8;
Maatewos 23:39; Mul'ata 12:6, 13-15), akkasumas immoo
fayyinaan dura hafuurri akka itti hin mul’anne gochuu ykn du'a
fiduudhaan (2Qorontos 4:3-4; Yaaqob 4:1) yaadaa fi hojii
waldaa kiristaanaa jeequudhaan (HoE. 20:29-30) fayyina lubbuu
ittisuu in barbaada.
Kiristaanni haleellaa seexnaatiif akkamitti deebii kennuu akka
qabu:
Isaanuma irraa: Inni Diinnisaa eenyu akka ta’e (saba otuu hin
ta'in, seexanaa fi daabiloosotasaa akka ta’an) fi beekuu qaba,
akkasumas immoo inni akka nama Waaqayyootti yaaduu akka
danda’u sammuusaa Dubbii Waaqayyootiin guutuu qaba (2Qorontos
10:3-5; Efesoon 6:10-18). Inni seexana (Daabiloos) diduu, akka
jireenya isaattis hin galle karaa itti cufuu qaba (Efesoon
4:26-27; Yaaqob 4:6-7; 1Phexroos 5:8-9). Kanaafuu inni Yesuus
akkamitti seexanaan akka morme (Maarqoos 8:31-33, Luqaas
4:1-14) qorachuu fi fakkeenya Isaa hordoofuuf waan gaarii
gochuutu isaaf ta'a.
Warra Kiristaanota hin taane irraa: isaan diinota isaa
ta'aniyyuu inni isaan jaalachuu qaba (Maatewos 22:39,
Galaatiyaa 5:14, Yaaqob 2:8). Inni akkuma Waaqayyo isa
dandeessisetti bakka isaanii bu’ee isaaniifi hojiiwwan
humnaatiif dhiifama gochuufii qaba (Maatewos 14:15-21; 20:34;
Yaaqob 1:27). Hundaa ol Inni fayyina lubuu isaanitiif Wangeela
lallabee duuka buutota kiristaanaa isaan gochuu qaba (Maatewos
28:18-20).
Seexanni, Hoolaan Waaqayyoo cubbuu biyya lafaatiif akka hin
duune dhoowwuufis ta’e; carraaqqii isaatiin filatamtoonni
Gooftaa gara Waaqaa akka hin dhufne dhoowwuu ykn dhufaatii
Isaa ittisuuf hin milkoofne.
Haata’u malee Gooftaan dura bu'ummaa Isaatiifi humna nuuf
kennuudhaan injifannoo harka keenyatti galcheera.
VI. UUMAA SANYII NAMAA
Tartiibni namootaa itti’aanuu fi inni dhumaa Waaqni uumee nama,
sanyii namaati.
Addaamii fi Hewwaan jijjiirama suuta-suutaatiin otoo hin taane
kallattiidhumaan hojii Waaqayyootiin uumaman. Saayintiistonnii
fi beektonni herreegaa kiristaanota hin taanellee jijjiirama
suuta-suuta (evolution) bifa saayinsawaa fi istaatistikaala
ta’een mirkaneessuun akka hin danda'ame labsaniiru.
Garaa-garummaa gurguddoon jijjiirama suuta-suutaafi sirna
uumamaa (creation account) gidduu jiran lamaan akkasitti
ibsamuu in danda'au:
1. Jijjiiramni suuta-suutaa gulantaalee adeemsicha gidduu
jiraniifi jijjiirama kana mul’isan hedduu dhiyeessuu gaafata;
seerri Uumamaa 2:7 garuu gulantaa tokko qofaa argisiisa:
Waaqayyo Gooftaan biyyoo lafaattii nama tolchee, hafuura
jireenya itti godhu funyaan isaatti in baafate, akkasitti
namni uumama lubbuu qabaatee jiraatu ta'e.
2. Qorattoonni sirna uumamaa akka jedhatti, jijjiiramni
suuta-suutaa waggootta miiliyoonota hedduu gaafata, akka
caaffataatti garuu, Waaqayyoo ifumatti yeroo gabaabduu,
guyyuma sa'aatii diigdamii afurii keessatti Addaam Uume, Uma.
1:27 Egaa Waaqayyo akka bifa Isaatti nama uume... 3 ...galgallis
ta'e, ganamnis ta'e, kun guyyaa ja'aaffaadha (Seera Uumamaa
1).
Guyyaa kan jedhu kun asitti akka bara ji'oolojii tokkotti kan
hubatame ta'uu hin qabu; inni guyyaa sa'aatii diigdamii afurii
qofaa ibsuu danda'a. Doktar Fruchtenbaum Afaan Ibraayisxiin,
ja'aaffaan guyyaadhaan wal-qabatee guyyuma idilee tokko
mul’isa. Jechamni halkaniifi guyyaa jedhus akkasuma guyyaa
idilee tokko ta’uusaa cimsee hubachiisa.8
Namni akka bifa Waaqayyootti uumame (Seera Uumamaa 1:26-27).
Inni kun garuu foon isaa otoo hin taane hafuura namaa qofaa
ilaallata, Waaqayyo hafuura waan ta’eef foon hin qabu (Yohaannis
4:24). Galmi inni dhumaa wanti kun barbaachisuuf mallattoo
jirenya bara-baraa kan ta’e (Yohaannis 17:3) hafuuraan walitti
dhiyeenyaan waaqa duuka bu’uuf dandeettii kan qabu nama qofaa
waan ta’eefi (1Yohaannis 1:7). Ergamoonni quqlulloonni
Waaqayyoon Waaqeessanillee gonkumaa Isa wajjin walitti
dhiyeenya cimaa qabu jedhamanii hin beekan.
VII. CUBBUU
Cubbuun haala afuuraa, yaada, jecha ykn gocha, safuu Waaqayyoo
isa mudaa hin qabne wajjin faallaa ta'eedha (Roomaa 14:23;
Yaaqob 4:17; 1Yoh. 3:4). Wantichi cimaa ta'uusaa dacheen
keenya otoo cubbuun itti hin seenin dura qulqulluu mudaa hin
qabne turteefi ergasii as dhukkubaa, hiyyummaa, beela, dhibee,
du'a, waraana, qullummaa, badiisaa fi balfamuu dachee keenyaa,
fannifamuu Ilma Waaqayyoo fi ergamoota harka sadii keessaa
harki tokko akkasumas irra-jireessi sanyii namaa gara Garba
Ibiddaatti gadi-darbatamuu isaanii wajjin wal-bira qabnee
tilmaamamuu in dandeenya (Mul'ata 19:20; 20:10, 14,15).
Waaqayyo, abbaa fi haadha keenya jalqabaa kan ta’an Addaam fi
Hewaaniin foon, yaada, dubbii fi gochaan cubbu kan hin qabne
godhee isaan uume, garuu isaan abboommii tokkicha isa Waaqayyo
isaaniif kenne cabsanii cubbaman (Seera Uumamaa 2:16-17;
3:1-6). Cubbuun isaanii kunis rakkoolee itti’aanan kana fide:
1. Hafuurri isaanii wal-dhahee gara haala isa nuyi uumama
cubbuu jennee waamnuufi isa caaffanni “foon” jedhee waamuutti
geeddarame (Ermiyaas 17:9; Roomaa 7:18, 23; Galaatiyaa 5:16,
19-21, Efesoon 2:3), foon dhagna keenyaa wajjin wal dhahuu hin
qabu.
2. Gooftaa Yesuusirraa kan hafe haalli cubbuu isaanii
dhaloota-dhalootatti nama hundumaatti darba... (Faarsaa 51:5;
Luq. 1:35; Roomaa 5:18);
3. Du'a hafuuraa, walitti dhufeenyi hafuuraa namni tokko
Waaqayyoo wajjin qabu du'uusaati (Seera Uumamaa 2:17,
1Qorontos 2:14, Efesoon 2:1).
4. Cubbuun Addaam kallattiidhaan nama hundaatti
fe’amuusaa-Addaamirraa gara maatiifi ijoolleetti kan darbu
otoo hin ta'in isa kallattiidhaan namatti darbuu ta’uusaa (Roomaa
5:12-21), Ibroota 7:9-10 keessatti ibsamuu danda’a.
5. Du'a foonii (Uumama 3:19); fi
6. Lafa abaaramte (Seera Uumamaa 3:17-19).
Fayyinaan dura, namoonni hundinuu bulchiinsa cubbuu (Roomaa
3:9; 7:14; Galaatiyaa 3:22) fi humna seexanaa (2Qorontos
4:3-4; Efesoon 2:1-2; Qolaasiyaas 1:13; 1Yohaannis 5:19) jala
jiraatu akkasumas immoo ijjannoo isaanii seera fuula Waaqayyoo
duratiin xuraa'ota (HoE 13:38; Roomaa 3:10; 1Qorontos 6:9;
Qolaasiyaas 1:14, 2Tasolonqee 2:10, 12; 2Phexroos 2:13;
1Yohaannis 2:12).
Abbaa fi haati keenya jalqaba fedhuma mataa isaanii
shaakaluudhaan qofaa cubbuu hojjetani. Nuyis, akkasuma humna
fedha keenyaatiin cubbuu hojjenna (Roomaa 3:23; 1Yohaannis
1:8), garuu immoo fedhiiwwan keenyas yeroo ammaa kana kan
raawwataman uumama cubbuu keenya irraani. Akkuma aannan
quqlulluun burcuqoo keessaa yommuu summiin itti nammu faalamuu,
hafuurri ilma namaas garmalee jeeqameera, sababiin isaas
cubbuun hafuura abbaa fi haadha keenya jalqabaa keessatti waan
walitti makamee fi nuyis walitti makamuu sana isaanirraa waan
fudhanneefi. Hafuurri keenyaa inni guutummaatti jeeqame kun
isa caafanni amala dhabummaa jedhuun yoo ta’u innis mallattoo
amala cubbuuti (Hose 5:2; 9:9; Roomaa 1:28; 1Ximotewos 6:5;
2Ximotewos 3:8). Namoonni hundumtuu cubbuu in qaba-nuyillee,
warri kan Gooftaa taane in qabna. Namni kamiyyuu jireenya
kabajamaa jiraachuudhaan ykn tola ooluu fi gochaalee
qulqullummaa hojjechuudhaan fayyina argachuu kan hin dandeenye
sababuma kanaani (Efesoon 2:8-9). Kana malees warri
kutannoodhaan Gooftaa tajaajiluuf ifaajanillee xuraa'ummaa
hafuuraa muraasa kan of-keessaa hin dhabne kanumarraa kan
ka'edha.
VIII. FAYYINA
Fayyisaa ta'uu kan danda'u eenyu? Haalota akkamii keessa
darbuutu isaaf ta'a?
1. Inni bakka namoota kan biroo adabbii firdii Waaqayyoo
cubbuurratti baachuuf kan fedha qabu ta'uu qaba (Faarsaa
40:7-8, Yohaannis 12:27; 17:19; 18:11).
2. Inni uumaa cubbuu qabaachuu hin qabu, akkasumas immoo bakka
namoota kan biroo adabbii cubbuu baachuuf gochaan guutummaan
guutuutti cubbuu kan hin qabne ta'uu qaba (Luqaas 1:35;
Yohaannis 8:46).
3. Inni gosa aarsaa isa raajamee Waaqayyoon abboomame
dandamachuuf dhagna namaa qabaachuu qaba (Faarsaa 22:16;
Isaayyaas 52:13; 53:12).
4. Aarsaan Isaa lubbuu nama kan biraa qofaaf otuu hin ta'in
hundumaafuu akka ga'uu maluuf inni Waaqayyo ta'uu qaba (Yohaannis
1:3, 29, 26, Qolaasiyaas 1:15-17, 19; 2:9).
Tokkicha qofaatu ulaagaalee hundumaa danda'e, Isuma Tokkichatu
cubbuu biyya lafaatiif adabame: Gooftaa Yesuus Kiristoos:
Fayyinnis Yesuus Kiristoos duwwaadhaan malee, kan biraatiin
tokkollee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf
ta'u, Waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne (HoE 4:12).
Waaqayyo Isa Tokkicha, Isa dhugaa, yesuus Kiristoosiin isa Ati
ergites beekuun isaanii jireenya bara-baraati (Yohaannis
17:3).
Fayyinni humna cubbuu fi seexanaatii gara humna Waaqayyootti (Roomaa
1:16; 1Qoronts 15:56-57, Efesoon 2:1-6) yakka cubbuutirraa
gara dhiifama Waaqayyootti (Efesoon 1:7; Qolaasiyaas 1:14),
dukkana safuu/hamilee fi hafuuraatii gara hubannaa ifaatti
(1Tasolonqee 5:5, 1Yohaannis 1:5), jireenya hiikaa hin qabne
irraa gara jireenya ergamaa fi kaayyootti (Maatewos 28:18-20);
bara baraaf Garba Abiddaatirraa gara Waaqa bara-baraatti (Yohaannis
3:16; Mul'ata 20:15) walaba ba'uudha. Inni kun walaba ba'uu
foonii fi lubbuu daangaa hin qabnee gara bakka Waaqayyo
jiruutti kan fiduudha (Roomaa 8:23; 1Qorontos 15:12-58;
1Tasolonqee 4:13-17). Inni kan bara-baraati: Kanuma fe'ellee
ta'u namni kamiyyuu al-tokko fayyina isaa argannaan gonkumaa
hin dhabu (Yohaannis 10:28; 1Phexroos 1:5, 23; Yihudaa 1:1).
Fayyinni amantaa jabeessuu duwwaadhaan (Filiphiyusis 3:4-9),
tola hojjechuudhaan (Efesoon 2:8-9), hawaasa keessatti nama
kabaja qabu ta'uudhaan (1Qorontos 1:26-29, Yaaqob 2:5), ykn
immoo miseensa maatii namni kan biraa keessaa fayyee
ta'uudhaan (HoE 16:33) gonkumaa argamuu dhiisuu mala. Miilla
fannoo jalatti namoonni hundinuu cubbamoota (Roomaa 11:32),
fayyinas argachuu kan danda’an karaa tokko qofaadhaani:
wangeelatti amanuu (Yohaannis 3:16, Roomaa 10:11-13) argamuu
mala.
Amma yaa obboloota koo! Wangeela isa ani isinitti lallabe...caaffanni
Qulqullaa'oon akka jedhanitti, Kiristoos cubbuu keenyaaf
du'eera, Inni awwaalameera, caaffanni Qulqullaa'oon akka
jedhanitti guyyaa sadaffaattis du'aa kaafameera (1Qorontos
15:1-4).
Kiristoos cubbuu keenyaaf jecha bakka keenya du'e. Duuti Isaas
awwaalamuu Isaatiin mirkanaa'e, Waaqayyos cubbu-maleessa
ta'uusaa, Daabiloosii fi du'a irratti humna inni qabu,
akkasumas namoota kan biroo of-duukaa buusee gara injifannoo
guutuutti qajeelchuuf dandeettii inni qabu, inumaayyuu gara
qaama fooniitti isaan deebisuufi gara iddoo Waaqayyo jirutti
ol isaan fudhatamuu dabalatee dandeettii inni qabu mullisuuf
du'aa isa kaase (1Qorontos 15:12-57; 1Tasolonqee 4:13-18).
Namni kamiyyuu fayyuuf Yesuusitti amanuu qaba (Maatewos
7:13-14; Yohaannis 8:24 fi 14:6; HoE 4:12), garuu immoo
kanneen Isa hin dhageenye hoo maal ta'uu? Caaffata keessa
seera tokkotu jira, Namni tokko ifa argachuu danda'u yoo
argate, ifa fayyinaaf baay'ee isa barbaachisu hamma Inni
argatutti Waaqayyo gara ifaa isa caalutti isa qajeelcha, (Ermiyaas
29:12-14; Maatewos 7:7-8). Fakkeenyaaf, namni tokko mul'ata
uumamaatiin otoo Waaqa beekee (Faarsaa 19:1-4; Roomaa
1:18-20), maarree Waaqayyo hamma Inni Wangeela dhaga'utti
ibsaa sirriitti ifu in kennaaf, yoo barbaachisaa ta'e immoo,
tajaajilaa wangeelaa iddoo fagoo namni bira hin geenyettillee
in ergaaf.
Garuu fannoon nama fayisu yookiin fayyisaan nama Naazireet
Yesuus jedhamu ta’uu akka malu Waaqayyo otoo hin ibsin dura
namoonni bara dur-durii akkamitti fayyaa turan? Waaqayyo waan
inni hanga ammaatti hin ibsine namoonni eenyuyyuu akka amanu
gaafatee hin beeku; garuu immoo wantuma Inni hanga ammaatti
ibse akka amananiif gaafatee ture. Kanaafuu fakkeenyaaf, wanti
Waaqayyo fayyina Addaamii fi Hewaaniif gaafatee, Ilma dubartii
takkarraa dhalatu yeroodhaaf seexanni akka miidhu, garuu immoo
dabaree Isaa Inni seexana guutummaan guutuutti akka moo'atu
akka amanan ture (Seera Uumamaa 3:15).
Dhugaa isa Yesuus cubbuu keetiif du'uu Isaa, awwaalamuu Isaa
fi Waaqayyo warra du'an keessaa Isa kaasuu Isaa in fudhattaa?
Hojii Waaqayyoo isa jaalala irratti hundaa’eefi ulfaataa ta’e
kana amaniitii, fayyina bara-baraa argadhu!
IX. ISRAA'EL
Waaqayyo Abraamiin amma
Biyya kee, firootaa fi mana abbaa
keetii irraa, Gara biyya Ani si argisiisuu dhaqi;2. Ani saba
guddaa sin godha, sin eebbisa, maqaa kee nan guddisa, eebbas
in taata; 3. Warra si eebbisan nan eebbisa, warra si salphisan
nan abaara, qomoon biyya lafaa irraa hundinuu sababii keetiif
in eebbifama. Ani biyya kkanaa sanyii keetiif nan kenna”jedheen (Seera Uumamaa 12:1-3, 7). Kakuu Waaqayyo Abraamiif
gale kanarratti hundaa’uudhaanis, karaa ittiin eebbasaa biyya
lafaatiif dabarsuu danda’u tolchuuf saba tokko uume.
Isiraa'el xiqqittiin wiirtuu saba seenaa fi raajiiti. Isheen
xiyyeeffannaa fi handhura giddu-gala oduu biyya lafaati.
Qaroominnii fi seenaan addunyaa isheen biyya lafaatiif
gumaachitu bal'ina isheetiin kan walitti dhufuu miti. Walitti
dhufeenyi isheen Waaqayyo wajjin qabdu gochaalee dhumaarra
ta’an irratti fuulleedhaan dhiibbaa qaba. Akkaataan sabnii fi
namoonni tokko-tokko ishee wajjin walitti dhufan hiree isaanii
in miidha. Waaqayyo paatiraarkii Isiraa'eliif
Warra si
eebbisan nan eebisa, warra si salphisan nan abaara, qomoon
biyya lafaa irraa hundinuu sababii keetiif in eebbifama. “Ani
biyya kana sanyii keetiif nan kenna” jedhe (Umama 12:3), kun
ummataafis ta’e sabaaf in hojjeta. Kanaafuu waa'ee Isiraa'el
wanta caaffanni dubbatu qo’achuufi keessumattuu wangeela
fayyinaa isheedhaaf fiduudhaan eebba isheedhaaf ta’uun faaydaa
guddaa qaba.
Dubbifni asiin olii Kakuu Waaqayyo jalqaba Abrahaamiif gale
isa walumatti Kakuu Abrahaam of-keessatti qabatudha.
Dubbisoonni kan biroon: Seera Uumamaa 13:14-17; 15:1-21;
17:1-21 fi 22:15-18dha. Kakichi har'allee sababoota asiin
gadiitiin hojiirra oolaa akka jiru beekna:
1. Waaqayyos isa gara ilma Abrahaam Yisihaaqitti (Uma. 26:2-5,
24), gara Ilma Yisihaaq yaaqob (Uma. 28:13-15) warra maqaan
isaa Isiraa'el ta'eefi (Uma. 32:28) achumaan, dhuma irratti
ilmaan Isiraa'el hundumaa, dursitoota gosoota kudha lamaan
Isiraa'el, warreen wantoonni egeree isaan waliin raajametti (Uma.
49:1-28, keessattuu waraabbii 10) in dabarse.
2. Dubbisoota kakuu keessa jiran irratti hundaa’uun, Waaqayyo
sanyii Abrahaam kanneen qaccee kakuu keessa jiraniif wantoota
tokko-tokko wadaa in gale (Uma. 12:7, 13:15-16; 15:5, 13, 18:
17:7-10).
3. Waaqayyo Seera Uumamaa 17:7 keessatti fuuluma dura kakuusaa
Abrahaam qofaaf otuu hin ta'in dhalattoota (sanyii) isaatiifis
akka raawwatu dubbateera: Ani siif Waaqayyo ta'ee, si
booddeedhaanis sanyii keetiif Waaqayyo ta'uuf kakuu koo ofii
koo fi si gidduutti dhaloota si booddee jiran, sanyii isaanii
hundumaa gidduuttis kakuu bara-baraa godhee, cimsee nan dhaaba.
4. Roomaa 11:27 keessatti Phaawuloos Isiraa'el ilaalchisee
kakuu Waaqayyo sichiif ta'uu gale irra deddeebi'ee dubbate.
Yeroon cubbuu isaanii isaan irraa fuudhu, kakuu kookana
isaaniif nan dhaaba (Isaayyaas 59:19-21).
Kakuun Abraam kakuuwwan kan biroo sadii kanneen Waaqayyo saba
Isiraa'eliif gale kanneen hamma yeroo dhumaatti ta'an (Roomaa
9:4, 11:29), Biyya kakuu (Keessa Deebii 9:4, 11:29). Kakuu
Daawitii (2Saamu'el 7:11-16; 1Seenaa Baraa 17:10-14), fi Kakuu
Haaraa (Ermiyaas 31:31-37) irratti faca'e. Kakuuwwan kunniin
ammayyuu kan Isiraa'eli (Roomaa 9:4) garuu immoo Waaqayyo
sabni biyya lafaa hundumtuu amantii Yesuus Kiristoosiin
wantoota gaarii hafuuraa kanniinitti akka galan godhee jira (Efesoon
2:12-22; 3:6; Galaatiyaa 3:13-14).
Waaqayyo Isiraa'eliin kan filate isaan saba addaa ta'uun waan
isaan barbaachisuuf ykn immoo badhaasa adda akka argataniif
yookis immoo filatamuun isaanii saba kan biroo caalaa baay'ee
gaarii ykn kan cubbuun itti hin guddanne ta'uu isaanii irratti
kan hundaa’e hin turre. Filannoon Isiraa'el kophumatti kan
Waaqayyooti. Inni walabummaadhaan Isiraa'el kan filate
Qulqullummaafi ulfina Isaa sabootaatti agrsiisuu fi Abraamii
kaasee dhaloonni jiru hundi warra jalqabaa sagalee Waaqayyoo
fudhatan akka ta'aniif, saboota kan birootti raajii akka
himaniif, Masihichi akka isaan irraa argamuuf, waldaa
kiristaanaa bara durii akka dhaabu leenjisuu fi qajeelchu,
biyya lafaa hojii wangeelaatiin waliin gahuuf (fuulduratti),
yoomiyyuu ykn seenaa kam keessattiiyyuu saba isa tokkicha (dhaloota
sichi dhufuuf) fayyina waliigalaa biyyaaleessaatiin kan
eebbifamte akka taatuuf, Abraamii kaasee biyya lafaa keessatti
baroota hundaa hoomaa hojjettoota jalqabaa Masihichaa akka
ta’aniif, akkasumas akkuma Inni asiin dura mamii malee haalota
kakuuwwan danuu sirrumatti raawwate, sichis kanneen hafan
mamii tokko malee galmaan in ga'a.
Kakuun kan biraa Waaqayyo Isiraa'eliif gale in jira. Kakuu
Muusee ykn salphaadhumatti, Seerootaa fi gaaffiiwwan isaa
Seera Ba'uu 20:1 kaasee hanga Keessa-Debii 28:68tiitti
tarreeffamee jirudha. Asitti qabxiilee barbaachisoo afur
keessa deebinee ilaalla:
1. Seerichi Isiraa'elii fi Isiraa'el qofaaf kenname ture (Ba'u
20:1-17,22).
2. Inni kan isaaniif kenname saboota biraatirraa adda isaan
baasuun akka danda’amuufi (Lewota 11:44-45; Keessa Deebii 7:6;
14:1-2), waa’ee qulqullummaa isaan leenjisuuf, fuulduratti
caaffattootaa fi Masihicha akka isaan fidaniif, akkasumas gara
amantii Masihichaatti isaan qajeelchuufi (Roomaa 8:1-4;
Galaatiyaa 3:24-25).
3. Kakuuwwan Waaqayyo Isiraa'el wajjin gale kanneen biroon
Waaqayyoof amanamuu qofaa irratti kan hundaa’an waan ta’aniif
ammallee hojiirra oolaa jiru. Kakuun Muusee Isiraa'el
Waaqayyoof abboomamuu ishee irratti kan hundaa’e waan ta’eefi
Isiraa'el kakucha hojiirra oolaa hin jiru (Ermiyaas 31:32).
Inni yeroo fannootti hojiin ala ta'e (Roomaa 10:4; Efesoon
2:15, Qolaasiyaas 2:13-14; Ibroota 7;18; 10:19), har’a
abboommii kakuchaa tokkollee kabajuun hin
barbaachisu-kakuuwwan kurnanillee yoo ta’an (2Qorontos
3:2-11)- abboommii Samtabaatiin ala kurnan isaaniiyyuu bifa
addaatiin Kakuu Haaraa keessa taa’anii waan jiraniif akka
seera Kiristoosiitti eeggamu qabu (Roomaa 8:2; Galaatiyaa
6:2).
4. Waadaawwan kakuchaa keessaa ammallee otoo hin guutamin kan
jiran seerichi hojiirra oolaa waan hin turreef, seericha
irratti hundaa’uudhaan guutamuu hin danda’an, garuu kakuu
Abraam, Biyyaa, Daawitiifi Kakuuwwan Haaraa haal duree hin
qabneen in guutama.
X. WALDAA KIRISTAANAA
Isiraa'el dhaloota uumamaatiin saba Waaqayyooti. Waldaan
kiristaanaa dhaloota hafuuraatiin Pheenxeqoosxii fi ol
fudhatamuu/butamuu gidduutti saba Waaqayyooti (Yohaannis
3:6-7). Nuyis amma waldaa kiristaanaa kallattiiwwan sadan
caaffata keessatti beekamaniin: waldaa kiristaanaa addunyaa,
waldaa kiristaanaa naannoo fi gamtaa ergama wangeelotaa
qoranna.
A. WALDAA KIRISTAANAA ADDUNYAA
Maqaawwan waldaaf kennaman kanneen biroo keessaa, waldaan
kiristaanaa addunyaa akka “dhagna Kiristoosi” jedhamuudhaan
beekama (Roomaa 7:4; 1Qorontos 10;16 fi 12:27, Efeson 4:12),
kunis aboo tokkummaa uumamaa amantoota Kiristoosiin akka
mataatti fudhatan gidduu jiru himudha (Efesoon 1:22, 4:15,
5:23; Qolaasiyaas 1:18, 2:19). Waldaan kiristaanaa addunyaa
amantoota dhugaa yeroo pheenxeqoosxii kaasee hamma ol-butamuu,
kallattii biyya lafaa guutuu gara kamiinuu jiran kanneen
dursanii Waaqa irra jiraatanii fi ammayyuu lafa irra jiran of-
keessatti qabata. Waraabbilee HoE 1:5, 2:1-4; 10:44; 11:15-16
fi 1Qorontos 12:13, walcina firomsiifnee wayita ilaallu,
waldaan gaafa guyyaa pheenxeqoosxiitti akka hundoofte nutti
agarsiisa. HoE 11:15-16 keessatti Phexroos pheenxeqoosxee kan
jalqabaa akka true argisiisee jira. Inni waldaa Addunyaawaa
amantoota yeroo pheenxeqoosxi duraa fi yeroo ol-butamuu
booddee irraa garaa-garummaa jiru addaan baafamee beekamuu
qaba, sababiin isaas Inni karaa adda-addaatiin adda waan
ta'eefi; isaan keessaas warri gurguddoon:
1. Sababa dhugaa kanaatiin amanoota yeroo pheenxeqoosxee dura
lakkoofsaan xiqqootu Hafuurri “isaan” waliin ture, (Haala
murtaawaa ta’een ammoo “keessa” isaanii keessas ture akka ture
ni hubanna) ,amantoota hundaa yeroo Pheenxeqoosxi kaasee hanga
yeroo ol-butamuutti kan jiran “keessa” haafurriichii ni
jiraata.(Lakkoofsa 11:17-25;27:18; 2Mot 2:9-12, Yohannis
7:37-39; 14:16-17)
2. Garee kana qofaatu “Kiristoositti hafe” jedhama (Roomaa
12:5; 1Qorontos 1:2; 15:18 kkf)
3. Yeroo ol-butamutti warra du'anii fi lubbuudhaan jiran garee
kanaa keessaa qofaa lafarraa fudhatamuuf jiru, sababuma dhugaa
kanaatiin dhagnoonni amantoota yeroo pheenxeqoosxee duraa
kaasee hamma deebi'ee dhufuu Gooftaatti awwaaluma keessatti
hafa; akkasumas immoo kanneen ol-butamuudhaan booddee amananii
fi dhufaatii Gooftaa duraa yeroo Gidiraa Guddatti lafa irratti
kan hafan ta'u. Akkasumas garaa-garummaawwan kan biroo waldaa
kiristaanaa addunyaa irraa adda ta'an, gochaaleen kunniin,
kutaa “Karoora fuulduratti milkaa'uu danda'u argisiisu”
keessatti kan irratti mari'atamu ta'a.
B. WALDAA KIRISTAANAA NAANNOO
“Waldaa kiristaanaa naannoo garee amantoota masihichatti
amananii kanneen kaayyoo Ergama guddaatiif, ajaja cuuphaa fi
irbaata Gooftaa amaleeffachuuf, Waaqayyoof sagaduudhaan Dhagna
ijaaruuf, walitti dhufeenya amantoota gidduu jiru, barsiisa
sagantichaa fi hojiirra oolmaa kennaawwan hafuuraatiif
cuuphamaniifi kanneen ofii isaanii hoggansa jaarsolii fi
diyaaqoniyaa jalatti of gurmeessaniidha.
Macaafni Quqlulluun walitti dhufeenya karaa baratame qofaa hin
taane in jajjabeessa, walitti dhufeenyi inni baratamaan ergama
waliini tokkollee sadarkaa Macaafa Qulqulluutiin waldaa
kiristaanaa naannoo guutummaatti barsisuu danda'u miti.
Waldootiin kiristaanaa naannoo dhaabbatoota, itti
gaafatamootaa fi wantoota ofii isaanii balaa irraa ittiin of-ittisan
walitti dhufeenya baratamoo hin taane keessa kan hin jirre
qabu.
Dhagni Waliigalaa Kiristoos bara pheenxeqoosxii kaasee hamma
guyyaa ol-butamutti amantoota dhugaa hunda irraa kan walitti
ijaaramedha. Kun otoo kanumaan jiruu, Bara jireenyaa Waldaa
Kiristaanaa keessatti waldootiin kiristaanaa lakkoofsaan hin
beekamne biyya lafaa keessa turanillee dhagni Kiristoos Inni
waliigalaa tokko qofaatu jira. Sababuma dhugaa kanaatiin
dhagnchi amantootuma qofaadhaan walitti qabamee waldaan
kiristaanaa Inni dhugaa tokko amantootaafi gurmuu
amantootaatiin durfamuutu isheef ta'a, garuu immoo tarii otuu
hin beekamin miseensota ishee keessaa warra hin amanne of
keessatti qabachuus in malti (Maatewos 13:24-30, 31, 32). (Namni
tokko otuu nama dhugaa barbaada ta'ee Inni tarii walga'ii
waldaa irratti hirmaachuu in danda'a, garuu immoo
Kiristoositti yoo hin amanin miseensummaatti gonkumaa makamu
hin qabu. Waan ta'eefis uumamni dhagna waliigalaa yeroo
pheenxeqoosxii kaasee hamma yeroo ol-butamuutti addunyaa
guutuu irratti iddoo argata, waldaan Kiristaanaa naannoo, Bara
Waldaa Kiristaanaa keessa yeroo kamittuu jalqabuu dandeessu
takka, iddoo tokko jiraattullee (miseensota ishee keessaa
tokko-tokko tarii ergamoota wangeelaa iddoodhaa iddootti
naanna'an ta'uu malanillee), akkasumas immoo umrii dheeraan
jiraachuufi dhiisuun ishees kan mirkanaa’e miti. Eenyufaa
miseensota waldaa akka ta'an akkuma Gooftaa qofti beeku dhagni
waliigalaa yeroo tokko-tokko waldaa kiristaanaa hin mul'anne
jedhamee waamama. Akkasumas dhagni naannoo immoo ijatti waan
mul'attuuf waldaa mul'attu jedhamee waamama.
C. GAMTAA NAMOOTA ERGAMA WANGEELAATIIF BOBBA'ANII
Rogni biraa waldaa kiristaanaa caaffata keessatti beekamaa
ta’e waldaatti dabaluudhaan gamtaa namoota ergama Waneelaatti
bobba'aniiti. Nuyis isaan keessaa baayyee beekamaa kan ta’e
waa’ee Phaawuloos qoranna.
Abboommiin Gooftaa inni, Egaa dhaqaa, Maqaa Abbaatiifi
Ilmaatti, kan hafuura Quqlulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba
hundumaa bartoota koo godhaa (Maatewos 28:19) jedhu
xiyyeeffannaa akka argatu gochuun waamicha waldaa kiristaanaa
hundaati, garuu immoo Inni waamicha warra hojjettoota
wangeelaaf kennameefi (HoE 8:5, 26-36) gamtaa namoota ergama
Waneelaatti bobba'anii, wangeela isa dhugaa gara naannoo asiin
dura gonkumaa hin geeffamneetti geessuudha. Phaawuloos warra
Roomaatiin akkas jedhee tue “Hundee namin kan biraa jalqabe
irratti akkan hin hojjanneef immoo, lafa takkaa maqaan
Kiristoos hin dhaga'amiintti malee, wangeela akkan hin
lallabne murtoo godheera, akkuma caaffameyyuu “ISAAN ISA
TAKKAA WAA'EEN ISAA ISAANITTI HIN HIMAMIN IN ARGU, ISA TAKKAA
WAA'EE ISAA HIN DHAGA'INIS IN HUBATU” jedha (Isaayyaas 52:15)
(Roomaa 15:20-21); akkasumas immoo gara warra Qorontositti,
ammas nuyi isa namni kan biraa lafa hojii isaatitti hojjetee
qopheesseen otuu of hin jajin, isin garasittiyyuu darbinee
Wangeela in lallabna (2Qorontos 10:16).
Daangaa qulqullummaa keessatti Phawulos caalaatti kan milkaa'e
ta'uu ofiisaa aadaa hundaa fi namoota gara-garaatti madaqsuuf
in carraaqe (HoE 17:19-23. Dabalataanis 1Qorontos 9:19-23;
Qolaasiyaas 4:6). Innii fi gareen isaa Wangeela lallabanii,
waldoota kiristaanaa dhaabanii, jaarsolii waldaa muudanii (Titoo
1:5), akkasumas immoo kallattii isaa kamiiniyyuu hojii fi
sagalee Gooftaa akka babal'isaniif amantoota haaraa in
leenjisu ture (2Ximotewos 2:2). Wanta isaanirra ga'uuf malu
sodaachuun otuu hin mamin iddoowwan jibbitoonni jiranitti
akkuma iddoowwan nagaadhaan qophaa'anitti Wangeela
lallabuudhaan itti gaafatama guddaa fudhatan (HoE 4:19-20,
23:29; 2Qorontos 11:21-33). Isaan wantoota hundumaa yeruma
tokkoon hin hubatan ture (HoE 15), Gooftaan karoora isaanii
gidduutti jijjiire (HoE 16:7-9); isaan gidduu isaaniitti
mormii fi gaarreeffannoowwan ciccimoo qabu ture (HoE 11:2;
15:36-40; Galaatiyaa 2:12-14); ta'ullee, si’aayinni ergama
isaanii gufuufi hanqina hundumaa irra aanee, isaanis Waaqayyo
hojii isaa akka isaan keessatti hojjetu amananii hojiisaanii
itti fufan, Innis akkasuma godhee: gareen Phaawuloos qofaan
lafa galaana Mediteraaniyaa qarqara kaabaa hunda keessatti
waldootii kiristaanaa dhaabanii in leenjisan. Yesuusis akkuma
waadaa galetti, raawwate; Anis dhagaa hin sochoone kana
irratti waldaa koo nan ijaara, gooftummaan du'aas mootummaa
waldichaa irratti humna hin godhatu hin moo'us (Maatewos
16:18).
Gareen Phaawulos ergama isaannii sirriitti hubatanii turan:
Innis barsiisaa warra ormaa ta’uun ergama dura-bu’aa isaanii
ture. Inni wanta addatti yaadatamuu qabuudha, ta'ullee
Waaqayyo Phexroosiin warra Yihudootaatiif Phaawuloosiin immoo
warra Ormaatiif waamullee (Galtaatiyaa 2:7), ergamichi warra
Ormoota gara fedhe yoo deemellee, yeruma hunda jalqaba warra
Yihudootaatiif lallaba ture (Roomaa 1:6), sababiin isaas
Inni
barbaachisaa waan ta'ee fi (HoE 13:46). Kitaaba HoE guutuusaa
dubbisaa. Kun dhugaa ta'uu isaa in argitu. Phaawulos gara
iddoo asiin dura itti tajaajiletti yommuu deebi'u inni
deebisee haaluma walfakkaataa hordofa ture (HoE 18:19;
19:1-8). Jalqaba Yihudootaaf seerri jedhu har’allee hojiirra
oolaa jira, akkasumas waldaa kiristaanaa akkuma waggaa 1900f
waan kana dagattee turte amma hanga danda’ametti hordofuuf
qophooftee eegdi.
Walaan kiristaanaa naannoo fi gareen ergamaa wangeelaa, lamaan
isaaniiyyuu hojii Waaqaa Gooftaan eeyyameefi hojii adda ta’ee
hojjetaa jirra jedhanii beekamtii walii kennu. Lamaan
isaaniiyyuu aboofi itti-gaafatamummaa wal-qixa ta’e qabna
jedhanii yaadu, walis in tajaajilaa turan. Hafuurri Qulqulluun
yommuu Barnaabaasii fi Saa'ulin hojii ani itti isaan waameef,
addaan anaaf baasaa jedhetti, dura-buutonni waldaa
kiristaanaa Anxookiyaa soomaan, kadhataa fi harka isaanii
mataa jaraa irra kaa'anii jara hojichaaf in ergan (HoE
13:1-3). Yommuu imalli Phaawuloos Bitaaniyaadhaa gara
Maaqedooniyaatti Gooftaadhaan jijjiiramu, (HoE 16:7-10),
eeyyama jaarsolii Anxookiyaa ykn jaarsolii yeruusaalem
argachuudhaaf otuu hin barbaadin Inni battalumatti... gara
Maqedooinyaatti ce'uu abballe.
Miseensonni waldaa kiristaanaa naannoo, gareewwan ergamoota
wangeelaa Phaawuloos itti in makamanii (HoE 12:12; 16:1-3;
20:14), balbala isaanii isaaniif in bananii (HoE 16:14-15),
isaaniif kadhatanii (Qolaatiyaas 4:13; Efesoon 6:19)
maallaqaanis isaan in gargaaranii (2Qorontos 8:3, 5; 11:9;
Philiphiyusis 4:14-16), akkasumas isaaniif ittigaafatama
guddaa in fudhatan (Roomaa 16:3-40).
Haala barbaachisaa ta'een, gareewwan ergamoota wangeelaa
waldoota kiristaanaa naannoo dhaabanii yeroo dheeraadhaaf
isaan wajjin in turan ykn immoo isaanitti in deebi'an, yeroo
barbaachisaa ta'etti, isaan dhaabachuu isaanii fi gaariitti
sagalichaan leenji'uu isaanii mirkaneeffachuuf
Phaawulos
waldoota kiristaanaa cimsaa, kutaa biyya Sooriyaa fi
Qiliiqiyaa keessa darbe (HoE 15:41),
Dubbii Waaqayyoo isaan
keessatti barsiisaa waggaa fi ji'a-ja'a isaan bira taa'e [Qorontos]
(HoE 18:9-11) jaarsolii warra Efesoonitti Inni akkas ittiin
jedhe Waggaa sadii halkanii fi guyyaa otuu gargar hin kutin
imimmaaniinakkan tokkon tokkon keessan gorsaa ture yaadadhaa!
(HoE 20:31), Tiitoosiif, Sababiin ani qareexis biyya bishaan
keessatti si hambiseefis wanta toora hin qabatin hafe akka
toora qabsiiftuuf, mandaruma mandarattis akkuma ani si
argisiisetti jaarsolii hojii waldaa gaggeessuu irra akka
dhaabduuf ture jedhee barreesse (Tiitoo 1:5, Dabalataanis HoE
20:28-32, Roomaa 16:17-19; filiphiyusis 3:15-16; 1Qorontos 5:1
1Tasolonqee 5:12-22). Inni dabalataanis karaa
ergaawwaniitiinis waldootii kiristaanaa naannoo tajaajileera,
akkasumas immoo Innii fi gareewwan isaa fedhoota adda waldoota
kiristaanaa qunnamuudhaan gargaaraniirus. Yommu qulqulloonni
Yeruusaalem keessaa gargaaraa barbaadanitti, gareewwan
Phaawulos kaayyichaaf waldoota irraa arjooma argatanii turan (HoE
11:29-30; 1Qorontos 16:1-3).
Yeroon jijjiiramee, ergamoonni wangeelaa hammayyaas in uumaman:
Hojjettoonni Macaafa Qulqulluu hiikan, hojjettoonni ayyaanaa/araaraa
dhaabbileen wangeelaa hammayyaafi kanneen biroo, isaan kun
immoo gaariifi bayeessa. Ta'ullee, pirojektiin Joshuwaa giddu-gala
ergama addunyaa Ameeriikaa (josuaproject.net), akka jedhutti,
addunyaa keessaa dhibbantaa afurtamii tokko bira wangeelli
ammayyuu hin geenye, gareewwan ergamoota wangeelaa kan akka
Phaawulosii ammayyuu in barbaadamu. Wanta Yesuus waggoota kuma
lama dura dubbate har'as in hojjeta Midhaan sassaabamu
baay'edha, hojjettoonni sassaaban garuu muraasa: egaa
hojjetoota warra midhaan sassaaban itti haa yaafatuuf, abbaa
midhaanichaa kadhadhaa! jedhe (Maatewos 9:37-38). Hojiin
ergamummaa wangeelaa akka itti fufuu fi gara naannoowwan
gararraatti akka erguuf Waaqayyo dhiiraaf dubartii ciccimoo,
jajjaboo fi ogeessota haa kaasu. Ameen
XI. KAROORA MILKII FUULA DURAA ARGISIISUU DANDA’U
Biyyi lafaa cubbuufi haala gaddisiisaa amma keessa jiru
qabatee yeroo dheeraadhaaf itti hin fufu, yookiis immoo biyyi
lafaa ykn jireenyi isarraa balaa tasaa ykn harka namaatiin hin
barbadaa'u. Akka sagalee abdii kennameetti Waaqayyo warra
fayyaniif karoora milkaa'uu danda'u warra hin fayyineef immoo
akeekkachiisa, akkasumas immoo hundumaafuu haqafi araara isaa
qopheesseera.
A. OL-BUTAMUU
Warri saba Kiristoos hin ta’in al-tokko guutummaatti saba
isaatti erga dabalamanii booda (Roomaa 11:25), Waaqayyo
miseensota isaa du’an hunduma du'aa-kaasee jaraafi miseensota
isaa lafarra jiran hundumaa, iddoo inni jiruutti sirna
ol-butamuu jedhamee beekamuun ofitti ol isaan fudhata
(1Qorontos 15:12-57; 1Tasolonqee 4:13-18),
kanaafis [isaan]
baruma-baraanuu Gooftaa wajjin jiraatu (Tasolonqee 4:17).
Kanneen Kiristoos wajjin jiran qofaatu itti makama
(1Tasolonqee 4:16). Qulqulloonni Kakuu Moofaa fi kanneen yeroo
Gidiraa Guddaatti fayyfaman jalqaba bara muudamummaatti du'aa
kan kaafaman in ta'u (Isaayyaas 26:19; Daani'el 12:2).
Ol-butamuun battalatti, hamma liphisuu ijaa yommuu ta'u,
yerichatti dhagnoonni keenya, kanneen amma dadhabootaa fi
dhukkuba, du'aafi tortoruudhaaf sababa ta'an, yeros kan hin
dadhabne, humnaan kan guutamaniif kan hin duune in ta'u
(1Qorontos 15:52-54). Foon keenya yeroo ammaa kana jireenya
abaaramaa lafaa kanaan walitti mijaa'ee jiraatu, jireenya
ulfina qabeessa iddoo Waaqayyo qulqulluun keenya jiru wajjin
wal-simu ta'ee bara-baraaf kan jiraatu in ta'a.
B. YEROO GIDIRAA GUDDAA
Ol-butamuu Waldaa kiristaanaatiin booda, yeroon turtii waggaa
torbaa Gidiraa Guddaa jedhamee waamamu in jalqaba (Daani'eel
9:27, mat. 24:21). Innis Waaqayyo yeroo firdii gadadoo kana
warra isa didaniif waan ol-kaa’eef haala biyyi lafaa asiin
dura argee hin beekneen yeroo waraanaa, badiisaa fi
barbadaa'uu ta’a (2Tasolonqee 2:8-13). Waldaan kiristaanaa
erga ol- butamtee booda, iddoo qulqulloonni tokkoon-tokkoon
isaanii hojii lafa irratti isaaf hojjetaniif itti badhaafaman
(Roomaa 14:10-12; 1Qorontos 3:11-15; 2Qorontos 5:10), jannata
keessa nagaadhaan Kiristoos wajjin jiraatti (1Tasolonqee 1:10;
5:2-9; Mul'ata 3:10); akkasumas immoo waldaan kiristaanaa,
Misirroon Kiristoos, Isatti in heerumti (Mul'ata 19:6-8).
Lafa irratti, Farri Kiristoos, namni guutummaan-guutuutti
seexanaaf of kenne tokko saboota gidduutti in ka’a
(2Tasolonqee 2:1-3). Isiraa'elis sodaa barbaadaa'uu saboota
isheetti garagalanii irraa ka’uudhaan namicha wajjin
waliigaltee eegumsaa waggaa torbaa in mallatteessiti, kunis
Gidiraa Guddichi jalqabamuu isaaf mallattoo in ta'a. Waggaa
sadi'ii fi walakkaadhaan booda Farri Kiristoos waliigaltee
sana in cabsa: Inni Mana Qulqullummaa Yeruusaalem keessa
taa'ee, ani Waaqayyo ofiin jechuudhaan labsee Yihudoonni akka
isaaf sagadan gaafatee, hoomaawwan waraanaa biyya lafaa akka
Yihudoota barbadeessaniif walitti in qaba (Daani'eel 9:27;
Maatewos 24:15-16; 2Tasolonqee 2:3-4; Mulata 11:1-2; Mul'ata
12:13-15).
Waaqayyo yeroo Gidiraa kanatti kaayyoowwan gurguddoo in
raawwata:
1. Inni Yihudota dhuma waggootta torbanii irratti lubbuudhaan
hafan hunda baraaruuf jecha danqaraa Isiraa'el Masihicha
diduudhaan uumte in cabsa (Isaayyaas 28:14-22; Hisqi'el
20;33-38; Zakkaariyaas 13:1; Maatewos 23:39).
2. Saboota biyya lafaa keessa danuu isaanii gara amantii
fayyinaatti in fida (Mul'ata 7:1-4, 9-17).
3. Inni qajeelfama biyya lafaa jal'aa fi kanneen Kiristoos
akka fayyisaa isaanitti fudhachuu didan hunda in barbadeessa (Isaayyaas
13:9; 24:19-20; Zakkaariyaas 12:2-9, Mul'ata 17:1; 18:2;
19:2).
Fayyina Isiraa'elirraan, Masihichi baabura Isaatiin waldaa
kiristaanaa wajjin gara lafaatti in deebi'a (Roomaa 11:26-27;
Yihudaa 1:14-15). Inni waggaa kuma tokkoof seexana hidhuudhaan
diinota isiraa'el in moo'a (Mul'ata 19:11-21), akkasumas immoo
Mootummaasaa waggaa kuma tokkoo lafa irratti in dhaaba (Mul'ata
20:1-3, 5, 7).
C. BARA MASIHUMMAA YKN BARKUMEE
Namnii fi mootummoonni isaa Waaqayyoon hin qabne biyya
lafaatti badiisa guddaa akkasumas immoo dhala namaa hundumaa
irratti rakkina himamuu hin dandeenye fidaniiru. Gooftaan
teessoo Mootummaa Isaa Yeruusaalem jirurraa biyya lafaa in
bulcha, wanti hundumtuus in geeddarama (Faarsaa 2:6-8;
Isaayyaas 9:6-7; Luqaas 1:30-33).
Waaqayyo quqlulloota Kakuu Moofaa fi yeroo Gidiraa Guddaatti
du'an hunda du'aa in kaasa (Isaayyaas 26:19; Daani'el 12:2),
akkasumas immoo, biyya lafaa kana akka isheen dinqisiisoo
taatutti deebisee in qaroomsa (Isaayyaas 2:4; 11:6-9; 35:1-2;
65:17,20); akkasumas immoo ayyaanni cidha Hoolichaa fi waldaa
kiristaanaa, misirroo isaa, in jalqaba (Mul'ata 19:9).
Waldaa kiristaanaa deebitee fi qulqulloonni yeroo Gidiraa
Guddaatti du'aa ka'umsa argatan Masihichaa wajjin biyya lafaa
irratti in moo’u (Mul'ata 20:4), Daawit mootichi Isiraa'el in
bulcha, akkasumas immoo ergamoonni kudha lamaan isa jalatti
gosoota Isiraa'el kudha lamaan in bulchu (Hisqi'el 34:23-24,
Ermiyaas 30:9; Maatewos 19:28; Luqaas 22:28-30). Eebbawwan
lafarratti Isiraa'eliif waadaa galaman hundinuu in raawwatamu.
Waaqayyo biyyoota Isiraa'eloonni keessaitti faca'anii jiranii
gara Biyya abdachiifamteefi iddoo isaan itti daangaa ishee
guutuudhaan gammachuu safara hin qabneen keessa jiraatanitti
deebisee walitti isaan in qaba. Sana booda Isiraa'el saboota
hundumaa kan caaltu taatee in uumamti (Keessa Deebii 15:6;
28:1,13; 30:5; Isaayyaas 11:11-12; 61:6; Maarqoos 13:27).
Isiraa'eloonni Mootummicha keessatti dhalatan hundinuu kan
fayyan in ta'u (Isaayyaas 44:5; 45:17; Ermiyaas 24:7;
31:33-34; 50:19-20; Hisiqi'el 11:19-20; 36:25-27), Isiraa'el
biyya lafaatiif dambalii hojjettoota wangeelaa jalqabaa
Masihichaa in taati (Zakkaariyaas 8:20-23), akkasumas ishee fi
waldaan kiristaanaa warra Mootummicha keessa jiraataniif
luboota Waaqayyoo in ta'u (Ba'u 19:6, 1Phexros 2:9; Mul'ata
1:6; 5:10). Hoolonni warra Ormaa, kanneen Isiraa'eloota yeroo
Gidiraa Guddaa sanatti ari'amaniif iddoo baqaa kennan, kan
fayyan ta'anii Mootummichatti in galu (Maatewos 25:31-40).
Warri Ormaa Mootummicha keessatti dhalatan hundinuu fayyina
argachuu in danda'u (Isaayyaas 65:20), akkasumas saboonni
lafaa hundi (Zakkaariyaas 14:17-19) akkasumas kanneen baroota
hundumaa keessatti fayyina argatan hundinuu Mana Qulqullummaa
Magaalaa Qulqullittii Yeruusaalem keessatti dhaabatu isa
haaraa keessatti Mooticha in waaqessu (Isaayyuu 2:2-4,
Hisqi'el 40:1; 46:24).
D. FIRDII BARA-BARAA
Ergamoonni qulqulloonni hundumtuu iddoo Waaqayyo bara-baraaf
jiraatu hunda in jiraatu (Ibroota 12:22). Seexannii fi
ergamoonni isaa hundinuu gara Galaana Abiddaa isa bara-baraaf
guubatuutti in darbatamu (Maatewos 25:41, Mul'ata 19:11-21;
20:1-2, 10). Nama ilaalchisee, namoonni al tokko du'uuf
kaa'amaniiru; isa booddee immoo firdiitti in dhi'aatu (Ibroota
9:27) Deebi'anii foon uffachuun wayiituu hin jiraatu. Hireen
gochaa nama tokko fulduratti murteessu hin jiru. Eenyutu
yomiyyuu isa argata? Iddoon gadadoo, bakki namni tokko jannata
otoo hin seenin dura cubbuusaa ofirraa itti dhiqu jiraachusaa
Kitaabni Qulqulluun bakka itti dubbatu hin qabu. Yesuus fannoo
irratti hatticha amanaadhaan, “dhuguman sitti hima har’a ana
wajjin jannata keessatti in argamta (Luq 23:43);”
jedheen.
Phaawuloosis, “Mana dhagna keenyaa kana irraas fagaannee, mana
keenyatti gooftaa bira jiraachuun nuuf in wayya (2 Qor 5:8).”
Fayyinni warra baraaramanii mudaa dhabuu Masihichaatiin argama:
mudaa dhabuufi qulqullinni isaa keenya kan ta’u cubbuu
keenyaaf aarsaa ta’uusaa yommuu amannudha (1Qorontos 1:30).
Warri baroota hundumaa keessatti fayyina argatan baruma-baraaf
Waaqayyo wajjin Waaqarra in jiraatu (Yohaannis 3:16) warri hin
fayyine garuu dhuma Barkumichaatti adabbiin isaanii bara-baraa
Galaana Abiddaa keessatti akka ta’u murteessuuf Firdii Teessoo
Adii Fulduratti kan itti faradamu in ta'u (Daani'el 12:2;
Mul'ata 19:20; 20:5, 10-15).
E. BAROOTA BARA-BARAA
Firdii warra jal'ataniitti aanuudhaan, Waaqayyo
bantii Waaqaa
haaraa fi lafa haaraa in uuma, bantiin Waaqaa Inni duraa,
lafti Inni duraas darbaniiru (Mul'ata 21:1); akkasumas immoo
ergamoonni qulqulloonnii fi qulqulloonni baroota hundumaa
iddoo Abbaan, Ilmii fi Hafuurri Qulqulluun jiraatan
Yeruusaalem Haaraa, ishee jannatarraa lafa ishee haaraarra
qubachuuf gadi buuturra bara-baraaf in jiraatu (Ibroota
12:22-23; Mul'ata 21:22:5).
*
ENDNOTES
1. In
this author’s opinion, the very best volume on future things
is The Footsteps of the Messiah, by Dr. Arnold G.
Fruchtenbaum, my mentor in the Word, which is available in
print and various electronic formats at www.Ariel.org, or
Ariel Ministries, P.O. Box 792507, San Antonio, TX 78279-2509,
USA.
2. Herbert Nilsson, Dr., University of Lund, Sweden. Quoted in
Why We Believe in Creation: Part III - The Fossil Record,"
Winkey Pratney (Pretty Good Printing, Last Days Ministries,
Lindale, TX., 1984), p. 1.
3. Charles Ryrie, Dr. Basic Theology (Chicago: Moody Press,
1981), 41.
4. Jamieson, Fausset and Brown, Commentary on the Whole Bible,
on 1 John 4:8.
5. Chafer, Dr. Louis Sperry. Systematic Theology, Volume 1,
245.
6. Fruchtenbaum, Dr. Arnold G. Radio Manuscript #63: The Deity
of the Messiah. San Antonio: Ariel Ministries Press. P. 12).
7. Ryrie, Dr. Charles Caldwell. The Ryrie Study Bible.
Chicago: Moody, 1978.
8. Fruchtenbaum, Dr. Arnold G. Radio Manuscript # 186, "The
Seven Days of Creation," San Antonio: Ariel Ministries Press.
Pp. 14-15.
9. Fruchtenbaum, Dr. Arnold G. Messianic Bible Study 106: The
Local Church, p. 5. San Antonio: Ariel Ministries Press.
*
Kitaaba Xiqqaa Barsiisa Macaafa Qulqulluu
©Normaan Manzooniin 2010, USA. Mirgii Maxxansaa
Seeraan kan
Eegameedha.
“Kitaaba Xiqqaa Barsiisa Macaafa Qulqulluu”
Kaffaltii tokko
malee bilisaan to’annaa obbo Zaman Indaaleetiin
kan
raabsamuudha. Finfinnee, Itoophiyaa.
Copying and Republication Guidelines
*
A Handbook of Bible Doctrine.
© Norman Manzon 2010, USA. All rights reserved.
Copying and Republication Guidelines
"A Handbook of Bible Doctrine" is to be distributed free of
charge under the sole supervision of Mr. Zemen Endale of Addis
Ababa, Ethiopia.
*