Macaafin Qulqulluun
yeroo waggoota 1600 keessatti
afaanota adda-addaa sadi’iin namoota
adda-addaa afurtama ta’an kan yoo
xinnaate gosa hojii gara-garaa
kudha-tokko irraatti bobba’anii
jiraniifi moototaa hamma qonnaan
bultootaa of-keessaa qabuun yoo
xinnaatee biyyoota ardiiwwan sadi’ii
ja’a keessatti barreefame.
Kitaabonni adda-addaa yaada
wal-faalleessaa qaban danuun biyya
lafaarra in jiru. Macaafin
Qulqulluun garuu odeeffannoo
walfaalleessu wayii kan hin
qabneedha. Inni gamtaa kitaabota
ja’atamii ja’aa guutummaa-guutuutti
dhaamsaa fi seenaa walitti hin buune
of-keessaa qabu kitaaba tokko.
Shakkii malee, hamma harka
namootaatiin barreeffametti,
Macaafni Qulqulluun gargaarsa
mul’atatiin, dadamaqiinsaa fi
too’annoo Waaqayyootiin qofaa
barreeffamuu danda’a.
2Ximotewos 3:16 keessatti,
caaffanni
Qulqullaa’aan hundinuu
gaggeessaa Hafuura Waaqayyootiin
caafame; jedhamee nutti himamee
jira. Jechi Giriikii
hiikkaa gaggeessaa Waaqayyootiin
jedhu “Theopnevstos”dha. San
jechuunis “hafuura Waaqayyo baafate”
jechuu yoo ta’u, kan irratti
xiyyeeffatus “afaan Waaqayyootii
ba’uu” irratti. Gaggeessaanis
maarree dhugumattuu hafuura gadi
baafachuudha. Waaqayyo karaa
barreessitoota namaatiin Macaafa
Qulqulluu akka “Hafuuraatti gadi
baafate”.
Waraabbiileen kunniin dhuma Macaafa
Qulqulluu kan ta’e Kitaaba Mul’ata
Yohaannis gara xumuraa, waraabbilee
dhumaa sadii ykn afur dura jiru.
Ani kana kanan caafu,
nama dubbii macaafa
kana keessatti raajii
dubbatame dhaga’u, of
eeggachiisuudhaa fi
dhugaa itti ba’uuf nan
jedha. Namin dubbii
kanatti yoo waa
dabale, Waaqayyo adaba
isaa irratti dha’icha
waa’een isaanii
macaafa kana keessatti
caafaman isatti
dabaluuf jira. Namni
dubbii macaafa kana
keessatti raajii
dubbatame irraa yoo
waa hir’isee immoo,
Waaqayyo muka jireenya
kennuu fi mandaratti
qulqulluu waa’een
isaanii macaafa kana
keessatti caafaman
keessaa qooda isaa
hir’isuuf jira.
~ Mul.
22:18-19 ~
|
Akeekkachiisonni balaafamoon
qabiyyee kitaabichaa jijjiiruun
walqabatee Yohaannis labse kunniin
ifumatti macaafichi Dubbii
Waaqayyoo ta’uusaafi akkuma
Mul’anni raajiiwwan dhibbaatama
Kakuu Moofaa keessatti ibseef
barsiisota ijoo Kakuu Haaraa ta’uu
isaa argisiisu, dabalataanis immoo
guutummaan Macaafa Qulqulluu
sagalee Waaqayyoo yoo ta’u
akkasumas immoo akeekkachiisni
Yohaannis qabiyyeesaa jijjiiruu
akka hin qabne kan eeruudha.
Kanaafuu akeekkachiisonin
Yohaannis akka mul’ata Waaqayyoo
hamma mul’ata bara mootii Moototaa
fi Gooftaa Gooftootaa Mataa Isaa
deebi’uu Isaatti namaaf kenname
akka dhumaatti kitaabilee jaatamii
ja’an Macaafa Qulqulluu in
saamsamsu.
Duulli hedduun Macaafa Qulqulluu
irratti taasifamaa turaniiru. Haa
ta’u malee, abukaatonni rakkina
Inni qabu barbaaduuf dubbisanii
booddeerra amantoota ta’aniiru!
Iddoon Macaafin Qulqulluu
dhimmoota seena-qabeessa ta’an
tuqutti beektoonni seenaa fi
arkiyooloojistoonni haala dinqii
ta’een sirrii ta’uusaa arganiiru.
Iddoo Inni waa’ee saayinsii
dubbatutti dhimma uumama
bantiiwwan Waaqaaf lafaa fi lubbuu
dabalatee dhugaa ta’uunsaa
mirkanaa’eera. Carraaqqii umrii
guutuu booda saayintiistiin
itti’aanu kun dhugaa inni ba’e
dhaggeeffadhaa:
“Hafteewwan biqiltoota bara durii
yommuu ilaallu, hundumtii
isaanituu marroo dhaabbii ta’eefi
yeroo tokkotti akka tasaa daraaraa
guutuu ta’anii heddumminaan
jiraataa akka turan hubanna.
Jijjiiramin wayiituu gonkumaa hin
jiru. Kun ti’oorii jijjiirama
suuta-suutaatiin kan walfaalleessu
ta’ee mul’ata. Argannoowwan koo
hundinuu haala dinqisiisaa ta’een
gara walfaalleessuutti
qajeelaniiru … ti’ooriin
jijjiirama suuta-suutaa
guutummaa-guutuutti hafuu qaba
hanga jedhamutti … Inni qoo’annoo
baayoolojiitiif gufuu hamaadha.
Jijjiirama suuta-suutaa
qorannoodhaan mul’isuuf
carraaqqiiwwan ani waggoota 40
caalaaf gochaa ture
guutummaan-guutuutti na jalaa
fashalaa’aniiru!
Macaafin Qulqulluun “Waaqayyo
jalqabumatti bantiiwwan Waaqaa
fi lafa uume”
(Seera Uumamaa 1:1) jedha. Waaqayyo
Gooftaan biyyoo lafaattii nama
tolchee, hafuura jireenya itti
godhu funyaan isaatti in
baafate, akkasitti namin
uumama lubbuu qabaatee jiraatu
ta’e (Seera Uumamaa
2:7).
Kitaabni akka Macaafa Qulqulluu
waa’ee jaalalaa jajjabeessu
tokkollee hin jiru. Inni “Obboleessa
kee akkuma ofii kee jaal’adhu
jaalachuutu siif ta’a.
(Seera Lewotaa 19:18), Wangeela
Maatwos 22:39) akkasumas immoo “diinota
keessan jaaladhaa, warra isin
ari’ataniifis kadhadhaa!”
(Mat. 5:44) jechuun labse. Inni
dabalataanis miidhaginaa fi
eebifamuu gaa’ilaa fi maatii
deeggaree walitti dhufeenya
dinqisiisoo namoonni qaban kanniin
diiguuf warra nama doorsisan hunda
balaaleffateera.
Ulfina dubartoota, warra,
ijoollee, warra hin dhalanne,
hiyyeeyyii, warra qaamaan
gidiramanii fi keessummootaaf
kennamuu qabu irrattis Inni akka
Sunaamiitti addunyaa waliin
gaheera. Shakkii tokko malee Inni
sagalee jaalala Waaqa jaalalaa
biraa dhala namaa isa Inni karaa
hundaan fayyisuu fi eebbisuu
fedhuuf dhufedha.
II.
HAALA WAAQAYYOO
Waaqayyo ofuma Isaatiin jiraata.
Haalli jireenya Isaa jireenya
uumama kan biraa wajjin walitti
dhufeenya kan qabu miti (Uma.
1:1). Waaqayyo Dhagna dhugaadha,
foon akka keessanii fi koo kan
qabu otuu hin ta’in, Dhagna
Hafuuraati (Yoh. 4:24). Waaqin
humna kan fayyadamu yoo ta’ellee
Inni humna qofaa miti ykn Inni waa
hunda kan of-keessaa qabuufi
gamtaa waan lafarra jiruu hundaa
miti. Walumaagalatti namummaa
qabaachuuf wantoota sadiitu
barbaachisu jedhamee yaadama,
Waaqayyos hundasaaniiyyuu qaba.
1. Dandeettii sammuu waan hunda
qabuu: dandeettii yaaduu, sababaa
fi karoora (Isaayyaas 1:18).
2. Miira jabaa: dandeettii hafuura
nama tokkootiin miiraan dhaga’u
(Ba’u 4:14; Efe. 4:30).
3. Fedha: dandeettii haala gochaa
filuu (Uma. 1:3).
Waaqayyo sadii Waaqa Tokko. Inni
Dhagnoota Waaqummaa, Abbaa, Ilmaa
fi Hafuura Qulqulluu sadanii kan
jiraatu Waaqayyo Tokko. (Mat.
28:19).
Waaqayyo jalqabaa fi dhuma hin
qabu: Inni wantoota kamiiinyyuu,
bifa humnaatiin, lubbuun,
hafuuraan, yaadaan, miiraan,
iddoodhaan, ykn immoo wanta kan
biraa mootummaa lafaatiiinllee
ta’ee isa gararraadhaan haalli
jireenya Isaa kan daangeeffamme
ykn kan murtaa’e miti” (1Motota
8:27).
Waaqayyo Waaqa bara-baraati; Inni
otuu adda hin cinne ykn yeroo
darbetti, yeroo ammaattii fi yeroo
fuulduraatti hin daangeeffamiin
jiraata (Ba’u 3:14, Kes. 33:27;
Far. 90:2).
Waaqayyo iddoo hundattuu in
argama. “Waaqayyo Iddoo
kamiyyuutti dhagna Isaa
guutummaadhaan in argama”3. Ta’us
daangaamaleessummaan iddoo
Waaqayyo jiru haala murtaa’aa
ta’een argisiisa. Iddoo hundatti
argamuun isaa garuu iddoo Waaqayyo
jiru ballina irratti hundaa’uun
argisiisa (Far. 139:7-10).
Waaqayyo waanuma hunda danda’a.
Inni wanti tokkoyyuu otuu Isa hin
daangeessin wantoonni hundiyyuu
otuu haala Isaa hin hidhin
raawwachuuf daangaa malee humna
kan qabuudha. Haa ta’u malee Inni
wantoota ulfina Isaatiin faallaa
ta’an raawwachuu hin danda’u.
Fakkeenyaaf Inni Waaqayyo ta’uu
dhiisuu hin danda’u (Far. 90:2);
Inni gochaawwan cubbuu bira hin
darbu (Yaaqob 1:13) Inni kakuu
galee hin diigu ykn Dubbii Isaa
keessa hin deebi’u (Lakk. 23:19;
2Xim. 2:13); Inni sobuu hin
danda’u (Lak. 23:19; Ibr. 6:18;
Tit. 1:2).
Waaqayyo waan hundaa beekaadha:
Inni wantoota mul’atanii fi
wantoota baay’ee xixinnoo
ta’anirraa hamma dhuma hin
qabneetti mootummaa kamiyyuu
keessatti yeruma hundumaa
guutummaa guutuutti beekumsa in
qaba. (Far. 139:16; HoE. 15:18;
Ibr. 4:13)
Waaqayyo muudaa hin qabu. Inni
guutummaan guutuutti hanqina kan
hin qabnee fi muudaa kan hin
qabnedha (Mat. 5:48).
Waaqayyo jaalala (1Yoh. 4:8, 16).
Waaqayyo haala baay’ee
barbaachisaa ta’ee fi bu’uura
ta’een jaalala.”4
Kanaafuu fedhiin Isaa Inni
bara-baraa eebbisuudha. (1Yoh.
3:16; 15:13; 1Yoh. 4:10).
Waaqayyo Ifa (1Yoh. 1:5): haaluma
Isaa isa cimaadhaan Waaqayyo
burqaa ifoota hafuura hundaati.
Waaqayyo kan hin jijjiiramne, Inni
haala Isaatiin bara-baraaf kan hin
geeddaramne, akkasumas immoo
argamuu Hafuura Isaa amalli,
seeronni, abdiiwwanii fi kanneen
maalummaa Isaatiin walqabatan kan
birootiin kan hin jijjiramnedha
(Milkiyaas 3:6; Yaaqob 1:17).
Waaqayyo uumaa wantoota hundaati.
‘Uumaan’ kennaawwan Waaqayyoo isa
tokko miti, taayitaawwan Isaa
keessaa isa tokko malee. Wantoota
hunda uumuun Isaa kennaawwan
Isaatiin ta’uu danda’a. Inni
uumama wajjin kan wal fakkaatu
miti, isaan beekama male. Uumaa fi
kan uumame in jiraata. Waaqayyo
uumaadha. Inni wantoota kamiyyuu
dura in jira ture, akkasumas immoo
wantoota hundumaas in uume. (Uma
1:1, Qol 1:16).
Karaa kamiinyyuu Inni kun akka
waan dadhabsiisaa ta’etti
fudhatamuu hin qabu: Yaa Waaqayyo
Gooftaa koo, gocha kee isa
dinqisiisaadhaa fi yaada
gaarii nuuf qabdu nuuf
baay’ifteetta; tokkollee kan
siin qixxaatu hin jiru, isaan
kana yoon labse yoon himes,
isaan wanta lakkaa’amuu
danda’u gararraa in ta’u
(Faarsaa 40:5).
A.
WAAQAYYO ABBAA
Dhagna Sadan Waaqaa keessaa inni
jalqabaa Abbaadha. Abbaan
Waaqayyoodha. Galaatiyaa 1:3: Waaqayyo
Abbaan keenya, Gooftaa keenya
Yesuus Kiristoos ayyaana,
nagaas isiinif haa kennu!
Abbaan uumama keessatti
si’aawaadha. 1Qorontos 8:6: Nuuf garuu
Waaqayyo tokkichatu jira,
Innis Abbaa Isa waan hundumaa
uume, Isa nuyi maqaa isaatiif
jiraannusi. Yaaqob
1:17: Kennaan
gaariin hundinuu kennaan
guutuun hundinuu Abbaa ifaa
biraa gubbaadhaa dhufa; Isa
bira gegeeddaramuun yookiis
gaaddidduu jijjiiruun hin jiru.
Abbaan Dhagna Isa tokko. Inni
dandeettii cimaan, miirri jabaa fi
fedhii kanuma Isaati. Yohaannis
3:16: Waaqayyo,
akkasitti tokkicha Ilma Isaa
hamma kennuufitti biyya lafaa
jaallate, kun immoo Isatti kan
amanu hundinuu jireenya
bara-baraa haa qabaataniif
malee, haa baduuf miti.
Gammachuu haqaa walitti fufeenya
qabuu fi qulqullaa’uu dhala
namaatiif karoora tokko
karoorfachuuf dandeettii cimaa
barbaachisa. Jaalalli Inni biyya
lafaatiif qabu miirota Isaa in
argisiisa. Ilma Isaa tokkicha
cubbamoota fayyisuuf aarsaa
gochuun Isaa Inni fedha cimaa
qabaachuu Isaa argisiisa.
Caaffattoonni Abbummaa Waaqayyoo
kallattiiwwan ja’aan ibsu:
1. Waaqayyo Abbaa Gooftaa Yesuus
Kiristoos.
Ani
mootichi seerrata Waaqayyoo
himuufan jira, Inni anaan,
‘Ati Ilma kooti, ani har’an si
dhalche’ (Faarsaa
2:7). Yohaannis 5:26 farrfannaa
2:7 namatti mul’isa. Abbaan ofuma
Isaatii burqaa jireenyaa akka
ta’e, akkuma kanatti Ilmi
Isaas immoo burqaa jireenyaa
akka ta’uuf Isaaf kenneera.
Doktar Luuwiis Ispeerii Shaafer
“Inni kun jireenya dhala namaa isa
sanyii namaatiin jalqabu miti,
jireenya Waaqayyo isa
baraa-hamma-baraatti ta’e kan
eeruudha”5
jedhee barreesse. Jireenya
bara-baraaf darbe keessatti
“Guyyaa”n tokko, Waaqayyo Ilmummaa
Ilmaaf kenne.
“Dhalchuun” maarree Waaqayyoo
jireenya bara-baraa darbe
keessatti Ilma uume jechuu miti,
yookiis immoo dhalachuu fooini
Yesuus hin eeru. Beektonni
ti’oolojii walumaagalatti
dhalchuun Ilma eeruuf kaa’ame,
Inni adda ta’uusaa akka eeru walii
galu. Inni shakkii tokko malee
haala firooma Inni Abbaa Isaa
Waaqarra jiraatu wajjin qabuun
adda. Beektoonni amantii
tokko-tokko Abbaatu bara-baraan
Ilma uuma jedhanii yaadu.
Dhimmichi waanuma fedhellee ta’u,
Ilmi shakkii tokko malee aangoo
Waaqummaa fi qulqullummaa firooma
Isaa Abbaa Isaa Waaqarraa wajjin
qabuun adda kan ta’eedha. Ilaalchi
Dhalchuu Ilmaa dabalataanis
Yohaannis 1:18, 3:16, fi 1Yoh. 4:9
keessatti in argama.
2. Akkuma armaan olitti 1Qorontos
8:6 fi Yaaqob 1:17 keessatti
mul’ate Waaqayyo Abbaa uumamaati.
Kanaafuu Inni bulchaa birmadummaa
isaati. Iyyob 9:5-7: [Inni]
dheekkamsa Isaatiin tulluuwwan
yeroo garagalchu, otuu isaan
quba-hin-qabaatiin, iddoo
isaatii isaan in buta, Inni
lafa iddoo isaatii in
sochoosa, utuboonni lafaas in
raafamu, Inni biiftuu in
abbooma, akka isheen ifa hin
keninnes in godha; ifa
urjootaas mallattoodhaan in
cufa.
3. Waaqayyo naamusa isaan uumuu
qabaachuudhaan ergamootaaf
Abbaadha (Qolaasiyaas 1:16). Isaan
seera uumamaa 6:2, fi Iyyoob 1:6,
2:1 fi 38:7 keessatti ilmaan
Waaqayyoo jedhamanii waamamu.
4. Waaqayyo naamusa isaan uumuu
qabaachuudhaan dhala namaatiif
Abbaadha. (Seera Uumamaa 2:7, HoE
17:9, 26-29; Efesoon 3:14-15,
Ibroota 12:9).
5. Miira isa Inni ishee saba addaa
akka taatuuf filatee kaaseef
Waaqayyo Abbaa Isiraa’eli. (Ba’u
4:22 Kes. 7:6; 32:6; Isa. 64:8;
Hosee 11:1, Milkiyaas 1:6).
6. Waaqayyo waraa Ilma Isaatti
amanan hundumaafuu Abbaadha (Mat.
5:45; 6:6, 15; Yoh. 1:12; Rom.
8:14-16; 1Yoh. 3:1).
Hojiin addaa Waaqayyo isa Abbaa,
sadummaa Waaqaa gidduu jiru akka
itti’aanu kanatti walitti qabamee
kaa’amuu in danda’a.
1. Inni baruma-baraaf Ilma
bara-baraa in kenna (Yohaannis
5:26).
2. Inni Ilma Isaa eebbisuu in
barbaada (Faarsaa 2:7-8).
3. Wanta Inni, Ilmi hojjechuun
isaaf ta’u, Ilmatti in argisiisa,
akkasumas immoo aangoo isa Ilmi
raawwate, gochaa jiruu fi
fuulduraaf godhu akka Inni godhuuf
Isaaf in kenna (Yoh. 5:19-20, 22,
36).
4. Wantoota kanneen Inni akka
dhufanii darbaniif fedha qabu
hundumaa abboomuuf Inni Aboo kan
qabuudha (Faarsaa 2:5-7).
5. Inni warra Masihiitti fayyuuf
jiran in filata (Efesoon 1:3-6),
ta’us, namni waan fedhe
murteeffachuuf mirga inni qabu
otuu hin dhabamsiisiini.
6. Akka Abbummaa dhala namaatti,
Ilma Isaa cubbuu isaaniitiif
aarsaa gochuu fi kennaa fayyinaa
itti fufeenyaan kennuuf fedhiiwwan
hafuuraa isaa kenneera (Yoh. 3:16,
2Qor. 5:19-20; 2Phex. 3:9). Inni
fedhii foonii isaanitiifis in
dhimmama (HoE 14:17), hammamiyyuu
yoomma akka gara Isaa dhufaniif
barbaachisaa ta’etti Inni isaan
sirreessuullee (Hisqi’el 38:16).
7. Akka Abbaa kanneen amantii Ilma
Isaatiin kan Isaa ta'aniitti, Inni
jireenya fooniifis in yaadda'a
(Maatewos 6:25-30) akkasumas immoo
karaa kamiiinyyuu karaa
hafuuraatiin isaan guddisuuf
wantoota barbaachisoo ta'an
hundumaa itti fufeenyaan in
raawwata (Ibroota 12:6-7;
Filipiyuusis 1:6).
B.
WAAQAYYO ILMA
Dhagni lammataa sadan
Waaqa-Tokkoo Waaqayyo Ilma.
Ilmi Waaqayyoodha. Yohaannis 1:3:
Wanti
hundinuus Isumaan ta'e, waan
ta'e keessaas Isa malee kan
ta'e tokkollee hin jiru. Dabalataanis
Qolaasiyaas 1:16): Barreeffamni
kun sirumaayyuu otuu Inni
Maariyaam irraa hin dhalatin
durayyuu amaltoota namummaa Ilmaa
lama, hunda danda'uu fi fedha,
ibsa. Amala sadaffaa namummaa kan
ta’e Miirri cimaan, Faarsaa 40:8
keessatti haala otuu Ilmi foon hin
uffatiin dura jiruutiin ibsameera,
achittis Inni Waaqayyo Abbaa
Isaatiin, Yaa
Waaqayyoo koo, fedha kee
gochuun anatti tola, seerrii
kees garaa koo keessa jira
jedhe Ilmi foon uffate: Yesuus
imimmaan isaa dhangalaase
(Yohaannis 11:35).
Dhagin lammaffaan baroota
darbaniif baruma-baraanuu akkuma
Faarsaa 40:8, Yohaannis 3:13 fi
barreeffamoota kan biroo keessatti
eerame tilmaama Ilma Waaqayyoo
ta'ee jiraachaa tureera. Waaqayyo
karaa baayoloojiitiin Yesuus ilma
Maaramiif abbaa hin ta'u
(Isaayyaas 7:14). Haafuurri
Qulqulluun Maaraamitti bu'ee
gadamessa ishee keessatti
hanqaaquun akka ta'uu fi guddatu
godhee (Luqaas 1:31, 34-35). Ilmi
bara-baraa foon namaatiin in
dhalate (Isaayyaas 9:6).
Foon uffachuu Isaatirraan, Ilmi
gara Waaqummaa Isaa isa
barbaachisaa fi hafuura namaa
guutuu fi dhagna namaa guutuutti
in dabalame; ta'ullee kan biraa
haa hafuutii fooniiniyyuu
guutummaan Waaqayyummaa namummaa
Kiristoos keessa in jiraata.
(Qolaasiyaas 2:9). Inni gamtaa
Tokkummaa sadan Waaqummaa Abbaa
Isaa fi Hafuura Qulqulluu wajjin
qabu keessaa isa tokko ta'ee hafe,
akkasumas immoo guutummaan
guutuutti bakka hundattii argamuu,
waan hunda beekuu fi waan hunda
danda'uu irraa gonkumaa hin
dhaabatu.
Yesuus yeroo nama ture sana akkuma
namoonni kan biroon raawwatan
cubbuu hin qabu ture (Luqaas 1:35)
akkasumas yaadaan, jechaa fi
gochaan cubbuu-maleessa ture
(Yohaannis 8:46). Inni cubbuu
keenyaaf fooniin du’ee,
awwaalamee, warra du'an keessaa
fooniin ka'e (Yohaannis 20:25-28),
foon ulfina argateen gara Abbaa
Isaa Waaqarra jirutti ol ba'e
(Maarqoos 16:19, 1Qorontos 15:4,
42-44).
Hojiin addaa Waaqayyo isa Ilmaa,
sadummaa Waaqaa gidduu jiru akka
itti’aanu kanatti walitti qabamee
kaa’amuu in danda’a.
1. Inni Abbaa Isaa Waaqarra jiruuf
tajaajilaadha. (Isaayyaas 42:1;
53:11)
2. Ergamoota Hafuura Qulqulluu
bartoota Isaatti in qajeelcha.
(Yoha. 16:13-15)
3. Inni dhagna sadan Waaqa Tokkoo
foon uufate Isa Tokkicha. (Luqaas
1:35)
4. Dhiiga mataa Isaatiin lubbuu
namaatiif abaarsa Waaqayyoo
fudhatee cubbuu keenya irraa nu
furuudhaan Inni Furaa dhala
namaati. (Galaatiiyaa 3:13,
1Phexroos 1:18-19)
5. Inni mataa waldaa
kiristaanaati. (Efesoon 5:23)
6. Inni yeroo ammaa kanatti
teessoo Waaqayyoo duratti
qulqulloota Waaqayyoon walitti
araarsaa jira. (Ibroota 7:24-25)
7. Yeroo Mootummaa Waggoottan
kumaatiif Mootii guutummaa Lafaa
in ta’a. (Faarsaa 2:1-6)
8. Inni Abbaa FirdiiWaaqayyummaa
(Yohaannis 5:22) Isa Teessoo
Kiristoos biraati (2Qorontos
5:10), yeroo dhumaa Gidiraa
hamaatti biyya hoolaa fi re’eettii
(Maatewos 25:31-46), akkasumas
jal’oota warra du’an Gonfoo Adii
Guddaa Firdiitti (Mul’ata
20:10-15) biratti qulqullootaaf
kan faradu.
C.
WAAQAYYO HAFUURA QULQULLUU
Dhagin sadaffaan sadan Waaqa
tokkoo Hafuura Qulqulluudha.
Hafuurri Qulqulluun Waaqayyoodha.
Inni uumuu keessatti si’aawaa ture
(Uumama 1:2) akkasumas immoo HoE
13:2 keessatti akka dubbatetti
“hojiin ani Barnabaasiifi Saawul
akka hojjetaniif isaan waame kan
koo kophaatti naaf kaawame”
jechuudhaan mirga addaa
Waaqayyummaasaatti fayyadame.
Hafuurri Quqlulluun dhagna tokko
isa dandeettii cimaa, miira jabaa
fi fedha mataasaa qabudha.
Dandeetti cimaa: Romaa 8:26: Hafuurichis
immoo akkuma kanatti dadhabbii
keenyatti nu gargaara; nuyi
maal kadhachuun akka nuuf
barbaachisu akka ta’utti hin
beeknu; hafuurichi garuu aaduu
isaatiin karaa namin
dubbiidhaan mul’isuu hin
dandeenyeen nuuf in kadhata.
Namaa kadhachuun dandeettii addaa
gaafata.
Miira jabaa: Efesoon 4:30: Hafuura
Waaqayyoo Isa Qulquluu, Isa
guyyaa fayyinaatiif ittiin
mallatteeffamtan hin
gaddisiisinaa!
Fedha: Inni namoota amantiidhaan
bulanii fedha isaa qabaniif
hafuuraa in raabsa: Hafuurri
Innumti Tokkichi sun hojii
kana hundumaa hojjetamuudhaan
in ga’a, Inni akka jaalala
Isaatti tokkoon tokkoon namaaf
kennaa addaa in hira
(Qorontos 12:11).
Hojiileen addaa Hafuura Qulqulluu
Dhagnoota sadan Waaqa tokkoo
gidduu jiran akka asiin gadiitti
walitti qabamanii kaawwamuu in
danda’u.
1. Inni Hojjetaa Abbaa (Yohaannis
14:26) fi Ilmaati (Yohaannis
16:13-14).
2. Inni, cubbuu qabaachuusaanii
warra hin amanne (kun sirrummaa
warri qulqulloota Masihii qofaan
qabaachuu malaniidha) fi firdii
bara-baraa warra hin amanne in
amansiisa (Yohaannis 16:8).
3. Inni isaan keessa
jiraachuudhaan (Yoha. 14:16-17)
fayyina isaanii bara-baraa
abdachiisuudhaaf mallattoo Isaa
isaanirratti godhee (Efesoon
4:30), dhagna Masihiitti isaan
cuuphuun (1Qorontos 12:13)
kennaawwan hafuuraa isaaniif
kennuun (1Qorontos 12:7-8) isaan
jireenya quqlullummaa akka
jiraataniif yommuu isaan fedha
Waaqayyoo horatan ofii Isaatiin
isaan guutuudhaan (Efesoon 5:18)
humna isaaniif kennuun (Roomaa
8:14) isaan gaggeesse (Galaatiyaa
5:18). Kanneen amanan deebisee in
dhaabe (Yoh. 3:6-7).
D.
WALQIXXUMMAA DHAGNOOTA SADANII
Hammamiyyuu Ilmi Hojjetaa Abbaa,
Hafuurri Qulqulluun immoo Hojjetaa
lamaaniituu ta’ullee, isaan
hundinuu kennaa Dhagnummaa fi
Waaqayyummaa hundumaan akkuma
Maatewos 28:19 keessatti dhi’aate
waluma qixxa kennaman. Egaa dhaqaa
Maqaa Abbaa fi Ilmaatti kan
Hafuura Qulqulluuttis isaan
cuuphuudhaan saba hundumaa
bartoota koo godhaa.
E.
GAMTAA SADI’UMMAA YKN SADAN
TOKKUMMAA WAAAYYOO
Keessa Deebiin 6:4 akkas jedha: Yaa Isiraa’el
dhaga’i! [Waaqayyo] [Gooftaan]
keenya Waaqayyo isa tokkicha!
Jechi Ibrootaa tokkoof ta’u asitti
‘achad’ kan jedhuu dha.
Sababoota gurguddoo danuudhaan
akkuma Seera Uumamaa 10:25
keessatti, Ebeeriif
ilmaan lama in dhaltan, bara
Inni tokko dhalate lafti waan
hiramteef maqaan isaa “Feleq”
jedhame, echad
garaa-garummaa wayiituu akka hin
qabne in eera, ta’ullee iddoo echad,
akkuma Seera Uumamaa 2:24
keessatti, isaan
lachanuus foon tokko in ta’u
jedhu wanta dhagna tokko
caalaarraa uumame in eera.
1Qorontos 6:16 echad Seera Uumamaa
2:24 wanta dhagna tokko caalaarraa
hojjetame in eera. Yookiis namni
gaalamootaa wajjin walitti
maxxane, ishee wajjin dhagna
tokko akka ta’u hin beektanii
ree? Akkuma caafamee jiru,
“Isaan lachanuu foon tokko in
ta’u” jedha.
Maatwos 19:4-6 fi Maarqoos 10:9
dubbisa qabiyyee gaa’ilaa qabu
keessatti waanuma wal fakkaataa
argisiisu. Yaadadhaa, maarree,
hammamiyyuu qaamaa fi hafuuraan
guutummaan guutuutti garaa gara
ta’anillee dhirsaa fi, niitiin
echadidha. Echad, maarree
ifumatti walitti makamuu
jechuudha. Wanta daneessummaa
namoota gara-garaa kanneen yeruma
walfakkaatutti garaagarummaa
isaanii hambisu argisiisuu in
danda’a.
Maarree hiikni echad
keessa-deebii 6:4 keessaa isa
kamirree? Inni Waaqayyo guutummaan
guutuutti tokko ta’uu Isaa labsa
moo gamtaa tokko? Mee qabxiiwwan
kanneen haa hubannu:
1. Caaffattoonni Waaqayyummaa
dhagna tokkoon otuu hin ta’in,
Dhagnoota sadii ta’uusaatiin ibsu.
2. Yahween Dhagnoota sadan keessaa
maqaa dhagna tokkoo ol ibsudha
(Uma. 19:24, Zakkaariyaas 2:8-9)
3. Yachid jecha
Ibraayisxii isa yeruma hundaa
tokkichummaa ibsa.
4. Abrahaam ijoollee baay’ee qaba
ture. Ta’ullee Seera Uumamaa 22:2
keessatti Muuseen ilma Abrahaam
isa tokkicha adda ta’e Yisihaaq
tokkummaa mudaa hin qabne ta’uu
isaa addeessuuf echad otuu
hin ta’in Yachid
fayyadame.
5. Muuseen gaaffii malee Shima
keessatti tokkummaa guutummaan
guutuutti ibsuuf Yachid
fayyadamuu in danda’a ture, garuu
akkas hin goone. Inni Echad
fayyadame.
Kanaafuu Muuseen ilaalcha gamtaa
tokkummaa Yahmee (Waaqayyoo)
Keessa-Deebii 6:4 keessaa eeru
dabarsuuf echad irra Yaahid
filatee guduunfuun isaa wanta
amansiisaadha.
Dhagnoonni sadan wanta tokkicha
waliitti makamanidha; garuu
bu’uurri tokkummaa isaanii
maaliidha? Yohaannis 10:30
keessatti Yesuus Aniif Abbaan
Tokko jedheera.
Doktar Arnold G. Fruchtenbaum
“Waraabbiin kun isa Abbaanii fi
Ilmi aangoodhaan, aangoo Waaqummaa
mataa isaaniitinuu tokko”6 jedhee
barreesse. Beektoonni danuun
Yohaannis 14:10 ilaalchisee
yaadoota walfakkaatan kennu.
2Qorontoos 3:4 keessatti Kiristoos
eeruuf, Phaawuloos waraabbii 17
keessatti Eegaa
Inni “Goofticha” jedhame kun,
Hafuura Qulqulluudha.
Doktar Charles Ryrien waraabbiin
17 “Kiristoosii fi Hafuurri
Qulqulluun tokko ta’uu isaaniitiif
hima cimaa ibsu” jedhee labse.7
Yohaannis 10:30, Abbaanii fi Ilmi
amala addaa walfakkaatu tokko
qabaachuu isaanii argisiisa. 2Qor.
3:17 Ilmii fi Hafuurri
Qulqulluun amala
addaa qabaniin tokko ta’uu isanii
argisiisa. Maarree, bu’uurri
tokkummaa Dhagnoota sadanii amala
addaa walfakkaatu qabaachuu
isaaniiti.
Uumamni wanta baay’ee barbaachisaa
kana maalidha? Yesuus Waaqayyo
Hafuura, (Yohaannis
4:24) jedheera. Aangoo baay’ee
barbaachisaan Abbaa, maarree,
Hafuura Waaqayyummaati. Baay’ee
barbaachisummaan Hafuura
Qulqulluutis Hafuura Waaqayyummaa,
jechi Hafuura jedhu maqaa (noun)
yoo ta’u fi Qulqulluu kan jedhu
immoo ibsa maqaa kan
fooyyeessudha. Dhagnoonni sadan
tokkumma, akkasumas immoo amalli
addaa tokko-tokkoon isaanii qaban
inni ijoon Hafuura Waaqayummaati.
Sana booda amalli addaa Dhagnoota
sadan Waaqayyo tokko taasisuu
Hafuura Waaqayyummaa ta’uun isaa
nuuf gala.
Qabxii dabalata tokko: Dhagni
sadan Waaqayyoo inni tokko
gonkumaa iddoo dhagna isa biroo
hin fudhatu ykn bakka hin bu’u.
Inni kun tarii haala gaariidhaan
Luqaas 3:22 keessatti ibsameera. Hafuurri
Qulqulluun bifa gugeetiin
mul’atee irra bu’e; sagaleenis
Waaqa irraa dubbatee “Ati Ilma
koo isa jaallatamaadha;
gammachuun koos sitti in
raawwatama” jedhe.
Ifumatti, Dhagnoonin sadan adda
baafaman, Ilmii Inni cuuphamee
ture, Hafuurri, fi Abbaan, Inni
sagaleen Isaa Waaqa irraa dubbate,
kana keessa as in jiru. Dhagni
tokko kan biraa ta’uu ykn bakka
bu’uu gonkumaa hin danda’u.
III.
ERGAMOOTA
Waaqayyoo, Dhagni Inni hin
uumamneefi Dhagnoota Waaqayyummaa
sadii of keessaa qabu, dhagnoota
akaakuu lamaa: jalqaba ergamoota,
itti aansee immoo namoota uume.
Akkaatuma tartiiba isaan ittiin
uumamaniitiin dhagnoota lamaan
kana in qoranna. Ergamootaan
jalqabna.
Qolaasiyaas 1:6 Kiristoos hojii
Isaatiif jecha ergamoota akka uume
nutti hima. Wanti
Waaqa keessa jiruu fi wanti
lafa irra jiru hundinuu, wanti
ijaan argamuu fi wanti ijaan
hin argamne, warri teessota
irra taa’anii fi warri
mootummaa qaban warri bantii
Waaqaa keessaa gooftummaa fi
aboo qabu jedhamanii
sodaataman Isaan uumaman;
wanti hundinuu karaa Isaa
uumame, Isaafis uumame.
Teessoowwan mootummaa, aangoowwan
abbootiin taayitaa fi bulchitoonni
sadarkaawwan ergamootaa yoo ta’an,
akkasumas immoo isaan wantoota hin
lakkaa’amneedha (Ibroota 12:22).
Iyyoob 38:4-7 keessatti Waaqayyo
Iyyoob in rifaasisa; 4. Yommuu ani
hundee lafaa kaa’ee ati eessa
turte...7. Yeroo sanatti
arjoonni gara barii in
faarfatan warri Waaqa irraa
“Ilmaan Waaqayyoo” jedhamanis
guddisanii sagalee gammachuu
in dhageessisu; Urjoonni gara
barii fi ilmaan Waaqayyoo kan
jedhaman ergamoota
Waaqayyoo in eera (urjoonni gara
barii: Mulata 1:20;
9:1; 12:3-4, ilmaan Waaqayyoo:
Seera Uumamaa 6:2, 4; Iyyoob 1:6;
2:1), akkasumas immoo dubbisichi
erga Waaqayyo bantiiwwan Waaqaaf
lafaa mul’atu otuu hin uumamin
dura isaan uumuu isaa ifa in
godha. Haaluma kanaan akkuma
caaffattoonni yeroo biraa kamiyyuu
waa’ee uumama ergamootaa hin
dubbanne, akkasumas isaan wal
horuuf hin dandeenye dubbatan
(Maarqoos 12:25), nuyi ergamonni
hundinuu bantiiwwan Waaqaa fi
lafaa otuu hin uumamin dura
uumamanii akka turan guduunfuu
qabna.
Ergamoonni hafuurota jiraatan yoo
ta’an (Ibroota 1:13-14), akkasumas
isaan dhagnoota dandeettii addaa
(1Phexroos 1:12), miira jabaa
(Iyyoob 38:7) akkasumas fedha
(Yihudaa 1:6) qabani, Isaan
qulqulloota, (Luqaas 9:26),
garmalee caalaatti humna kan qaban
(2Seena Baraa 32:21) akkasumas
immoo bara-baraaf jiraatu (Luqaas
20:36).
Waaqayyo ergamoota sadarkaawwan
sadiitti uume.
1. Tartiibni olaanoon ergamoota
Kiiruubeel kanneen ulfina Shechina
Waaqayyoo wajjin gamtaa walitti
dhufeenya cimaa qabaniidha
(Hisqi’el 1:26-28; 9:3; 10:1-22).
Hisqi’el 10:1 teessoo Waaqayyoo
jala yommuu jobobi’an isaan in
argisiisa. Isaan dabalataanis
dhimmoota eegduummaatti
ramadamaniiru (Seera Uumamaa 3:24)
2. Tartiibaan itti aananii kan
jiranu Suuraafeel. Isaayyaas 6:2-3
isaan teessoo mootummaatii ol
dhaabatanii yommuu Isaa Waaqessan
argisiisa.
Waraabbiiwwan 5-7 kanneen Waaqayyo
waamu qulqulleessuu irratti yommuu
isaan qooda fudhatan argisiisu.
Mul’anni 5:8-10,14 yommuu isaan
Hoolicha Waaqessan argisiisa,
akkasumas immoo Mul’anni 6:1-7 fi
boqonnaan 15 fi 16 yeroo Gidiraa
Guddaatti dheekkamsa waciitota
Waaqayyoo keessaa yommuu isaan
gadi naqan agisiisa.
3. Dhumarratti tartiibni Inni
sadaffaan salphaadhumatti
“ergamoota” jedhama. Isaan
dhimmoota karaa Waaqummaa
keessummeessuu ykn raayyaawwan
Waaqayyoo, Mikaa’el akka Dursaa
isaaniitti qabachuun in too’atu
(Mul 12:7). Daani’eel 10:13-21
keessatti Mikaa’el saba Isiraa’el
irratti itti gaafatamummaa addaa
yoo qabaatu akkasumas Daani’el
8:15-27; 9:20-27 fi Luqaas 1:11-38
keessatti Ergamaa Gabreeliitiin
ergamaa Mul’ataa Waaqayyoo akka
ture argina. Suuraafeel fi
Kirubeel amantoota isaanii adda
ta’ee muraasaan namoota in
mul’isu, akkasumas amala isaanii
adda ta’e kan biraatiin ayyaanotaa
qulqulluu ykn bineensota mootii
fakkaachuu in danda’u (Hisqi’eel
1:5-28; Mul’ata 4:6-11).
Suuraafeel koolota (laboobaawwan)
lama (Isaayyaas 6:2), akkasumas
Kirubeel koola tokko (1Motota
6:23-28) in qabu. Yommuu
ergamoonni tartiiba sadaffaa lafa
irratti mul’atan, isaan akka
namoota dargaggootaatti waan
mul’ataniif koolota (laboobaawwan)
in qabu hin jedhamne (fakkeenyaaf,
Seera Uumamaa 18:1-2, 16-18;
Maaroos 16:5).
Ergamoonni daa’imman akka eeganiif
kan ramadamaniidha (Maatewos
18:10). Isaan daalatanis
amantootaa fi waldoota kiristaanaa
akka eeganiif ramadaniru.
hammamiyyuu Inni sun yeruma hunda
kan jiraatu ta’ullee isaan
ergamoonnii fi waamichoonni
Waaqayyo isaan itti waame fiixaan
ba’uu isaanii arguuf malee waan
hamaarraa isaan eeguuf miti,
(Faarsaa 34:7; 91:11-12; HoE 8:26;
12:7-11; 27:21-26; Mul’ata 1:1;
2:1,8,12,18; 3:1, 7, 14). Isaan kun
hundinuu hafuurota hojii,
warra fayyina argachuuf
jiraniif hojjechuudhaaf
ergaman mitii ree
(Ibroota 1:14)? Dabalataanis
akkuma armaan olitti argine
Mikaa’el Isiraa’el irratti
eegduudha.
“Ergamaan” addatti adda ta’e
tokko (Ba’u 3:2, 4), akkuma
eramoonni kan biroo waamaman yeroo
adda addaatti lafarratti mul’atee
ture ergamaa Yaahweh dha malee
ergamaa Yaahweh jedhamu tokko
miti. Ergamaan kun Waaqayyoo bifa
Ergamaa tokkootiin ta’uu isaa in
beekna, sababiin isaas iddoo
Ergamicha Yahiwwee arginu
kamiyyuutti Inni dabalataanis
salphaadhumatti kutaa dubbisa kan
biraa keessatti akka Yaahiweetti
yommuu eeramu argina.
Zakkaariyaas 2:8-9 keessatti
Abbaaniifii Ilmi lamaanuu Jihoovaa
jedhamanii waamamu, kanaaf inni
Dhagna Waaqayyoo isa kamiidha?,
gaaffiin jedhu in ka’a. Seera
Ba’uu 3 fi 4 keessatti Inni
Isiraa’eloota Gibxii jalaa baasee
karaa isaanii Galaana Diimaa
keessaan in taasisa, akkasumas
1Qorontos 10:1-4 Kiristoos jedhee
Isa in waama. Ergamaan Jihoovaa,
maarree, Kiristoos bara-baraa
Mataa Isaa ture.
Ergamni addaa ergamaa kanaa maal
ture? Akkuma dubbisa karaa Inni
itti mul’ateen qorannu, Inni
seenaa Isiraa’el, qopheessuu Isaa
akkasumas immoo Isiraa’eliif
seenaa qopheessuu Isaa in argina.
Shakkii tokko malee, Abrahaamii
kaasee hamma fannootti Ergamaan
Waaqayyoo naannoo warra
Waaqayyoon sodaatanii in
buufata, Inni isaa in oolchas
(Faarsaa 34:7). Haa ta’u malee,
Bara Waldaa Kiristaanaa keenyatti
otuu hojjetuu Isa hin arginu.
Wanti dabalataa kan biraa
dubbatamuu qabu tokko in hafa:
Nuyi gonkumaa ergamootaaf sagaduu
(Waaqessuu fi kadhachuu) hin qabnu
(Qolaasiyaas 2:18; Mul’ata 19:10;
22:8-9). Waaqayyuma Abbaadhaaf
qofaa sagaduu fi kadhachuu qabna
(Maatewos 6:9).
IV.
SEEXANAA FI DAABILOOS
Ergamoonni qulullaa’oon
lakkoofsaan akka hin beekamnetti
eeraman (Ibroota 12:22), isaanis
garuu lakkoofsa ergamoota
qulqulloota jalqabaa harka sadi
keessaa harka lama (2/3).
Daabiloos amma nuyi seexana jennee
waamnu kun yeroo tokkoof Kirrub
Dibame ture (Hisqi’el 28:14),
akkasumas ergamoota kan biro
irratti ol’aantummaa kan qabu
ture. Carraa aangoo isaa
fudhachuudhaan ergmoota harka
sadii keessaa tokko Waaqayyo
irratti akka fincilaniif isaan in
durse (Isaayyaas 14:12-15;
Hisqi’eel 28:14-19; Mul’ata
12:3-4), isaan hundinuus amma
seexanootaan (daabiloosotaan)
beekamu. Daabiloosonni maarree
ergamoota qulqulluu hin taane, fi
erga fincilanii kaasee uumama
cubbamaa ta’een xuraa’ummaa
isaanii qabatanii kan jiranidha.
Shakkii tokko malee lakkoofsi
isaanii Inni guddaan tartiibota
ergamootaa sadan hunda irraa
uumame.
Kufaatii isaatiin dura, seexanni
dabalataanis akka Urjii, Guyyaa,
Ilma Bariitti in beekame ture
(Isaayyaas 14:12), akkasumas
Hisqi’eel 28:12 qarummaan isaas
dhugaa isa Inni dandeettii
ergamummaatiif ogummaa fi
miidhaginaan guutamuu isaatiin
akka ture in mul’isa.
Hisqi’el 10:1 keessatti, teessoon
Mootummaa Waaqayyoo yommuu
Kirubeel gubbaatti jobobi’u in
argina, garuu immoo 28:14
keessatti isa teessoo mootummaa
Waaqayyoo gubbaatti calaqqisiisaa
uwwisu ykn jobobi’u ykn irratti
bittinnaa’u Tokko in argina.
Hisqi’eel 28:13b garuu qoosaa
aangoo isaa akka Kiruub Dibamee
mul’isa. Dhagoonni
gati-jabeeyyiin hundinuu,
sardoniikis, Beerilos,
Safiiros Kaarbunkil,
Simaaragidosis si miidhagsu
turan, wanti sitti naqame fi
sitti maxxanfame hundinuu
Warqee irraa hojjetame,
isaanis yommuu ati uumamte
qopheeffaman.
Meeshaaleen muuziqaa kuniin akkuma
Inni Waaqayyo irratti jobobi’een
isa harka turan Suuraafeel
(Isaayyaas 6:2) akkasumas Kirubeel
kan biroo (Hisqi’el 10:1) isa Inni
guutummaa ergamootaa Waaqayyoof
sagaduutti gaggeessu argisiisu.
Ta’ullee seexanni yommuu
finciletti, Waaqayyo isaa fi
mootummaa isaa gara lafaa fi
marfata lafaatti gadi darbate.
Waan ta’eefis ramaddiin isaa yeroo
ammaa Ilma mootii Qilleensaati
(Efesoon 2:2).
Taayitaan seexanaa erga yeroo
fincila isaatii kaasee ittiin isa
beeknu caalaatti waa’ee isaa in
ibsa:
1. Haala Isaa
Isa Hamaa (Maatewos 6:13,
Yohaannis 17:15; 2Tasalonqee 3:3;
1Yohaannis 5:18-19). Inni
guutummaan guutuutti haalaa fi
wantoota Inni too’atuu fi raawwatu
hundumaanuu hamaadha.
Seexanni, hiikkaan isaa Diina
jechuudha. Maqaan taayitaa kun
caaffata keessatti yeroo shantama
caalu dhahameera. Inni diina
Waaqayyoo, saba Waaqayyoo, fi
ummata hundaati. Gochi diinummaa
isaa ifumatti 1Seenaa Baraa 21:1
keessatti mul’ifamee jira.
2. Galmoota Isaa
Barbadeessa (Mul’ata 9:11).
Barbadeessaan kun awaannisoota
sodaachisoo, dhugumaan
daabiloosota, Mul’ata 9:1-10, isa
bool’a dhuma hin qabnee ol ba’e
irratti mootiidha. Galmi
barbadeessichaa karoora Waaqayyoo,
Masihicha mataa Isaa, fi saba
Waaqayyoo barbadeesuufi.
Leenca Aadu. Inni kun
sirrumatti seexana akka
barbadeessaa uummataatti fakkii
isaa lafa kaa’a. 1Phexroos 5:8
addumatti isa akka barbadeessaa
amantii fi deddeebi’uu amantootaa
ta’e fakkii isaa lafa in kaa’a.
3. Maloota Inni Ittiin Galmasaa
Gahatu
Nama qora (Maatewos 4:3;
1Tasolonqee 3:5). Gochi kun
seexanni namoonni cubbuu akka
hojjetaniif kakaasu Sheexana
ta’uusaa argisiisa.
Gowwoomsa (Haxxee).
Mul’atni 12:9 seexanni gowwoomsaa
guutummaa biyya lafaa akka akka
ta’e, namoonni danuun Waaqayyoo fi
karaa Isaa fudhachuu akka didan
kan gowwoomsu isa ta’uu argisiisa.
Akkuma yeroo hunda danda’u, Inni
amantoonni gorsa gaarii Waaqayyoo
fudhachuu akka didan in gowwoomsa,
Efesoon 6:11 haxxummaa seexanaa
akka balaaleffannu kan nu kakaasu
kanumaafi.
Ergamaan Ifaa 2Qorontos
11:14 keessatti argamu; gochi kun
Sheexanni hubannoo hamileefi
hafuuraa dhugaa irratti
amantiiwwan sobaa, falaasamaafi
yaada hedduu addunyaan of-keessa
qabdu keessaa raga sobaa
dhiyeessuudhaan hojii gowwoomsaa
akka hojjetu agarsiisa.
Daabiloos. Daabiloos
jechuun hadheessaa, ykn maqaa
namaa balleessaa jechuu akka
ta’eefi, akkamitti Waaqayyoo fi
saba Isaa, fi saba Waaqayyoo akka
gargar baasuu labsa. Inni Kakuu
Haaraa keessatti qofaa argama,
si’a soddomii shanis in argama.
…obboloota
keenya Inni halkanii fi guyyaa
Waaqayyo keenya duratti isaan
hadheessaa ture… (Mul’ata
12:10). Iyyob 1:9-11 fi 2:5 Inni
Iyyoob qajeelicha fuula Waaqayyoo
duratti yommuu hadheessu in
argisiisa.
4. Tooftaaleesaa Akkamitti Akka
Hojiirra Oolchu
Boficha Seexanni yeroo kurnan
tokko keessattuu Seera Uumamaa
3:1, iddoo itti abshaalummaa fi
haxxummaan isaa Heewaan qoruudhaan
mul’atetti akka bofaatti
fakkeeffameera.
Jawwee (Mul’ata 12) gochi kun
humna guddaa fi bineessummaa
seexanni Yesuus isa mucaa
nyaachuufi (Maatewos 2, Mul’ata
12:4) akkasumas dubartii Isiraa’el
jedhamtu ishee Mucaa deesse
balleessuuf fayyadame cimsee
agarsiisa (Mul’ata 12:13).
5. Aboo Yeroo Ammaa Seexanni
Qabu
a. Walitti dhufeenya inni
Daabiloosota kan biroo wajjin
qabuun
Hangafa Seexanootaa. Aboon
Wangeelota Maatewos 12:24 fi
Luqaas 11:15 keessatti argamu kun,
aangoo seexanni daabiloosota
hundumaa irratti qabu argisiisa.
Aboo Qilleensa keessa jiru irratti
isa Gooftummaa qabu: Aboon Efesoon
2:2 keessatti ibsame kun seexanni
inni yeroo ammaa qilleensa keessa
jiraatu, humnoota xixiqqoo isa
fakkaatan kan qilleensa keessa
jiran, daabiloosota kan bulchu isa
ta’uu argisiisa.
b. Sirna Biyya Lafaa Amma
Jiruun Wal-qabatee
Waaqa Bara Ammaa. Aboon 2Qorontos
4:4 keessa jiru kun, to’annaa
seexanni bara ammaa akka to’atu,
yaadni inni biyya lafaa kanarratti
qabus kan Kiristoos wajjin faallaa
akka ta’e mul’isa.
Hamaa biyya lafaa kana seerratu.
Gochi kun Wangeela Yohaannis
12:31, 14:30, fi 16:11 keessatti
in mul’ata. Hunduma isaanii
keessattiyyuu, jechi warra
Giriikii biyya lafaa ibsu Koosmoos
kan jedhudha, innis hafuura
Sheexanaa sirna biyya lafaa keessa
guutee jiru akkasumas akkaataa
inni itti tarreeffameefi
raawwatamu ibsa. Kun immoo faallaa
hafuura mootummaa Waaqayyoo
akkasumas akkaataa inni itti
tarreeffameefi raawwatamuuti.
Mootii Baabiloon (Isaayyaas 14:4).
Qixa waraabbilee 4-17, keessa
jiruun yommuu ilaallamu, aangoon
kun, Sheexanni mootummoota biyya
lafaa hunda kan to’atu fakkeessee
mul’isa.
Mootii Xiiroos (Hisqi’el
28:11-12). Qixa waraabbilee 4-17,
keessa jiruun yommuu ilaallamu,
aangoon kun, Sheexanni mootii
Daabiloos mootummoota lafaa hunda
to’atu fakkeessee mul’isa.
6. Ilaalchota Seexanaan
wal-qabatan
Beliyaal. Beliyaal 2Qorontos 6:15
keessatti argama, hiikni isaas
gati-dhabdummaa, ija Waaqaa
duratti gatii gaarii ta’uu ykn
gaarii kamiyyuu hojjechuuf
dandeettii seexanni qabu ibsa.
Bi’el Zebul. Bi’el Zebul jechuun
"humna hangafa seexanootaa" jechuu
yoo ta’u, Wangeelota Maatewos 10;
25; 12:24, 27; Maarqos 3:22; fi
Luqaas 11:15, 18, 19 keessatti
argama. Innis maqaa barsiisota
amantaa fi seeraa bara Yesuusiin
seexanaaf kenname jecha qoosaa
fakkaata. "Bi’el Zabub" tapha
"Be’il Zabul" irraati, maqaan
Filisxeemii bifa Giriikii isa
sirrii/jalqabaatiin, hiikni isaa
Gooftaa Masaraa Mootummaa
jechuudha.
V.
LOLA KIRISTAANNI SEEXANA
WAJJIN QABU
Lolli Kiristaanni biyya lafaa,
sirna biyya lafaa seexanaan
to'atamu, irratti kaasu
(1Yohaannis 2:15-17 keessa akkuma
jiru), foonsaa isa Roomaa 7:5
keessatti umama cubbuu keenyaa
eeru, akkasumas Daabiloos, isa
seexanaa fi isa gochaalee
seexanummaasaa of keessaa qabu
(Efesoon 6:11-12) wajjin lolu
eera. Qo'annoon kun lola namni
kiristaanummaa amanuu Seexanaa fi
warra seexana baatan irratti kaasu
argisiisa.
Galmoonni seexanaa, hojiiwwan
Waaqayyoo barbadeessuu, lubbuun
akka hin fayyine, warra akka du'aa
hin kaane, ardiin iddootti akka
hin deebineefi ofiisaatii Galaana
Ibiddaatti akka hin gatamne
dhowwuufi akkuma fincila isaa isa
jalqabaa galmisaa, inni ammayyuu
Waaqayyo aangoorraa buusuu fi
bakka Waaqayyoos Waaqa tolfamaa
ta'uu cimsee barbaada (Isaayyaas
14:12-14, 2Tasoloinqee 2:3-4).
Galmoota isaa fiixaan baasuuf,
Inni fannoo dura yesuus ajjeesuuf
barbaadee ture (Maatewos 2:1-18;
4:1-11; 25:6, kkf), yihudoota
barbadeessuudhaan deebi'ee dhufuu
Gooftaa ittisuu in barbaada,
(Zakkaariyaas 13:8; Maatewos
23:39; Mul'ata 12:6, 13-15),
akkasumas immoo fayyinaan dura
hafuurri akka itti hin mul’anne
gochuu ykn du'a fiduudhaan
(2Qorontos 4:3-4; Yaaqob 4:1)
yaadaa fi hojii waldaa kiristaanaa
jeequudhaan (HoE. 20:29-30)
fayyina lubbuu ittisuu in
barbaada.
Kiristaanni haleellaa seexnaatiif
akkamitti deebii kennuu akka qabu:
Isaanuma irraa: Inni
Diinnisaa eenyu akka ta’e (saba
otuu hin ta'in, seexanaa fi
daabiloosotasaa akka ta’an) fi
beekuu qaba, akkasumas immoo inni
akka nama Waaqayyootti yaaduu akka
danda’u sammuusaa Dubbii
Waaqayyootiin guutuu qaba
(2Qorontos 10:3-5; Efesoon
6:10-18). Inni seexana (Daabiloos)
diduu, akka jireenya isaattis hin
galle karaa itti cufuu qaba
(Efesoon 4:26-27; Yaaqob 4:6-7;
1Phexroos 5:8-9). Kanaafuu inni
Yesuus akkamitti seexanaan akka
morme (Maarqoos 8:31-33, Luqaas
4:1-14) qorachuu fi fakkeenya Isaa
hordoofuuf waan gaarii gochuutu
isaaf ta'a.
Warra Kiristaanota hin taane
irraa: isaan diinota isaa
ta'aniyyuu inni isaan jaalachuu
qaba (Maatewos 22:39, Galaatiyaa
5:14, Yaaqob 2:8). Inni akkuma
Waaqayyo isa dandeessisetti bakka
isaanii bu’ee isaaniifi hojiiwwan
humnaatiif dhiifama gochuufii qaba
(Maatewos 14:15-21; 20:34; Yaaqob
1:27). Hundaa ol Inni fayyina
lubuu isaanitiif Wangeela lallabee
duuka buutota kiristaanaa isaan
gochuu qaba (Maatewos 28:18-20).
Seexanni, Hoolaan Waaqayyoo cubbuu
biyya lafaatiif akka hin duune
dhoowwuufis ta’e; carraaqqii
isaatiin filatamtoonni Gooftaa
gara Waaqaa akka hin dhufne
dhoowwuu ykn dhufaatii Isaa
ittisuuf hin milkoofne.
Haata’u malee Gooftaan dura
bu'ummaa Isaatiifi humna nuuf
kennuudhaan injifannoo harka
keenyatti galcheera.
VI.
UUMAA SANYII NAMAA
Tartiibni namootaa itti’aanuu fi
inni dhumaa Waaqni uumee nama,
sanyii namaati.
Addaamii fi Hewwaan jijjiirama
suuta-suutaatiin otoo hin taane
kallattiidhumaan hojii
Waaqayyootiin uumaman.
Saayintiistonnii fi beektonni
herreegaa kiristaanota hin
taanellee jijjiirama suuta-suuta
(evolution) bifa saayinsawaa fi
istaatistikaala ta’een
mirkaneessuun akka hin danda'ame
labsaniiru.
Garaa-garummaa gurguddoon
jijjiirama suuta-suutaafi sirna
uumamaa (creation account) gidduu
jiran lamaan akkasitti ibsamuu in
danda'au:
1. Jijjiiramni suuta-suutaa
gulantaalee adeemsicha gidduu
jiraniifi jijjiirama kana mul’isan
hedduu dhiyeessuu gaafata; seerri
Uumamaa 2:7 garuu gulantaa tokko
qofaa argisiisa: Waaqayyo
Gooftaan biyyoo lafaattii nama
tolchee, hafuura jireenya itti
godhu funyaan isaatti in
baafate, akkasitti namni
uumama lubbuu qabaatee jiraatu
ta'e.
2. Qorattoonni sirna uumamaa akka
jedhatti, jijjiiramni suuta-suutaa
waggootta miiliyoonota hedduu
gaafata, akka caaffataatti garuu,
Waaqayyoo ifumatti yeroo
gabaabduu, guyyuma sa'aatii
diigdamii afurii keessatti Addaam
Uume, Uma. 1:27 Egaa Waaqayyo
akka bifa Isaatti nama uume...
3 ...galgallis ta'e, ganamnis
ta'e, kun guyyaa ja'aaffaadha
(Seera Uumamaa 1).
Guyyaa kan jedhu kun asitti akka
bara ji'oolojii tokkotti kan
hubatame ta'uu hin qabu; inni
guyyaa sa'aatii diigdamii afurii
qofaa ibsuu danda'a. Doktar
Fruchtenbaum Afaan Ibraayisxiin,
ja'aaffaan guyyaadhaan wal-qabatee
guyyuma idilee tokko mul’isa.
Jechamni halkaniifi guyyaa jedhus
akkasuma guyyaa idilee tokko
ta’uusaa cimsee hubachiisa.8
Namni akka bifa Waaqayyootti
uumame (Seera Uumamaa 1:26-27).
Inni kun garuu foon isaa otoo hin
taane hafuura namaa qofaa
ilaallata, Waaqayyo hafuura waan
ta’eef foon hin qabu (Yohaannis
4:24). Galmi inni dhumaa wanti kun
barbaachisuuf mallattoo jirenya
bara-baraa kan ta’e (Yohaannis
17:3) hafuuraan walitti
dhiyeenyaan waaqa duuka bu’uuf
dandeettii kan qabu nama qofaa
waan ta’eefi (1Yohaannis 1:7).
Ergamoonni quqlulloonni Waaqayyoon
Waaqeessanillee gonkumaa Isa
wajjin walitti dhiyeenya cimaa
qabu jedhamanii hin beekan.
VII. CUBBUU
Cubbuun haala afuuraa, yaada,
jecha ykn gocha, safuu Waaqayyoo
isa mudaa hin qabne wajjin faallaa
ta'eedha (Roomaa 14:23; Yaaqob
4:17; 1Yoh. 3:4). Wantichi cimaa
ta'uusaa dacheen keenya otoo
cubbuun itti hin seenin dura
qulqulluu mudaa hin qabne turteefi
ergasii as dhukkubaa, hiyyummaa,
beela, dhibee, du'a, waraana,
qullummaa, badiisaa fi balfamuu
dachee keenyaa, fannifamuu Ilma
Waaqayyoo fi ergamoota harka sadii
keessaa harki tokko akkasumas
irra-jireessi sanyii namaa gara
Garba Ibiddaatti gadi-darbatamuu
isaanii wajjin wal-bira qabnee
tilmaamamuu in dandeenya (Mul'ata
19:20; 20:10, 14,15).
Waaqayyo, abbaa fi haadha keenya
jalqabaa kan ta’an Addaam fi
Hewaaniin foon, yaada, dubbii fi
gochaan cubbu kan hin qabne godhee
isaan uume, garuu isaan abboommii
tokkicha isa Waaqayyo isaaniif
kenne cabsanii cubbaman (Seera
Uumamaa 2:16-17; 3:1-6). Cubbuun
isaanii kunis rakkoolee itti’aanan
kana fide:
1. Hafuurri isaanii wal-dhahee
gara haala isa nuyi uumama cubbuu
jennee waamnuufi isa caaffanni
“foon” jedhee waamuutti geeddarame
(Ermiyaas 17:9; Roomaa 7:18, 23;
Galaatiyaa 5:16, 19-21, Efesoon
2:3), foon dhagna keenyaa wajjin
wal dhahuu hin qabu.
2. Gooftaa Yesuusirraa kan hafe
haalli cubbuu isaanii
dhaloota-dhalootatti nama
hundumaatti darba... (Faarsaa
51:5; Luq. 1:35; Roomaa 5:18);
3. Du'a hafuuraa, walitti
dhufeenyi hafuuraa namni tokko
Waaqayyoo wajjin qabu du'uusaati
(Seera Uumamaa 2:17, 1Qorontos
2:14, Efesoon 2:1).
4. Cubbuun Addaam kallattiidhaan
nama hundaatti
fe’amuusaa-Addaamirraa gara
maatiifi ijoolleetti kan darbu
otoo hin ta'in isa kallattiidhaan
namatti darbuu ta’uusaa (Roomaa
5:12-21), Ibroota 7:9-10 keessatti
ibsamuu danda’a.
5. Du'a foonii (Uumama 3:19); fi
6. Lafa abaaramte (Seera Uumamaa
3:17-19).
Fayyinaan dura, namoonni hundinuu
bulchiinsa cubbuu (Roomaa 3:9;
7:14; Galaatiyaa 3:22) fi humna
seexanaa (2Qorontos 4:3-4; Efesoon
2:1-2; Qolaasiyaas 1:13;
1Yohaannis 5:19) jala jiraatu
akkasumas immoo ijjannoo isaanii
seera fuula Waaqayyoo duratiin
xuraa'ota (HoE 13:38; Roomaa 3:10;
1Qorontos 6:9; Qolaasiyaas 1:14,
2Tasolonqee 2:10, 12; 2Phexroos
2:13; 1Yohaannis 2:12).
Abbaa fi haati keenya jalqaba
fedhuma mataa isaanii
shaakaluudhaan qofaa cubbuu
hojjetani. Nuyis, akkasuma humna
fedha keenyaatiin cubbuu hojjenna
(Roomaa 3:23; 1Yohaannis 1:8),
garuu immoo fedhiiwwan keenyas
yeroo ammaa kana kan raawwataman
uumama cubbuu keenya irraani.
Akkuma aannan quqlulluun burcuqoo
keessaa yommuu summiin itti nammu
faalamuu, hafuurri ilma namaas
garmalee jeeqameera, sababiin
isaas cubbuun hafuura abbaa fi
haadha keenya jalqabaa keessatti
waan walitti makamee fi nuyis
walitti makamuu sana isaanirraa
waan fudhanneefi. Hafuurri keenyaa
inni guutummaatti jeeqame kun isa
caafanni amala dhabummaa jedhuun
yoo ta’u innis mallattoo amala
cubbuuti (Hose 5:2; 9:9; Roomaa
1:28; 1Ximotewos 6:5; 2Ximotewos
3:8). Namoonni hundumtuu cubbuu in
qaba-nuyillee, warri kan Gooftaa
taane in qabna. Namni kamiyyuu
jireenya kabajamaa jiraachuudhaan
ykn tola ooluu fi gochaalee
qulqullummaa hojjechuudhaan
fayyina argachuu kan hin dandeenye
sababuma kanaani (Efesoon 2:8-9).
Kana malees warri kutannoodhaan
Gooftaa tajaajiluuf ifaajanillee
xuraa'ummaa hafuuraa muraasa kan
of-keessaa hin dhabne kanumarraa
kan ka'edha.
VIII.
FAYYINA
Fayyisaa ta'uu kan danda'u eenyu?
Haalota akkamii keessa darbuutu
isaaf ta'a?
1. Inni bakka namoota kan biroo
adabbii firdii Waaqayyoo
cubbuurratti baachuuf kan fedha
qabu ta'uu qaba (Faarsaa 40:7-8,
Yohaannis 12:27; 17:19; 18:11).
2. Inni uumaa cubbuu qabaachuu hin
qabu, akkasumas immoo bakka
namoota kan biroo adabbii cubbuu
baachuuf gochaan guutummaan
guutuutti cubbuu kan hin qabne
ta'uu qaba (Luqaas 1:35; Yohaannis
8:46).
3. Inni gosa aarsaa isa raajamee
Waaqayyoon abboomame dandamachuuf
dhagna namaa qabaachuu qaba
(Faarsaa 22:16; Isaayyaas 52:13;
53:12).
4. Aarsaan Isaa lubbuu nama kan
biraa qofaaf otuu hin ta'in
hundumaafuu akka ga'uu maluuf inni
Waaqayyo ta'uu qaba (Yohaannis
1:3, 29, 26, Qolaasiyaas 1:15-17,
19; 2:9).
Tokkicha qofaatu ulaagaalee
hundumaa danda'e, Isuma Tokkichatu
cubbuu biyya lafaatiif adabame:
Gooftaa Yesuus Kiristoos: Fayyinnis
Yesuus Kiristoos duwwaadhaan
malee, kan biraatiin tokkollee
hin jiru; maqaan kan biraa,
ittiin fayyuun kan nuuf ta'u,
Waaqa jalaa ilmaan namootaaf
hin kennamne (HoE
4:12). Waaqayyo
Isa Tokkicha, Isa dhugaa,
yesuus Kiristoosiin isa Ati
ergites beekuun isaanii
jireenya bara-baraati (Yohaannis
17:3).
Fayyinni humna cubbuu fi
seexanaatii gara humna
Waaqayyootti (Roomaa 1:16;
1Qoronts 15:56-57, Efesoon 2:1-6)
yakka cubbuutirraa gara dhiifama
Waaqayyootti (Efesoon 1:7;
Qolaasiyaas 1:14), dukkana
safuu/hamilee fi hafuuraatii gara
hubannaa ifaatti (1Tasolonqee 5:5,
1Yohaannis 1:5), jireenya hiikaa
hin qabne irraa gara jireenya
ergamaa fi kaayyootti (Maatewos
28:18-20); bara baraaf Garba
Abiddaatirraa gara Waaqa
bara-baraatti (Yohaannis 3:16;
Mul'ata 20:15) walaba ba'uudha.
Inni kun walaba ba'uu foonii fi
lubbuu daangaa hin qabnee gara
bakka Waaqayyo jiruutti kan
fiduudha (Roomaa 8:23; 1Qorontos
15:12-58; 1Tasolonqee 4:13-17).
Inni kan bara-baraati: Kanuma
fe'ellee ta'u namni kamiyyuu
al-tokko fayyina isaa argannaan
gonkumaa hin dhabu (Yohaannis
10:28; 1Phexroos 1:5, 23; Yihudaa
1:1).
Fayyinni amantaa jabeessuu
duwwaadhaan (Filiphiyusis 3:4-9),
tola hojjechuudhaan (Efesoon
2:8-9), hawaasa keessatti nama
kabaja qabu ta'uudhaan (1Qorontos
1:26-29, Yaaqob 2:5), ykn immoo
miseensa maatii namni kan biraa
keessaa fayyee ta'uudhaan (HoE
16:33) gonkumaa argamuu dhiisuu
mala. Miilla fannoo jalatti
namoonni hundinuu cubbamoota
(Roomaa 11:32), fayyinas argachuu
kan danda’an karaa tokko
qofaadhaani: wangeelatti amanuu
(Yohaannis 3:16, Roomaa 10:11-13)
argamuu mala.
Amma yaa
obboloota koo! Wangeela isa
ani isinitti
lallabe...caaffanni
Qulqullaa'oon akka jedhanitti,
Kiristoos cubbuu keenyaaf
du'eera, Inni awwaalameera,
caaffanni Qulqullaa'oon akka
jedhanitti guyyaa sadaffaattis
du'aa kaafameera
(1Qorontos 15:1-4).
Kiristoos cubbuu keenyaaf jecha
bakka keenya du'e. Duuti Isaas
awwaalamuu Isaatiin mirkanaa'e,
Waaqayyos cubbu-maleessa ta'uusaa,
Daabiloosii fi du'a irratti humna
inni qabu, akkasumas namoota kan
biroo of-duukaa buusee gara
injifannoo guutuutti qajeelchuuf
dandeettii inni qabu, inumaayyuu
gara qaama fooniitti isaan
deebisuufi gara iddoo Waaqayyo
jirutti ol isaan fudhatamuu
dabalatee dandeettii inni qabu
mullisuuf du'aa isa kaase
(1Qorontos 15:12-57; 1Tasolonqee
4:13-18).
Namni kamiyyuu fayyuuf Yesuusitti
amanuu qaba (Maatewos 7:13-14;
Yohaannis 8:24 fi 14:6; HoE 4:12),
garuu immoo kanneen Isa hin
dhageenye hoo maal ta'uu? Caaffata
keessa seera tokkotu jira, Namni
tokko ifa argachuu danda'u yoo
argate, ifa fayyinaaf baay'ee isa
barbaachisu hamma Inni argatutti
Waaqayyo gara ifaa isa caalutti
isa qajeelcha, (Ermiyaas 29:12-14;
Maatewos 7:7-8). Fakkeenyaaf,
namni tokko mul'ata uumamaatiin
otoo Waaqa beekee (Faarsaa 19:1-4;
Roomaa 1:18-20), maarree Waaqayyo
hamma Inni Wangeela dhaga'utti
ibsaa sirriitti ifu in kennaaf,
yoo barbaachisaa ta'e immoo,
tajaajilaa wangeelaa iddoo fagoo
namni bira hin geenyettillee in
ergaaf.
Garuu fannoon nama fayisu yookiin
fayyisaan nama Naazireet Yesuus
jedhamu ta’uu akka malu Waaqayyo
otoo hin ibsin dura namoonni bara
dur-durii akkamitti fayyaa turan?
Waaqayyo waan inni hanga ammaatti
hin ibsine namoonni eenyuyyuu akka
amanu gaafatee hin beeku; garuu
immoo wantuma Inni hanga ammaatti
ibse akka amananiif gaafatee ture.
Kanaafuu fakkeenyaaf, wanti
Waaqayyo fayyina Addaamii fi
Hewaaniif gaafatee, Ilma dubartii
takkarraa dhalatu yeroodhaaf
seexanni akka miidhu, garuu immoo
dabaree Isaa Inni seexana
guutummaan guutuutti akka moo'atu
akka amanan ture (Seera Uumamaa
3:15).
Dhugaa isa Yesuus cubbuu keetiif
du'uu Isaa, awwaalamuu Isaa fi
Waaqayyo warra du'an keessaa Isa
kaasuu Isaa in fudhattaa? Hojii
Waaqayyoo isa jaalala irratti
hundaa’eefi ulfaataa ta’e kana
amaniitii, fayyina bara-baraa
argadhu!
IX.
ISRAA'EL
Waaqayyo Abraamiin amma Biyya kee,
firootaa fi mana abbaa keetii
irraa, Gara biyya Ani si
argisiisuu dhaqi;2. Ani saba
guddaa sin godha, sin eebbisa,
maqaa kee nan guddisa, eebbas
in taata; 3. Warra si eebbisan
nan eebbisa, warra si
salphisan nan abaara, qomoon
biyya lafaa irraa hundinuu
sababii keetiif in eebbifama.
Ani biyya kkanaa sanyii
keetiif nan kenna”jedheen
(Seera Uumamaa 12:1-3, 7). Kakuu
Waaqayyo Abraamiif gale kanarratti
hundaa’uudhaanis, karaa ittiin
eebbasaa biyya lafaatiif dabarsuu
danda’u tolchuuf saba tokko uume.
Isiraa'el xiqqittiin wiirtuu saba
seenaa fi raajiiti. Isheen
xiyyeeffannaa fi handhura
giddu-gala oduu biyya lafaati.
Qaroominnii fi seenaan addunyaa
isheen biyya lafaatiif gumaachitu
bal'ina isheetiin kan walitti
dhufuu miti. Walitti dhufeenyi
isheen Waaqayyo wajjin qabdu
gochaalee dhumaarra ta’an irratti
fuulleedhaan dhiibbaa qaba.
Akkaataan sabnii fi namoonni
tokko-tokko ishee wajjin walitti
dhufan hiree isaanii in miidha.
Waaqayyo paatiraarkii Isiraa'eliif
Warra si
eebbisan nan eebisa, warra si
salphisan nan abaara, qomoon
biyya lafaa irraa hundinuu
sababii keetiif in eebbifama.
“Ani biyya kana sanyii keetiif
nan kenna” jedhe
(Umama 12:3), kun ummataafis ta’e
sabaaf in hojjeta. Kanaafuu waa'ee
Isiraa'el wanta caaffanni dubbatu
qo’achuufi keessumattuu wangeela
fayyinaa isheedhaaf fiduudhaan
eebba isheedhaaf ta’uun faaydaa
guddaa qaba.
Dubbifni asiin olii Kakuu Waaqayyo
jalqaba Abrahaamiif gale isa
walumatti Kakuu Abrahaam
of-keessatti qabatudha.
Dubbisoonni kan biroon: Seera
Uumamaa 13:14-17; 15:1-21; 17:1-21
fi 22:15-18dha. Kakichi har'allee
sababoota asiin gadiitiin hojiirra
oolaa akka jiru beekna:
1. Waaqayyos isa gara ilma
Abrahaam Yisihaaqitti (Uma.
26:2-5, 24), gara Ilma Yisihaaq
yaaqob (Uma. 28:13-15) warra
maqaan isaa Isiraa'el ta'eefi
(Uma. 32:28) achumaan, dhuma
irratti ilmaan Isiraa'el hundumaa,
dursitoota gosoota kudha lamaan
Isiraa'el, warreen wantoonni
egeree isaan waliin raajametti
(Uma. 49:1-28, keessattuu
waraabbii 10) in dabarse.
2. Dubbisoota kakuu keessa jiran
irratti hundaa’uun, Waaqayyo
sanyii Abrahaam kanneen qaccee
kakuu keessa jiraniif wantoota
tokko-tokko wadaa in gale (Uma.
12:7, 13:15-16; 15:5, 13, 18:
17:7-10).
3. Waaqayyo Seera Uumamaa 17:7
keessatti fuuluma dura kakuusaa
Abrahaam qofaaf otuu hin ta'in
dhalattoota (sanyii) isaatiifis
akka raawwatu dubbateera: Ani siif
Waaqayyo ta'ee, si
booddeedhaanis sanyii keetiif
Waaqayyo ta'uuf kakuu koo ofii
koo fi si gidduutti dhaloota
si booddee jiran, sanyii
isaanii hundumaa gidduuttis
kakuu bara-baraa godhee,
cimsee nan dhaaba.
4. Roomaa 11:27 keessatti
Phaawuloos Isiraa'el ilaalchisee
kakuu Waaqayyo sichiif ta'uu gale
irra deddeebi'ee dubbate. Yeroon cubbuu
isaanii isaan irraa fuudhu,
kakuu kookana isaaniif nan
dhaaba (Isaayyaas
59:19-21).
Kakuun Abraam kakuuwwan kan biroo
sadii kanneen Waaqayyo saba
Isiraa'eliif gale kanneen hamma
yeroo dhumaatti ta'an (Roomaa 9:4,
11:29), Biyya kakuu (Keessa Deebii
9:4, 11:29). Kakuu Daawitii
(2Saamu'el 7:11-16; 1Seenaa Baraa
17:10-14), fi Kakuu Haaraa
(Ermiyaas 31:31-37) irratti
faca'e. Kakuuwwan kunniin ammayyuu
kan Isiraa'eli (Roomaa 9:4) garuu
immoo Waaqayyo sabni biyya lafaa
hundumtuu amantii Yesuus
Kiristoosiin wantoota gaarii
hafuuraa kanniinitti akka galan
godhee jira (Efesoon 2:12-22; 3:6;
Galaatiyaa 3:13-14).
Waaqayyo Isiraa'eliin kan filate
isaan saba addaa ta'uun waan isaan
barbaachisuuf ykn immoo badhaasa
adda akka argataniif yookis immoo
filatamuun isaanii saba kan biroo
caalaa baay'ee gaarii ykn kan
cubbuun itti hin guddanne ta'uu
isaanii irratti kan hundaa’e hin
turre. Filannoon Isiraa'el
kophumatti kan Waaqayyooti. Inni
walabummaadhaan Isiraa'el kan
filate Qulqullummaafi ulfina Isaa
sabootaatti agrsiisuu fi Abraamii
kaasee dhaloonni jiru hundi warra
jalqabaa sagalee Waaqayyoo
fudhatan akka ta'aniif, saboota
kan birootti raajii akka himaniif,
Masihichi akka isaan irraa
argamuuf, waldaa kiristaanaa bara
durii akka dhaabu leenjisuu fi
qajeelchu, biyya lafaa hojii
wangeelaatiin waliin gahuuf
(fuulduratti), yoomiyyuu ykn
seenaa kam keessattiiyyuu saba isa
tokkicha (dhaloota sichi dhufuuf)
fayyina waliigalaa
biyyaaleessaatiin kan eebbifamte
akka taatuuf, Abraamii kaasee
biyya lafaa keessatti baroota
hundaa hoomaa hojjettoota jalqabaa
Masihichaa akka ta’aniif,
akkasumas akkuma Inni asiin dura
mamii malee haalota kakuuwwan
danuu sirrumatti raawwate, sichis
kanneen hafan mamii tokko malee
galmaan in ga'a.
Kakuun kan biraa Waaqayyo
Isiraa'eliif gale in jira. Kakuu
Muusee ykn salphaadhumatti,
Seerootaa fi gaaffiiwwan isaa
Seera Ba'uu 20:1 kaasee hanga
Keessa-Debii 28:68tiitti
tarreeffamee jirudha. Asitti
qabxiilee barbaachisoo afur keessa
deebinee ilaalla:
1. Seerichi Isiraa'elii fi
Isiraa'el qofaaf kenname ture
(Ba'u 20:1-17,22).
2. Inni kan isaaniif kenname
saboota biraatirraa adda isaan
baasuun akka danda’amuufi (Lewota
11:44-45; Keessa Deebii 7:6;
14:1-2), waa’ee qulqullummaa isaan
leenjisuuf, fuulduratti
caaffattootaa fi Masihicha akka
isaan fidaniif, akkasumas gara
amantii Masihichaatti isaan
qajeelchuufi (Roomaa 8:1-4;
Galaatiyaa 3:24-25).
3. Kakuuwwan Waaqayyo Isiraa'el
wajjin gale kanneen biroon
Waaqayyoof amanamuu qofaa irratti
kan hundaa’an waan ta’aniif
ammallee hojiirra oolaa jiru.
Kakuun Muusee Isiraa'el Waaqayyoof
abboomamuu ishee irratti kan
hundaa’e waan ta’eefi Isiraa'el
kakucha hojiirra oolaa hin jiru
(Ermiyaas 31:32). Inni yeroo
fannootti hojiin ala ta'e (Roomaa
10:4; Efesoon 2:15, Qolaasiyaas
2:13-14; Ibroota 7;18; 10:19),
har’a abboommii kakuchaa tokkollee
kabajuun hin barbaachisu-kakuuwwan
kurnanillee yoo ta’an (2Qorontos
3:2-11)- abboommii Samtabaatiin
ala kurnan isaaniiyyuu bifa
addaatiin Kakuu Haaraa keessa
taa’anii waan jiraniif akka seera
Kiristoosiitti eeggamu qabu
(Roomaa 8:2; Galaatiyaa 6:2).
4. Waadaawwan kakuchaa keessaa
ammallee otoo hin guutamin kan
jiran seerichi hojiirra oolaa waan
hin turreef, seericha irratti
hundaa’uudhaan guutamuu hin
danda’an, garuu kakuu Abraam,
Biyyaa, Daawitiifi Kakuuwwan
Haaraa haal duree hin qabneen in
guutama.
X.
WALDAA KIRISTAANAA
Isiraa'el dhaloota uumamaatiin
saba Waaqayyooti. Waldaan
kiristaanaa dhaloota hafuuraatiin
Pheenxeqoosxii fi ol
fudhatamuu/butamuu gidduutti saba
Waaqayyooti (Yohaannis 3:6-7).
Nuyis amma waldaa kiristaanaa
kallattiiwwan sadan caaffata
keessatti beekamaniin: waldaa
kiristaanaa addunyaa, waldaa
kiristaanaa naannoo fi gamtaa
ergama wangeelotaa qoranna.
A.
WALDAA KIRISTAANAA ADDUNYAA
Maqaawwan waldaaf kennaman
kanneen biroo keessaa, waldaan
kiristaanaa addunyaa akka “dhagna
Kiristoosi” jedhamuudhaan beekama
(Roomaa 7:4; 1Qorontos 10;16 fi
12:27, Efeson 4:12), kunis aboo
tokkummaa uumamaa amantoota
Kiristoosiin akka mataatti
fudhatan gidduu jiru himudha
(Efesoon 1:22, 4:15, 5:23;
Qolaasiyaas 1:18, 2:19). Waldaan
kiristaanaa addunyaa amantoota
dhugaa yeroo pheenxeqoosxii kaasee
hamma ol-butamuu, kallattii biyya
lafaa guutuu gara kamiinuu jiran
kanneen dursanii Waaqa irra
jiraatanii fi ammayyuu lafa irra
jiran of- keessatti qabata.
Waraabbilee HoE 1:5, 2:1-4; 10:44;
11:15-16 fi 1Qorontos 12:13,
walcina firomsiifnee wayita
ilaallu, waldaan gaafa guyyaa
pheenxeqoosxiitti akka hundoofte
nutti agarsiisa. HoE 11:15-16
keessatti Phexroos pheenxeqoosxee
kan jalqabaa akka true argisiisee
jira. Inni waldaa Addunyaawaa
amantoota yeroo pheenxeqoosxi
duraa fi yeroo ol-butamuu booddee
irraa garaa-garummaa jiru addaan
baafamee beekamuu qaba, sababiin
isaas Inni karaa adda-addaatiin
adda waan ta'eefi; isaan keessaas
warri gurguddoon:
1. Sababa dhugaa kanaatiin
amanoota yeroo pheenxeqoosxee dura
lakkoofsaan xiqqootu Hafuurri
“isaan” waliin ture, (Haala
murtaawaa ta’een ammoo “keessa”
isaanii keessas ture akka ture ni
hubanna) ,amantoota hundaa yeroo
Pheenxeqoosxi kaasee hanga yeroo
ol-butamuutti kan jiran “keessa”
haafurriichii ni
jiraata.(Lakkoofsa 11:17-25;27:18;
2Mot 2:9-12, Yohannis 7:37-39;
14:16-17)
2. Garee kana qofaatu
“Kiristoositti hafe” jedhama
(Roomaa 12:5; 1Qorontos 1:2; 15:18
kkf)
3. Yeroo ol-butamutti warra
du'anii fi lubbuudhaan jiran garee
kanaa keessaa qofaa lafarraa
fudhatamuuf jiru, sababuma dhugaa
kanaatiin dhagnoonni amantoota
yeroo pheenxeqoosxee duraa kaasee
hamma deebi'ee dhufuu Gooftaatti
awwaaluma keessatti hafa;
akkasumas immoo kanneen
ol-butamuudhaan booddee amananii
fi dhufaatii Gooftaa duraa yeroo
Gidiraa Guddatti lafa irratti kan
hafan ta'u. Akkasumas
garaa-garummaawwan kan biroo
waldaa kiristaanaa addunyaa irraa
adda ta'an, gochaaleen kunniin,
kutaa “Karoora fuulduratti
milkaa'uu danda'u argisiisu”
keessatti kan irratti mari'atamu
ta'a.
B.
WALDAA KIRISTAANAA NAANNOO
“Waldaa kiristaanaa naannoo garee
amantoota masihichatti amananii
kanneen kaayyoo Ergama guddaatiif,
ajaja cuuphaa fi irbaata Gooftaa
amaleeffachuuf, Waaqayyoof
sagaduudhaan Dhagna ijaaruuf,
walitti dhufeenya amantoota gidduu
jiru, barsiisa sagantichaa fi
hojiirra oolmaa kennaawwan
hafuuraatiif cuuphamaniifi kanneen
ofii isaanii hoggansa jaarsolii fi
diyaaqoniyaa jalatti of
gurmeessaniidha.
Macaafni Quqlulluun walitti
dhufeenya karaa baratame qofaa hin
taane in jajjabeessa, walitti
dhufeenyi inni baratamaan ergama
waliini tokkollee sadarkaa Macaafa
Qulqulluutiin waldaa kiristaanaa
naannoo guutummaatti barsisuu
danda'u miti. Waldootiin
kiristaanaa naannoo dhaabbatoota,
itti gaafatamootaa fi wantoota
ofii isaanii balaa irraa ittiin
of-ittisan walitti dhufeenya
baratamoo hin taane keessa kan hin
jirre qabu.
Dhagni Waliigalaa Kiristoos bara
pheenxeqoosxii kaasee hamma guyyaa
ol-butamutti amantoota dhugaa
hunda irraa kan walitti
ijaaramedha. Kun otoo kanumaan
jiruu, Bara jireenyaa Waldaa
Kiristaanaa keessatti waldootiin
kiristaanaa lakkoofsaan hin
beekamne biyya lafaa keessa
turanillee dhagni Kiristoos Inni
waliigalaa tokko qofaatu jira.
Sababuma dhugaa kanaatiin dhagnchi
amantootuma qofaadhaan walitti
qabamee waldaan kiristaanaa Inni
dhugaa tokko amantootaafi gurmuu
amantootaatiin durfamuutu isheef
ta'a, garuu immoo tarii otuu hin
beekamin miseensota ishee keessaa
warra hin amanne of keessatti
qabachuus in malti (Maatewos
13:24-30, 31, 32). (Namni tokko
otuu nama dhugaa barbaada ta'ee
Inni tarii walga'ii waldaa irratti
hirmaachuu in danda'a, garuu immoo
Kiristoositti yoo hin amanin
miseensummaatti gonkumaa makamu
hin qabu. Waan ta'eefis uumamni
dhagna waliigalaa yeroo
pheenxeqoosxii kaasee hamma yeroo
ol-butamuutti addunyaa guutuu
irratti iddoo argata, waldaan
Kiristaanaa naannoo, Bara Waldaa
Kiristaanaa keessa yeroo kamittuu
jalqabuu dandeessu takka, iddoo
tokko jiraattullee (miseensota
ishee keessaa tokko-tokko tarii
ergamoota wangeelaa iddoodhaa
iddootti naanna'an ta'uu
malanillee), akkasumas immoo umrii
dheeraan jiraachuufi dhiisuun
ishees kan mirkanaa’e miti.
Eenyufaa miseensota waldaa akka
ta'an akkuma Gooftaa qofti beeku
dhagni waliigalaa yeroo
tokko-tokko waldaa kiristaanaa hin
mul'anne jedhamee waamama.
Akkasumas dhagni naannoo immoo
ijatti waan mul'attuuf waldaa
mul'attu jedhamee waamama.
C.
GAMTAA NAMOOTA ERGAMA
WANGEELAATIIF BOBBA'ANII
Rogni biraa waldaa kiristaanaa
caaffata keessatti beekamaa ta’e
waldaatti dabaluudhaan gamtaa
namoota ergama Waneelaatti
bobba'aniiti. Nuyis isaan keessaa
baayyee beekamaa kan ta’e waa’ee
Phaawuloos qoranna.
Abboommiin Gooftaa inni, Egaa dhaqaa,
Maqaa Abbaatiifi Ilmaatti, kan
hafuura Quqlulluuttis isaan
cuuphuudhaan, saba hundumaa
bartoota koo godhaa
(Maatewos 28:19) jedhu
xiyyeeffannaa akka argatu gochuun
waamicha waldaa kiristaanaa
hundaati, garuu immoo Inni
waamicha warra hojjettoota
wangeelaaf kennameefi (HoE 8:5,
26-36) gamtaa namoota ergama
Waneelaatti bobba'anii, wangeela
isa dhugaa gara naannoo asiin dura
gonkumaa hin geeffamneetti
geessuudha. Phaawuloos warra
Roomaatiin akkas jedhee tue “Hundee namin
kan biraa jalqabe irratti
akkan hin hojjanneef immoo,
lafa takkaa maqaan Kiristoos
hin dhaga'amiintti malee,
wangeela akkan hin lallabne
murtoo godheera, akkuma
caaffameyyuu “ISAAN ISA TAKKAA
WAA'EEN ISAA ISAANITTI HIN
HIMAMIN IN ARGU, ISA TAKKAA
WAA'EE ISAA HIN DHAGA'INIS IN
HUBATU” jedha
(Isaayyaas 52:15) (Roomaa
15:20-21); akkasumas immoo gara
warra Qorontositti, ammas nuyi
isa namni kan biraa lafa hojii
isaatitti hojjetee qopheesseen
otuu of hin jajin, isin
garasittiyyuu darbinee
Wangeela in lallabna
(2Qorontos 10:16).
Daangaa qulqullummaa keessatti
Phawulos caalaatti kan milkaa'e
ta'uu ofiisaa aadaa hundaa fi
namoota gara-garaatti madaqsuuf in
carraaqe (HoE 17:19-23.
Dabalataanis 1Qorontos 9:19-23;
Qolaasiyaas 4:6). Innii fi gareen
isaa Wangeela lallabanii, waldoota
kiristaanaa dhaabanii, jaarsolii
waldaa muudanii (Titoo 1:5),
akkasumas immoo kallattii isaa
kamiiniyyuu hojii fi sagalee
Gooftaa akka babal'isaniif
amantoota haaraa in leenjisu ture
(2Ximotewos 2:2). Wanta isaanirra
ga'uuf malu sodaachuun otuu hin
mamin iddoowwan jibbitoonni
jiranitti akkuma iddoowwan
nagaadhaan qophaa'anitti Wangeela
lallabuudhaan itti gaafatama
guddaa fudhatan (HoE 4:19-20,
23:29; 2Qorontos 11:21-33). Isaan
wantoota hundumaa yeruma tokkoon
hin hubatan ture (HoE 15),
Gooftaan karoora isaanii gidduutti
jijjiire (HoE 16:7-9); isaan
gidduu isaaniitti mormii fi
gaarreeffannoowwan ciccimoo qabu
ture (HoE 11:2; 15:36-40;
Galaatiyaa 2:12-14); ta'ullee,
si’aayinni ergama isaanii gufuufi
hanqina hundumaa irra aanee,
isaanis Waaqayyo hojii isaa akka
isaan keessatti hojjetu amananii
hojiisaanii itti fufan, Innis
akkasuma godhee: gareen Phaawuloos
qofaan lafa galaana Mediteraaniyaa
qarqara kaabaa hunda keessatti
waldootii kiristaanaa dhaabanii in
leenjisan. Yesuusis akkuma waadaa
galetti, raawwate; Anis dhagaa
hin sochoone kana irratti
waldaa koo nan ijaara,
gooftummaan du'aas mootummaa
waldichaa irratti humna hin
godhatu hin moo'us
(Maatewos 16:18).
Gareen Phaawulos ergama isaannii
sirriitti hubatanii turan: Innis
barsiisaa warra ormaa ta’uun
ergama dura-bu’aa isaanii ture.
Inni wanta addatti yaadatamuu
qabuudha, ta'ullee Waaqayyo
Phexroosiin warra Yihudootaatiif
Phaawuloosiin immoo warra
Ormaatiif waamullee (Galtaatiyaa
2:7), ergamichi warra Ormoota gara
fedhe yoo deemellee, yeruma hunda
jalqaba warra Yihudootaatiif
lallaba ture
(Roomaa 1:6), sababiin isaas Inni
barbaachisaa waan ta'ee fi
(HoE 13:46). Kitaaba HoE guutuusaa
dubbisaa. Kun dhugaa ta'uu isaa in
argitu. Phaawulos gara iddoo asiin
dura itti tajaajiletti yommuu
deebi'u inni deebisee haaluma
walfakkaataa hordofa ture (HoE
18:19; 19:1-8). Jalqaba
Yihudootaaf seerri
jedhu har’allee hojiirra oolaa
jira, akkasumas waldaa kiristaanaa
akkuma waggaa 1900f waan kana
dagattee turte amma hanga
danda’ametti hordofuuf qophooftee
eegdi.
Walaan kiristaanaa naannoo fi
gareen ergamaa wangeelaa, lamaan
isaaniiyyuu hojii Waaqaa Gooftaan
eeyyameefi hojii adda ta’ee
hojjetaa jirra jedhanii beekamtii
walii kennu. Lamaan isaaniiyyuu
aboofi itti-gaafatamummaa wal-qixa
ta’e qabna jedhanii yaadu, walis
in tajaajilaa turan. Hafuurri
Qulqulluun yommuu Barnaabaasii
fi Saa'ulin hojii ani itti
isaan waameef, addaan anaaf
baasaa jedhetti,
dura-buutonni waldaa kiristaanaa
Anxookiyaa soomaan, kadhataa fi
harka isaanii mataa jaraa irra
kaa'anii jara hojichaaf in ergan
(HoE 13:1-3). Yommuu imalli
Phaawuloos Bitaaniyaadhaa gara Maaqedooniyaatti
Gooftaadhaan jijjiiramu,
(HoE 16:7-10), eeyyama jaarsolii
Anxookiyaa ykn jaarsolii
yeruusaalem argachuudhaaf otuu hin
barbaadin Inni battalumatti...
gara Maqedooinyaatti ce'uu
abballe.
Miseensonni waldaa kiristaanaa
naannoo, gareewwan ergamoota
wangeelaa Phaawuloos itti in
makamanii (HoE 12:12; 16:1-3;
20:14), balbala isaanii isaaniif
in bananii (HoE 16:14-15),
isaaniif kadhatanii (Qolaatiyaas
4:13; Efesoon 6:19) maallaqaanis
isaan in gargaaranii (2Qorontos
8:3, 5; 11:9; Philiphiyusis
4:14-16), akkasumas isaaniif
ittigaafatama guddaa in fudhatan
(Roomaa 16:3-40).
Haala barbaachisaa ta'een,
gareewwan ergamoota wangeelaa
waldoota kiristaanaa naannoo
dhaabanii yeroo dheeraadhaaf isaan
wajjin in turan ykn immoo
isaanitti in deebi'an, yeroo
barbaachisaa ta'etti, isaan
dhaabachuu isaanii fi gaariitti
sagalichaan leenji'uu isaanii
mirkaneeffachuuf Phaawulos
waldoota kiristaanaa cimsaa,
kutaa biyya Sooriyaa fi
Qiliiqiyaa keessa darbe
(HoE 15:41), Dubbii
Waaqayyoo isaan keessatti
barsiisaa waggaa fi ji'a-ja'a
isaan bira taa'e [Qorontos] (HoE
18:9-11) jaarsolii warra
Efesoonitti Inni akkas ittiin
jedhe Waggaa
sadii halkanii fi guyyaa otuu
gargar hin kutin
imimmaaniinakkan tokkon tokkon
keessan gorsaa ture yaadadhaa!
(HoE 20:31), Tiitoosiif, Sababiin ani
qareexis biyya bishaan
keessatti si hambiseefis wanta
toora hin qabatin hafe akka
toora qabsiiftuuf, mandaruma
mandarattis akkuma ani si
argisiisetti jaarsolii hojii
waldaa gaggeessuu irra akka
dhaabduuf ture jedhee
barreesse (Tiitoo 1:5,
Dabalataanis HoE 20:28-32, Roomaa
16:17-19; filiphiyusis 3:15-16;
1Qorontos 5:1 1Tasolonqee
5:12-22). Inni dabalataanis karaa
ergaawwaniitiinis waldootii
kiristaanaa naannoo tajaajileera,
akkasumas immoo Innii fi gareewwan
isaa fedhoota adda waldoota
kiristaanaa qunnamuudhaan
gargaaraniirus. Yommu qulqulloonni
Yeruusaalem keessaa gargaaraa
barbaadanitti, gareewwan Phaawulos
kaayyichaaf waldoota irraa arjooma
argatanii turan (HoE 11:29-30;
1Qorontos 16:1-3).
Yeroon jijjiiramee, ergamoonni
wangeelaa hammayyaas in uumaman:
Hojjettoonni Macaafa Qulqulluu
hiikan, hojjettoonni
ayyaanaa/araaraa dhaabbileen
wangeelaa hammayyaafi kanneen
biroo, isaan kun immoo gaariifi
bayeessa. Ta'ullee, pirojektiin
Joshuwaa giddu-gala ergama
addunyaa Ameeriikaa
(josuaproject.net), akka jedhutti,
addunyaa keessaa dhibbantaa
afurtamii tokko bira wangeelli
ammayyuu hin geenye, gareewwan
ergamoota wangeelaa kan akka
Phaawulosii ammayyuu in
barbaadamu. Wanta Yesuus waggoota
kuma lama dura dubbate har'as in
hojjeta Midhaan
sassaabamu baay'edha,
hojjettoonni sassaaban garuu
muraasa: egaa hojjetoota warra
midhaan sassaaban itti haa
yaafatuuf, abbaa midhaanichaa
kadhadhaa! jedhe
(Maatewos 9:37-38). Hojiin
ergamummaa wangeelaa akka itti
fufuu fi gara naannoowwan
gararraatti akka erguuf Waaqayyo
dhiiraaf dubartii ciccimoo,
jajjaboo fi ogeessota haa kaasu.
Ameen
XI.
KAROORA MILKII FUULA DURAA
ARGISIISUU DANDA’U
Biyyi lafaa cubbuufi haala
gaddisiisaa amma keessa jiru
qabatee yeroo dheeraadhaaf itti
hin fufu, yookiis immoo biyyi
lafaa ykn jireenyi isarraa balaa
tasaa ykn harka namaatiin hin
barbadaa'u. Akka sagalee abdii
kennameetti Waaqayyo warra
fayyaniif karoora milkaa'uu
danda'u warra hin fayyineef immoo
akeekkachiisa, akkasumas immoo
hundumaafuu haqafi araara isaa
qopheesseera.
A.
OL-BUTAMUU
Warri saba Kiristoos hin ta’in
al-tokko guutummaatti saba isaatti
erga dabalamanii booda (Roomaa
11:25), Waaqayyo miseensota isaa
du’an hunduma du'aa-kaasee jaraafi
miseensota isaa lafarra jiran
hundumaa, iddoo inni jiruutti
sirna ol-butamuu jedhamee
beekamuun ofitti ol isaan fudhata
(1Qorontos 15:12-57; 1Tasolonqee
4:13-18), kanaafis
[isaan] baruma-baraanuu
Gooftaa wajjin jiraatu
(Tasolonqee 4:17). Kanneen
Kiristoos wajjin jiran qofaatu
itti makama (1Tasolonqee 4:16).
Qulqulloonni Kakuu Moofaa fi
kanneen yeroo Gidiraa Guddaatti
fayyfaman jalqaba bara
muudamummaatti du'aa kan kaafaman
in ta'u (Isaayyaas 26:19; Daani'el
12:2). Ol-butamuun battalatti,
hamma liphisuu ijaa yommuu ta'u,
yerichatti dhagnoonni keenya,
kanneen amma dadhabootaa fi
dhukkuba, du'aafi tortoruudhaaf
sababa ta'an, yeros kan hin
dadhabne, humnaan kan guutamaniif
kan hin duune in ta'u (1Qorontos
15:52-54). Foon keenya yeroo ammaa
kana jireenya abaaramaa lafaa
kanaan walitti mijaa'ee jiraatu,
jireenya ulfina qabeessa iddoo
Waaqayyo qulqulluun keenya jiru
wajjin wal-simu ta'ee bara-baraaf
kan jiraatu in ta'a.
B.
YEROO GIDIRAA GUDDAA
Ol-butamuu Waldaa kiristaanaatiin
booda, yeroon turtii waggaa torbaa
Gidiraa Guddaa jedhamee waamamu in
jalqaba (Daani'eel 9:27, mat.
24:21). Innis Waaqayyo yeroo
firdii gadadoo kana warra isa
didaniif waan ol-kaa’eef haala
biyyi lafaa asiin dura argee hin
beekneen yeroo waraanaa, badiisaa
fi barbadaa'uu ta’a (2Tasolonqee
2:8-13). Waldaan kiristaanaa erga
ol- butamtee booda, iddoo
qulqulloonni tokkoon-tokkoon
isaanii hojii lafa irratti isaaf
hojjetaniif itti badhaafaman
(Roomaa 14:10-12; 1Qorontos
3:11-15; 2Qorontos 5:10), jannata
keessa nagaadhaan Kiristoos wajjin
jiraatti (1Tasolonqee 1:10; 5:2-9;
Mul'ata 3:10); akkasumas immoo
waldaan kiristaanaa, Misirroon
Kiristoos, Isatti in heerumti
(Mul'ata 19:6-8).
Lafa irratti, Farri Kiristoos,
namni guutummaan-guutuutti
seexanaaf of kenne tokko saboota
gidduutti in ka’a (2Tasolonqee
2:1-3). Isiraa'elis sodaa
barbaadaa'uu saboota isheetti
garagalanii irraa ka’uudhaan
namicha wajjin waliigaltee
eegumsaa waggaa torbaa in
mallatteessiti, kunis Gidiraa
Guddichi jalqabamuu isaaf
mallattoo in ta'a. Waggaa sadi'ii
fi walakkaadhaan booda Farri
Kiristoos waliigaltee sana in
cabsa: Inni Mana Qulqullummaa
Yeruusaalem keessa taa'ee, ani
Waaqayyo ofiin jechuudhaan labsee
Yihudoonni akka isaaf sagadan
gaafatee, hoomaawwan waraanaa
biyya lafaa akka Yihudoota
barbadeessaniif walitti in qaba
(Daani'eel 9:27; Maatewos
24:15-16; 2Tasolonqee 2:3-4;
Mulata 11:1-2; Mul'ata 12:13-15).
Waaqayyo yeroo Gidiraa kanatti
kaayyoowwan gurguddoo in raawwata:
1. Inni Yihudota dhuma waggootta
torbanii irratti lubbuudhaan hafan
hunda baraaruuf jecha danqaraa
Isiraa'el Masihicha diduudhaan
uumte in cabsa (Isaayyaas
28:14-22; Hisqi'el 20;33-38;
Zakkaariyaas 13:1; Maatewos
23:39).
2. Saboota biyya lafaa keessa
danuu isaanii gara amantii
fayyinaatti in fida (Mul'ata
7:1-4, 9-17).
3. Inni qajeelfama biyya lafaa
jal'aa fi kanneen Kiristoos akka
fayyisaa isaanitti fudhachuu didan
hunda in barbadeessa (Isaayyaas
13:9; 24:19-20; Zakkaariyaas
12:2-9, Mul'ata 17:1; 18:2; 19:2).
Fayyina Isiraa'elirraan, Masihichi
baabura Isaatiin waldaa
kiristaanaa wajjin gara lafaatti
in deebi'a (Roomaa 11:26-27;
Yihudaa 1:14-15). Inni waggaa kuma
tokkoof seexana hidhuudhaan
diinota isiraa'el in moo'a
(Mul'ata 19:11-21), akkasumas
immoo Mootummaasaa waggaa kuma
tokkoo lafa irratti in dhaaba
(Mul'ata 20:1-3, 5, 7).
C.
BARA MASIHUMMAA YKN BARKUMEE
Namnii fi mootummoonni isaa
Waaqayyoon hin qabne biyya
lafaatti badiisa guddaa akkasumas
immoo dhala namaa hundumaa irratti
rakkina himamuu hin dandeenye
fidaniiru. Gooftaan teessoo
Mootummaa Isaa Yeruusaalem
jirurraa biyya lafaa in bulcha,
wanti hundumtuus in geeddarama
(Faarsaa 2:6-8; Isaayyaas 9:6-7;
Luqaas 1:30-33).
Waaqayyo quqlulloota Kakuu Moofaa
fi yeroo Gidiraa Guddaatti du'an
hunda du'aa in kaasa (Isaayyaas
26:19; Daani'el 12:2), akkasumas
immoo, biyya lafaa kana akka
isheen dinqisiisoo taatutti
deebisee in qaroomsa (Isaayyaas
2:4; 11:6-9; 35:1-2; 65:17,20);
akkasumas immoo ayyaanni cidha
Hoolichaa fi waldaa kiristaanaa,
misirroo isaa, in jalqaba (Mul'ata
19:9).
Waldaa kiristaanaa deebitee fi
qulqulloonni yeroo Gidiraa
Guddaatti du'aa ka'umsa argatan
Masihichaa wajjin biyya lafaa
irratti in moo’u (Mul'ata 20:4),
Daawit mootichi Isiraa'el in
bulcha, akkasumas immoo ergamoonni
kudha lamaan isa jalatti gosoota
Isiraa'el kudha lamaan in bulchu
(Hisqi'el 34:23-24, Ermiyaas 30:9;
Maatewos 19:28; Luqaas 22:28-30).
Eebbawwan lafarratti Isiraa'eliif
waadaa galaman hundinuu in
raawwatamu. Waaqayyo biyyoota
Isiraa'eloonni keessaitti
faca'anii jiranii gara Biyya
abdachiifamteefi iddoo isaan itti
daangaa ishee guutuudhaan
gammachuu safara hin qabneen
keessa jiraatanitti deebisee
walitti isaan in qaba. Sana booda
Isiraa'el saboota hundumaa kan
caaltu taatee in uumamti (Keessa
Deebii 15:6; 28:1,13; 30:5;
Isaayyaas 11:11-12; 61:6; Maarqoos
13:27).
Isiraa'eloonni Mootummicha
keessatti dhalatan hundinuu kan
fayyan in ta'u (Isaayyaas 44:5;
45:17; Ermiyaas 24:7; 31:33-34;
50:19-20; Hisiqi'el 11:19-20;
36:25-27), Isiraa'el biyya
lafaatiif dambalii hojjettoota
wangeelaa jalqabaa Masihichaa in
taati (Zakkaariyaas 8:20-23),
akkasumas ishee fi waldaan
kiristaanaa warra Mootummicha
keessa jiraataniif luboota
Waaqayyoo in ta'u (Ba'u 19:6,
1Phexros 2:9; Mul'ata 1:6; 5:10).
Hoolonni warra Ormaa, kanneen
Isiraa'eloota yeroo Gidiraa Guddaa
sanatti ari'amaniif iddoo baqaa
kennan, kan fayyan ta'anii
Mootummichatti in galu (Maatewos
25:31-40). Warri Ormaa Mootummicha
keessatti dhalatan hundinuu
fayyina argachuu in danda'u
(Isaayyaas 65:20), akkasumas
saboonni lafaa hundi (Zakkaariyaas
14:17-19) akkasumas kanneen
baroota hundumaa keessatti fayyina
argatan hundinuu Mana Qulqullummaa
Magaalaa Qulqullittii Yeruusaalem
keessatti dhaabatu isa haaraa
keessatti Mooticha in waaqessu
(Isaayyuu 2:2-4, Hisqi'el 40:1;
46:24).
D.
FIRDII BARA-BARAA
Ergamoonni qulqulloonni hundumtuu
iddoo Waaqayyo bara-baraaf jiraatu
hunda in jiraatu (Ibroota 12:22).
Seexannii fi ergamoonni isaa
hundinuu gara Galaana Abiddaa isa
bara-baraaf guubatuutti in
darbatamu (Maatewos 25:41, Mul'ata
19:11-21; 20:1-2, 10). Nama
ilaalchisee, namoonni al
tokko du'uuf kaa'amaniiru; isa
booddee immoo firdiitti in
dhi'aatu (Ibroota
9:27) Deebi'anii foon uffachuun
wayiituu hin jiraatu. Hireen
gochaa nama tokko fulduratti
murteessu hin jiru. Eenyutu
yomiyyuu isa argata? Iddoon
gadadoo, bakki namni tokko
jannata otoo hin seenin dura
cubbuusaa ofirraa itti dhiqu
jiraachusaa Kitaabni
Qulqulluun bakka itti dubbatu
hin qabu. Yesuus fannoo
irratti hatticha amanaadhaan,
“dhuguman sitti hima har’a ana
wajjin jannata keessatti in
argamta (Luq
23:43);” jedheen.
Phaawuloosis, “Mana dhagna
keenyaa kana irraas fagaannee,
mana keenyatti gooftaa bira
jiraachuun nuuf in wayya (2
Qor 5:8).” Fayyinni warra
baraaramanii mudaa dhabuu
Masihichaatiin argama: mudaa
dhabuufi qulqullinni isaa keenya
kan ta’u cubbuu keenyaaf aarsaa
ta’uusaa yommuu amannudha
(1Qorontos 1:30).
Warri baroota hundumaa keessatti
fayyina argatan baruma-baraaf
Waaqayyo wajjin Waaqarra in
jiraatu (Yohaannis 3:16) warri hin
fayyine garuu dhuma Barkumichaatti
adabbiin isaanii bara-baraa
Galaana Abiddaa keessatti akka
ta’u murteessuuf Firdii Teessoo
Adii Fulduratti kan itti faradamu
in ta'u (Daani'el 12:2; Mul'ata
19:20; 20:5, 10-15).
E.
BAROOTA BARA-BARAA
Firdii warra jal'ataniitti
aanuudhaan, Waaqayyo bantii Waaqaa
haaraa fi lafa haaraa in uuma,
bantiin Waaqaa Inni duraa,
lafti Inni duraas darbaniiru
(Mul'ata 21:1); akkasumas immoo
ergamoonni qulqulloonnii fi
qulqulloonni baroota hundumaa
iddoo Abbaan, Ilmii fi Hafuurri
Qulqulluun jiraatan Yeruusaalem
Haaraa, ishee jannatarraa lafa
ishee haaraarra qubachuuf gadi
buuturra bara-baraaf in jiraatu
(Ibroota 12:22-23; Mul'ata
21:22:5).
*
Furtuu
Jireenya Eebbifamaa
*
ENDNOTES
1. In this
author’s opinion, the very best
volume on future things is The
Footsteps of the Messiah, by Dr.
Arnold G. Fruchtenbaum, my
mentor in the Word, which is
available in print and various
electronic formats at
www.Ariel.org, or Ariel
Ministries, P.O. Box 792507, San
Antonio, TX 78279-2509, USA.
2. Herbert Nilsson, Dr.,
University of Lund, Sweden.
Quoted in Why We Believe in
Creation: Part III - The Fossil
Record," Winkey Pratney (Pretty
Good Printing, Last Days
Ministries, Lindale, TX., 1984),
p. 1.
3. Charles Ryrie, Dr. Basic
Theology (Chicago: Moody Press,
1981), 41.
4. Jamieson, Fausset and Brown,
Commentary on the Whole Bible,
on 1 John 4:8.
5. Chafer, Dr. Louis Sperry.
Systematic Theology, Volume 1,
245.
6. Fruchtenbaum, Dr. Arnold G.
Radio Manuscript #63: The Deity
of the Messiah. San Antonio:
Ariel Ministries Press. P. 12).
7. Ryrie, Dr. Charles Caldwell.
The Ryrie Study Bible. Chicago:
Moody, 1978.
8. Fruchtenbaum, Dr. Arnold G.
Radio Manuscript # 186, "The
Seven Days of Creation," San
Antonio: Ariel Ministries Press.
Pp. 14-15.
9. Fruchtenbaum, Dr. Arnold G.
Messianic Bible Study 106: The
Local Church, p. 5. San Antonio:
Ariel Ministries Press.
*
Kitaaba Xiqqaa Barsiisa Macaafa
Qulqulluu
©Normaan Manzooniin 2010, USA.
Mirgii Maxxansaa
Seeraan kan Eegameedha. “Kitaaba
Xiqqaa Barsiisa Macaafa Qulqulluu”
Kaffaltii tokko malee bilisaan
to’annaa obbo Zaman Indaaleetiin
kan raabsamuudha. Finfinnee,
Itoophiyaa.
Copying
and Republication
Guidelines
*
A Handbook of Bible
Doctrine.
© Norman Manzon 2010, USA. All
rights reserved.
Copying
and Republication
Guidelines
"A Handbook of Bible Doctrine" is
to be distributed free of
charge under the sole supervision
of Mr. Zemen Endale of Addis
Ababa, Ethiopia.
*