Eegicha Barabaraa
Eternal Security

 

 I. "Karaa lammaaffaa dhalachuu fi Chaappaa Hafuuraa Qulqulluun, Amantoonni Hundinuu akka Humna Waaqayyoon eegicha barabaraa argatan in amanna."

A. Xiyyeeffannaan inni duraa

 

Keeyyattonni luqqisoota baay’ee kan isaan amantoota gargaaran fayyina takka argatani homaan iyyuu dhabuu hin dandeenyeedha. Akkasumas ammayyuu luqqisoonni baay’een namni altokko amanate fayyina argatee akka hin dhabnee kan deeggaran jiru.

 

Qabxilee gurguddoo lama akka mallattootti kaa’ame

 

1.        Yoo luqqisoonni walfudhachuu dide yookiin yoo raawwatee ta’uudhaabate. Yommuu akkana ta’uu nuyi waan inni nuun jedhu tokko iyyuu amanuu hin dandeenyu.  

2.        Yoo amantoonni fayyina kana argachuudhaabata, yookiin yoo ta’uudhaabate. Yoo danda’ee, wanta jireenya isa dhabsiisuu irratti xiyyeeffachuudhaan hundeedhaan balleessu qaba. Yoo danda’ee ogummaa qabaachuun isa irra jiraata jireenya isaa wanta isa dhabsiisuu jalaa baafachuuf jechaadha. Kanas gochuuf wanta jireenya irraa gufachiisuu hundumaa irra fagaachuu fi gochuu dhiisudhanidha. Karaa biraatiin amanataan yoo fayyina isaa dhabuudhaa baatee, inni jiraachuu Waaqayyoo isa hundumaa gararraa fi eebbaa barabaraa keessa boqota.  

 

Kanaafuu nuyis deebinee waan luqqisoonni sun jedhan haa ilaallu. Jalqaba irratti luqqisoota baay’ee waa’ee Eegichi barabaraa argamuu isaa deeggaran sakatta’uu haa eegallu. Kanaafuu luqqisoota kanneen keessaa muraasni akkaataa itti haalli argama eegicha jireenya barabaraa argamuu in jira.

 

B. Jireenya barabaraa argachuuf keeyyattoota gargaaran

 

Lallaba keenyatti boca gaarii kennuuf, lallaba AMC itti fayyadamuu haa eegallu.

 

"Amantootni Hundinuu Eegicha barabaraa argataniiru"  

 

Yeroo eegichaa bara baraa amanataan dhugaan tasumaa hin dhabuu hin danda’uu inni jedhu kun, garuu barabaraaf abbummaa isaa qaba.

 

"Amantootni Eegamaniiruu"

 

Yihuudaa 1:1: Ani Yihudaan garbichi Yesus Kiristos obboleessi Yaaqoob, isin warra waamamtanii, Waaqayyo abbaadhaan jaallatamtanii, Yesus Kiristosiin eegamtaniif kana caafuukoo ti*.

 

Akkasumas, 1 Phexiroos1:5: Amantootni, isin warra, karaa amantii fayyina bara booddeetti mul'achuuf qophaa'ee taa'u sanaaf, humna Waaqayyootiin eegamtanii jirtaniif in ta'a*. 

 

Hiikaan jecha eegamtanii garaagarummaa qaba, garuu hiikni dhaabbataan tiksuu dha. Waaqayyoo: in tiksa, in eega, isaanis warra karaa Massihichaa amantoota fayyan yommuu ta’uu – yeroodhaaf miti - garuu karaa amantii fayyina bara booddeetti mul'achuuf qophaa'ee taa'u sanaaf, kunis, gooftaa isaanii wajjin hamma mana isaa isa samii keessa galee jiraatuttidha.

 

"Humna Waaqayyootiin"

 

Walumagalatti hiikni jechicha kana iftoomina dhuunfaatti jira, garuu qabxiin lama dirqama yaadatamuu qaba.

 

1.   Kan inni gargaaramee bifa karaa namoonni tattaaffi godhanitti gargaarameeti. Inni Waaqayyo isaa amantoota tiksuu, malee amantoota mata isaanii hin ilaallatu.

2.   Paawulos waa’ee Humna Waaqayyo yeroo dubbatuu waa’ee abdii keenyaa isa dura keenya jiruu irratti xiyyeeffatetudha.

 

~ Efesoon 1:18-19 ~  

 

Inni fayyina keenya eegu, isa guddaa fi hunma Waaqayyo isa hundumaa caaludha kan. Kan itti ta’uu dadhabbii fi jajjabina namootaatiin kan ta’uu miti.

 

"karaa dhaloota haaraa"  

 

Uumamni haaraan kan inni oomishuu, Uumama haaraa dha Massihicha Yesuus keessatti (2 Qoroontos 5:17). Uumamumaan mucaan dhalatu tokko sanyii maatii irraa dhaaleen dhalata, akkasumas sababa daddarbaa cubbuu dhaalaa karaa sanyii sanaan daddarbuun gara du’atti isa geessa. Garuu tokko inni Massihicha wajjin walitti firoomee, Isin sanyii baduttii utuu hin ta'in, sanyii hin badnettii sagalee Waaqayyoo isa jiraataa fi isa akka jirutti hafuun, haaraa taatanii dhalattaniittu (1 Pheexiros 1:23). Namni akkaana tasuma hafuuraan hin du’u, sanyii hin badnettii sagalee Waaqayyoo isa jiraataa fi isa akka jirutti hafuun, haaraa taatanii dhalattaniittu

 

"Keessa Jiraachuu"

 

Akkaataa  Galaatiyaa 4:6, Hafuurri Qulqulluun amanataan kamii waktii inni fayyina argatetti isa keessa in jiraata:  Isin ilmaan isaa ta'uu keessan argisiisuudhaaf, Waaqayyo hafuura ilma isaa isa, "Abbaa, abbaa" jedhee waammatu garaa keenya keessatti erge*.

 

Akkaataa Yohaannis 14:16, Hafuurri Qulqulluun amantoota kam keessa iyyuu ta’uun in jajjabeessa: Ani abbaa nan kadhadha, inni bara baraan isin bira haa jiraatuuf, kan biraa kan isiniif dubbatu, isiniif in kenna*.

 

Guyyaa amanatanii irraa kaasee isaan keessa jiraachuun hanga guyyaa inni dhumaa ga’utti isaan jajjabeessa, kanaafuu warra inni hafuura qulqulluudhaan keessa hin buufanne keessa qoodamni yeroo hin jiru. Amantoonni Hafuura Qulqulluudhaan jiraachuu in danda’a, yeroo kana hafuurri dursee ture isa dhiisee gara lafa onaatti deema. Malee inni gara boolla du’a bara baraatti hin gatamu.

 

"Hafuura Qulqulluun Chaappeffamuu."  

 

Akkaataa  2 Qoroontos 1:22, Milikkita kan isaa ta'uu keenyaas nutti mallateesseera; qabsiisa garaa keenya keessa kaa'annus hafuura isaa nuuf kenneera*.

 

Akkaataa, Efesoon 4:30: Hafuura Waaqayyoo isa qulqulluu, isa guyyaa fayyinaatiif ittiin mallateeffamtan hin gaddisiisinaa*!

 

Efesoon 1:13-14:

 

Hafuurri Qulqulluun amantoota keessatti Chaappeffameera gooftaa Yesuus Massihichaan haga guyyaa fayyinaatti, qaama isa du’aa kaafamee yookiin yeroo du’aa ka’uu isa geeddaramedha. Hafuurichi kun kan inni agarsiisuu amanatan kun lammaffaa deebi’ee akka hin kufne, akka adda irraa hin baanee, akkasumas ukkaamsee Yesuus irra adda baasuu akka hin dandeenyedha. Hafuurichi akkasumas isuma duraati, isa gatii malee, isa Waaqayyo hamma gara ofiisatti nu fudhatutti isa nurra kaa’e, qaamni fi lubbuun walwajjin ta’u gaafa sana jechuudha.

 

C. Luqqisoota bal’inaan waa’ee Eegicha barabaraa deeggaran  

 

1. Amanatan tokko karaa seeraa du’aadha, firdiin gama seera sun kan baay’ee dheeratu miti


Roomaa 6:4-10:

 

Galaatiyaa 2:19-20:  Ani Waaqayyoof jiraachuudhaafan karaa seeraa, seera jalaa du'e; ani Kiristosii wajjin fannifameera*.  Egaa si'achi Kiristos isa ana keessaatu jiraata malee, anatu jiraata miti; jireenya ani amma fooniin jiraadhu immoo, ilma Waaqayyoo isa na jaallate, ofii isaas dabarsee isa anaaf kennetti amanuudhaan nan jiraadha.

 

Keeyyattoonni kun warra kanatti aananii dhufan keessa fudhataman:

 

1.        Namummaan amantoota inni keessa Massihii wajjin fannifameera, wajjin du’eera, akkasumas wajjin awwalameera.

2.        Namummaan amantoota inni keessa raawwatee balleeffameera. Kanaafuu qaama cubbamaa jedhamee itti faradamuu hin qabu.

3.        Inni du’ee kun immoo cubbuu irraa qulqullaa’eera. Amanataan Massihii wajjin du’ee sun cubbuu irraa qulqulleeffameera. Kan kana biraa darbuu qaama cubbamaa hin qabu, kanaafuu rakkoo qulqullummaatiin hin komatamu. Fayyinni isaa Yesuus keessatti yookin Massihichaan eegama.

4.        Massihii keessa ta’uun isaa, Massihiin fayyisaan isaa, fayyinaa isaa akka eeguu taasisa.

 

Raawwatamaa ta’uuf, qajeelaa ta’uu fi guddinni hafuuraa  keessatti hammatamaniiru

 

Paawulos dhugoomseera, Waaqayyo inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe, hamma guyyaa Kiristos Yesus deebi'ee dhufutti, fiixaan akka baasu nan amanadha (Filiippiyoos 1:6). Jechichi kan inni hiikamee,  hamma guyyaa Kiristos Yesus deebi'ee dhufutti, fiixaan akka baasu nan amanadha isa jedhuu hiika.

 

Akkasumas, 1 Qoroontos 1:8: Guyyicha gooftaa keenya Yesus Kiristos sanatti akka isin warra yakka hin qabne taataniif, gooftichi hamma dhuma barichaatti is in in cimsa.

 

Lallaboonni kun kan isaan cimsan, ifatti, fuulaa duratti qajeelummaadhaan argamuu, aboo guddaa dhaan kaayyoo Waaqayyoo isa inni amantoota keessatti jalqabee hamma inni mana isaa isa gubbaa samiirraa irratti walargutti humna beeksisuu akka qabamuu dubbatu.

 

3.   Waluma galatti xiyyeeffannaan Yesuus amantoota isatti amanatan irratti

 

Asitti garuu sadiidha:

 

Yohaannis 5:24 irraa: "Dhuguma, dhuguman isinitti hima, dubbii koo dhaga'ee isa ana ergetti kan amanu jireenya bara baraa qaba; inni du'a keessaa gara jireenyaatti darbee malee, gara firdii hin dhaqu."

 

Labsiiwwan olitti labsaman keessaa, bakka tokkotti illee jireenyi barabaraa akka jireenya yerootti yookiin umrii xiqqootti hin ibsamne. Falleessitoota dhabamsiisi:      

 

Isaan hin badu,  garuu jireenya barabaraa qaba.

 

Isaan tasuma gara balleeffamutti kan dhufan miti.

 

Isaan tasuma barabaraan hin balleeffaman.     

 

Eenyu iyyuu harka koo keessa isaan fudhachuu hin danda’au.

 

Homtinuu harka abbaa koo keessaa isaan fudhachuu hin danda’u.

 

Yoo nuti Yesuusiin amanuu dandeenyee, isa inni kallatti adda addaatiin humnaan lallabaa turetti amanna isa inni amantoonni tasuma hin badan jedhe.

4. Fuula Abbaa duratti kan nuuf kadhatuu fi kan nu eeguu Yesuusidha

 

1 Yohaannis 2:1: Yaa ijoollee ko, akka isin cubbuu hin hojjenneef kana isiniifan caafa; namni tokko illee yoo cubbuu hojjete garuu, nama nuuf dhaabatu abbaa biraa qabna, innis Yesus Kiristos isa qajeelaa dha.

 

Akkaa, Ibroota 7:25: Kana irraa kan ka' es, inni yeroo hundumaa isaaniif kadhachuudhaaf waan jiraatuuf, warra karaa isaa gara Waaqayyootti dhi'aatan hamma dhumaatti fayyisuu in danda'a*.

 

Kaayyoon isaa inni guddaan Yesuus nuuf kadhatuu, fayyinni keenya itti cimsuudhaan amnsiisaa akka ta’uufidha.

 

Hiika bu’uuraa Macaafa Qulqulluu kan inni itti hiikee gara irra jireessa ta’uutti jechuun akka raawwatamuu isa dhumaattidha. Gara fayyina irra jireessaan raawwatanii fayyuu kanatti gallaan eenyuufuu gahaadha.

 

Kiristos iddoo isa hundumaa irra caalaa qulqulluu, harkaan ijaarame fakkaattii isa dhugaa sanatti gale miti inni bantii waaqaatti iddoo itti amma Waaqayyo duratti nuuf mul'atutti gale (Ibroota 9:24).

 

Labsiin inni Roomee 8 irra jiruu

 

Roomee 1-7 keessatti barreeffamee jiruu Kan inni bal’inaa of keessatti hammattee sochoosaa jiruu, hundinuu itti gaafatamummaa cubbuuti, fi dhiifamni inni barabaraa kan inni ta’uu Massihii qofaanidha (3:23; 6:23). Paawulos Roomee 7:24 irratti akkas jechuun goolaba; Ana nama gadadamaa, foon isa gara du'aatti na geessu kana harkaa eenyutu na baasa?

 

Roomee 8 irraa, waaqeffannaa baay’ee raajeffachiisuu keessa ta’anii itti fufuu jechuudha, eegichi fayyinaa isaa Massihii keessatti ta’eef galateeffachuu itti fufa. Yaadolee muraasni iddoo kana gaditti kaa’amaniiru:

 

1.     Egaa amma firdiin, warra KiristosYesusitti qabamanii jiraatanitti faradamu tokko illee hin jiru*.

 

2. Seerri hafuuraa inni karaa Kiristos Yesus nama jiraachisu, seera cubbuu isa du'atti nama geessu jalaa si baaseera.

 

Amantootni yoo akka tasa cubbuu hojjetan illee bara baraaf hin balaleeffataman, sababni isaa seericha Waaqayyo gara du’a bara baraatti fiduu jalaa karaa isaa cubbuu keenyaaf adabame sanaan bilisaan gadhiiseera. Isa cubbuu tokko illee hin qabne, nuyi karaa isaa qajeelina Waaqayyoo akka argannutti, nuuf jedhee cubbamaal isa godheera. (2 Qoroontos 5:21).

 

15. Hafuurichi isin fudhattan hafuura ilmummaatti guddifamuu ti malee, hafuura garbummaa isa sodaa jalatti isin deebisu miti; hafuura kanaanis, "Abbaa keenya" jennee Waaqayyoon in waammanna.

 

Kanaafuu soda firdii barabaraa jalaa nu galchuu hin qabnu. Maatii Waaqqayyoo ta’uudhaaf aboo mucummaa arganneerra.

 

29. Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo'ate, fakkaattii ilma isaa isa obboloota baay'eedhaaf angafa ta'uuf jiru, akka ta'aniif yaadaan isaan qabe. Waaqayyoo,  Warra duraan dursee beekumsa isaatiin fo'ate, filatamtootaan  fakkaattii ilma isaa isa obboloota baay'eedhaaf angafa ta'uuf jiru, akka ta'aniif yaadaan isaan qabe.

 

Ajandaan Waaqayyoo namaoota jireenya foo’amaniif qabuu hin raawwatamuu yoo isaan adda of baasan? Wanta yeroon murtoofnee kana irratti carraa miti! Sana jechuun maaliif Paawuloos akka humnaan,

 

Homtinuu guutummaatti jireenya bara baraa keessatti hin argamu. Amantaanis ofii isaatiin ta’uun hafee jechuudha. Kana faana walqabsiisuun Paawulos homtinuu jireenya jaalalaa Waaqayyotti gargar nabaasuu hin danda’u isa jedhuu dubbatateera.

 

II. keeyyattoota hamma ammatti haalota waa’ee eegichaa deeggaran

 

Akkaataa eegichaa barabaraa jechuun amanataan sun jireenya isaa kallattidhaan jireenya barabaraa keessatti eeggachuu fi wantoota faallaa fayyina isaa ta’an immoo yommuu danda’u jechuudha. Kun kan inni muli’isu humni fayyisuu Waaqayyo amanaa tokko jireenya barabaraa keessatti eeguu ni danda’a jecha jedhu kan faalleessu miti, garuu yoo amanataan sun haalloowwan guutuu dide eegumsa isa irraa kaasa kan jedhuudha.

 

 Nuyi raawwannee amantoota akka isaan; Kunis, isin warra, karaa amantii fayyina bara booddeetti mul'achuuf qophaa'ee taa'u sanaaf, humna Waaqayyootiin eegamtanii jirtaniif in ta'a. [1 Pheexiros1:5]). Sirritti irra jireessa itti hiquu danda’a, haalaa Eegichaa argamuu danda’a, akka yaada bal’aa asirra jirutti. Yoo inni haalan ta’ee haala kamiin fayyaan jireenya nama eegamuu danda’a birqaba jireenya Jannataan? Tokko iyyuu, haala Macaafni rakkinicha kana keessatti jechu irraa ka’uu yaadni kun dhugoomsuu fi dhugoomsuu dhiisuu hin danda’u.

 

Akkas Loyu’is Speerrii Kaafer lallabutti, "akka baay’ina keeyyattoota saddeettamii shan kunneen tarreessanii akkaataa doktiriiniin ilaalcha warra Armooniyaa haalota eegicha bara baraa hundeessanitti” (Maajor Baabil Themes, fuula 220. Yaadannoo isa dhumaa irra dubbisaa). Nuyi keeyyattoota 85 kanaan fuutuu qayyabachuu hin deemnu! Garuu haala walfakkaatuun yaadicha olii kan cimsanii fi haala dhaabbatan kan nu gargaaran, waa’ee jecha ilmaan namoota yeroo hundumaa hubatanii fi ajajaniidha.

 

Inni hiika keeyyattoota murtaa’anii qofa miti, kan akka eegicha hallawwan irratti hunda’e akka amannu kan nutaasisu, garuu akka shakkalluu fi ilaalluuf male. Baay’een keenya namoota gooftaaf inaaffaa qaban ni beekna, haata’u malee kan kan isa dagataniif cubbuutti kan goran. Ilaallchoota kanneen akkasiiti kan akka namoonni fayyina irraa gorani akka badanu akka yaadanu kan godhu.Haata’u malee ilaalchii namaafi muxxannoon dhugaa Macaafa Qulqulluu bakka bu’uu hin danda’u. Sagaleen Waaqayyoo kan inni nuuf kennameef muxxannoo fi shakkalannaa keenya akka madaaluuf malee fallaa akka yaadnuuf miti. Muxxannoo fi shakkalannaa keenya bora’aa, dogogoraa fi guutuu kan hin taane dha. Sirritti wayita ilaalluu, sagalee Waaqayyoo qofatu, dhuga qabeessaa fi ifa sadarkaa madaaluu daanda’u, faraduuf murtee xumuraa laachuu kan danda’uufi muxannoo fi shaakalannaa Kenya kan ifatti ilaalee murtoo kennuudha.

 

Egaan nuyi haala gaariin keeyyata amma ilaallee kana ilaaluu yaalleerra.

 

A. Amantoonni haga dhumaatti raawwatanii fayyifamuuf wanta baay’ee ulfaatuu keessa obsaan darbuu qabu

 

Yesuus bartoota isaatiin akkas jedhe, Namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu in fayya. (Maatewos 24:13).

 

Luqqisni kun kan inni jedhuu amantootni haga dhumatti wantoota keessaa darbanii jireenya isaanii waliin walii galuu hin dandeenye fayyina isaani isa  dhabuu kan dhabanidha. Rakkinni isaa, luqqisichi amantoota sana hunda isaanii irratti hin xiyyeeffatu, waa’een fayyina isaa bara baraa haa hafuuti jechuudha. lakkoofsa 3, 14 fi 15 irra inni jiruu kan inni agarsiisuu, isa baay’ee ulfaata ta’eedha, lakkoofsa 15 fi 16 irraa immoo isa Yesuus warra Ibroota yookin Yihuudotatti agarsiisedha.  Zakaariyaas 13:8-9 fi Hisqi’eel 20:38 irra akka agarsiisutti, bara yeroo rakkina “rakkoolee Yaaqob” jedhamanii  (Jeremiah 30:7), haalichi daraan ulfaatan isaa, Waaqayyo warra tokko sadaffaa Uummatichaa hogganaa jiraniin dabdoota bulchitoota Israa’el keessa jiran ajjeessauuf, humnoota warra faalla (Antichrist) warra tokko sadaffatiin jedhuudha. Inni dhugaa Hafuura waliin aduumuu yookiin rakkoolee ulfaata-fiizikaalaaf gargaarsa Waaqayyo haga dhumaatti ta’eetu mul’ata. (Zakaariyas 12:10; 13:1).

 

Luqqisni amma kun haalota naannoo eegichaa jiruu ibsuuf yookin deeggaruuf hin gargaaru. Inni kan inni jecha jiruu waa’ee namoota warra hin amannee wajjin obsaan jiraachuti jedha.

 

B. Amantoonni warri Yesuus irratti qabamanii hin jirree muramanii gara abiddatti darbatamuu

 

Yohaannis  15:6 irra akka jedhutti amantoonni akka dame isa jirmichatti qabamee hin jiraanneetti ilaalaman, gooftaa irraa adda bahuun gara qilqiileetti gad gatamu. Mee luqqisoota ha qayyabannu.

 

Yesuu duuka buutota isaa alaagoridha jechuun barsiiseera. Kaayyon xiyyeeffannoo alaagoriitiin barsiisuu wanta barbaadamee sana qabxii isa dhugaa gochuu danda’udha. Akkasumas akeekkachisnii gadfaginaan hojii irra ooleera. Dalagaan Yesuus bartoota isaa irratti dalageessa jiruu duukaa buutotni akka isaan ija guutuu ta’an gochuu dha. Kanaafidha, kan inni dameen jirmichatti qabamee hin jiraannee muramuun gara abiddatti darbataman kan inni jedhe, akkasumas amantootni gooftatti qabamanii hin jiraannee, irra adda bahuun gara qiliileetti darbatamuu jechuudha. Kana jechuun warra isatti qabamanii jiratanii fi warra akka fedha isaatti jiraachuun fayyina isaanii waliin turanii ija guutuu naqachuun itti fufan jechuudha.

 

1 Qorontoos 3:11-15 irra inni jiruu yaada kana wajjin walfakkaatudha:

 

Dubbisichi kan inni ibsuu barbaadee jiruu, amantoonni warri gaggeeffama hafuura qulqulluun gaggeeffamaa jiran akka isaan adaba kana gochuu dadhabuun dhufuu jala akka isaan hin galledha. Yoomiyyuu, eessattiyyuu inni raawwatee fayyeera. Kanaafuu waa’ee warra jirmichatti qabamuu dhabuun muramanii abiddatti darbataman sanaa amantootni ija hin godhannee akkanuma walitti qabamanii gara abiddatti ykn qiliiletti gatamuu jechuu miti. Gabaabumatti kan inni jedhuu tajaajila amantoota warra haala nama gaddisiisuun iji isaan irra hin argamne jechuudha. Akka dabalataatti yeroo ilaallu, dame warra Yesuusitti qabamanii hin jiraanne, osoo isa hin amanatiin warra fedha isaanii duwwaa hojjetanii fayyuu barbaadanii jechuudha. Kun immoo dirqama jireenya isaa ija qabeessa gochuuf wantootni dalagamuu qaban jiru: kadhachuudhaan (Hojii Ergamoota 4:39), sagalee isaa xiinxaluudhaan (2 Ximeetewos 3:16), itti amanachuudhaan (Fakkeenya 3:5; Maatewos 28:18), fi hojiidhaan agarsiisuudhaan(Maatewos 28:19-20).

 

C. Amantoonni tarii mormitoota ta’aa dhufuu

 

1 Qoroontos 9:27 keessatti, Paawulos akkas jedha, “Ani warra kaan dorgomeetti waamee ofii kootii akkan keessaa hin hambifaneef, dhagni koo itti baree waan itti dhufu hundumaa akka danda'u” Jechichi akka kanatti heekameera karaa gadhiisuu in the King James is rendered akka hin kufneef yookiin ittifamuu yookiin walii galuu dhabuu isa jedhutti kan hiikamedha.

 

Asitti, dabaluun, baay’een akka jedhanitti keeyyattoonni kunnin kan inni agarsiisuu amantoonni sun akka isaan fayyina isaani dhabanidha, garuu Paawulos kan inni jedhu maalidha? Altakkaa daballee, akka qabiyyee barreeffamichaatti deebinee haa ilaallu.

 

Paawulos kuufama lallaba isaa waktii kanaa badhaasa karaa waldorgommiin argamuu wajjin walmadaalsisuun dhiheesse. Kunis kan inni ilaallatu, tokkichi isa inni badhaasa argatudha. Ibsi Paawulos kan inni xiyyeeffatu badhaasa isa kan yeroo irrattidha, badhaasa isa baduu isa kan yeroo jechuudha. Isaan kunis; warqii, meetii, fi dhagaa gatii qabeessaa 1 Qoroontos 3:12, inni kun immoo badhaasa isa fayyina amantoota wajjin kan walqabtu miti.

 

Fudhatama dhabaa ta’uuf, akkasumas akka qabiyyee nama amanee tokkootti, fayyina isaa dhabuu wanta inni godhuu tokko iyyuu hin jiruu, garuu badhaasa dhabuuf ta’uu danda’a.

 

D. Amantoonni ayyaana irraa kufuu danda’uu isaanii

 

Yaadni waa’ee ayyaana irraa kufuu Galaatiyaa 5:1-4 keessatti argama:

 

Baay’inaan ayyaana irraa kufuu jechuun kun kan inni hiikamuu, akka fayyina dhabuuttidha. Garuu luqqisii gara isa itti aanutti dabarsuu yommuu ilaalamuu akka inni agarsiisuu, lakkoofsa 5 Hiikawwan garagaraa ayyana irraa kufuu isa jedhu fayyina dhabuu jedhanii hiiku, haa ta’u malee xuqaan inni itti aanuu yaada kana kan faalleessuudha. 5. Nuyi karaa Hafuura Qulqulluu abdii qajeelotatti lakkaa'amu amantii keessaa eeggachaa jirra. Inni tokko ayyaana irra kan kufan warra karaa hafuuraa eeggachaa jiranidha. Amma warra hin amanneef karaa hafuuraa waan kam iyyuu hojjechuun hin danda’amu akka isaa hafuura hin qabnetti. Kanaafuu warri ayyaana irra kufan haga ammatti isaan kan eegamanidha. Jireenya irra kan hafee waan hundumaa jechuudha.  

 

Maal jechuudha? Lakkoofsi 1 fi 2 birmadummaa karaa Massihiin isa argamuu fi garbummaa isa seera jalatti qamamuun walbiraa qabamee yeroo ilaalamuu fi lakk 2 kan inni lallabuu amantoonni ofii isaaniitiin akka seera jalatti garba ta’anii jiran kan ibsan warri akka qajeelota ta’anii barbaachisumma isaa hubatan ayyaana irraa kufaniiru. Isaan qulqulleeffamuuf hirkannaan isaanii ayyaana Waaqayyoo qofaa irra hin taane, garuu dabalatan seera eeguunis waliin makaniiru.  Bifuma kanaan fi bifa sanaan qofa haata’uu garuu ayyaana irraa kufaniiru.

 

Dubbisni bakka kanaa kun waa’ee fayyinaa dhabuu hin dubbatu, garuu haala ifaa ta’ee namni akkasii seera jalatti qabamee akka jiruu ibsuu barbaadeetudha.

 

E. Yoo amantoonni cubbuu yaada garaa hin gaddaranneen du’an, akkasumas osoo Waaqayyo irraa dhiifama hin argatiin du’u

 

Yaadni inni kun immoo hanqina hubannaa erga 1Yohaannis 1:9 irraa dhufe: Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta'eef, cubbuu keenya nuuf in dhiisa, jal'ina keenya hundumaattiis nu qulleessa.

 

Hanqinni hubannaa inni gara biraa lakkoofsichi akka inni warra Wangeela gara warra hin amanneetti waametti ilaaludha. Ibroota 2:1irra sirritti ibseera; Yohaannis warra kamiin akka inni dubbate, akkasumas kan inni lallabeefi amantoonni cubbuu keessa jiran akkaataa kamiin balaa kana irra bilisa akka isaan ta’anii karaa Yesuus samii irratti qooda argatan kallatti qabsiisa.  Kanaafis nuyi karaa irraa akka hin gorreef, dubbii isa dhageenye kana caalchifnee yaadaan duukaa bu'uun in barbaachisa. Yohaanni kan inni gara amantootatti barreessee, abbaa wajjin walii galee. Akka inni agarsiisetti, waa’ee walii galtee Yesuus kan inni agarsiisuu amantoota cubbamoota ta’aniif fayyina isaanii dhugoomsuufidha. Kanaafuu osuma illee amanataan cubbamaa ta’ee tokko cubbuu isaa isa salphaa jedhamuu iyyuu hin himataniin du’ee isa hundumaa beekuu yookiin yaadachuu danda’uu fayyinni isaanii in eegama.

 

Waa’ee yaada garaa geeddarachuu inni Yohaannis asitti deeggaruu kun, waa’ee yaada garaa geeddarannaa isa kan fayyinaa jechuu isaa miti. Yaada garaa geeddaraannaan inni kan fayyinaa kan inni barbaaduu Yesuusiin akka gooftaatti (Romans 10:9) fudhachuu  malee akka cubbuu irra of jijjiiranitti qofaa ilaaluun hin ta’u. akkasumas yaada garaa geeddarannaan inni Yohaannis jedhee gooftaa wajjin kuufama Waaqeeffanna qulqullaa’aa keessa ta’uun jireenya qajeelota isa fudhatame sana itti fufsiisuu ilaallata.

 

F. Yoo amanataan tokko isa gara biraa dhiifama hin godhiin du’ee, innis akkasuma osoo Waaqayyo biraa dhiifama hin argatin du’a

 

Hanqinni hubannaa kana immoo maddii isaa Wangeela Maatiwoos  6:15 irraati: Garuu isin namootaaf yoo dhiisuufii baattan, abbaan keessan immoo irra daddarbaa keessan isiniif hin dhiisu" jedhe .

 

 Araara dhabuu cubbuu, Massihiin cubbuu hundumaaf du’e, isa darbeefis, isa ammaa fi isa dhufuufis isa nuuf taasisedha(Hojii Ergamootaa 3:19; Efesoon 1:7; Ibroota 9:28). Ammas iddoo kanatti dabalee gooftaan kan inni dubbachaa jiruu walitti dhufeenya namni tokko Abbaa isaa wajjin qabuu dubbata. Namni kam iyyuu garaa isaanii guutuu, Ollaa isaaf namoota naannoo isaa jiraaniif yoo gochuu dhaabatee, waaqeffannaan isaa garaa guutuun miti.

 

G. Yeroo amantoonni jireenya cubbamummaa wajjin walmakanii jiraatan, inni kun jireenya dhabuu argasiisa

 

Rakkinni kanaa inni agarsiifamee seensaa kutaa duraa keessatti ibsameera, garauu nuti nama akka kanaa karaa sirrii ta’ee qabxii lamatti hirree ilaalla.

 

1.   Inni jalqabuma irraa iyyuu amanataa sirrii miti, fakkeessituudha (Maatewos 13:24-30).

2.   Inni amantaa sirreedh, garuu cubbuu keessa osoo hin hubatiin deeddebi’uu agarsiisa. Inni kun birfa isa nuyi itti hubachuu qabdudha.

 

Haalli xalayyichaa sababa nama Qorontoos sana haadha abba buddeenaa isaa wajjin jiraatuu irratti kan hunduaa’edha(1 Corinthians 5). Nuyi akka inni amanataa ta’ee isa beekna, utuma ta’uudhaa baate iyyuu, Paawulos qaamni isaa Seexanaan miidhamuu jalaa isaa hin baraarre, akka inni raawwatee harka seexanaa keessa ta’uu isa dhiisee malee isa hin oolchinee, kunis akka abboommiin yeroo irratti argatuu ta’ee (Ibroota 2:14). Inni Yesuusidha, isa karaa sirrii gara du’atti fidudha (mul’ata 1:18); 1 Tasaloonqee 4:14 amantoonni akka isaan warri kufan akka isaan karaa Yesuus boqotan dubbata. Sababni isaa namichi raawwatee fayyeera, harka gooftaa Yesuusitti guyyaa isa Paawulos dabarsee harka seexanaatti isa laatuu sanaaf jechuudha.  

 

Namni jireenya dhabuu dandee’eera? Miti. Paawulos sirritti sirnichi nama irratti ibseera, kanaafuu hafuurri tarii guyyaa gooftaa Yesuus ni fayyiti ta’a(15:5).  Inni kan hojjetamuu danda’uu yeroo gooftaa raawwatee dhuunfatudha.

 

H. Lubbuun cubbamummaan hammeeffamti ni duuti

 

Kanarratti ibsa bal’aa kan qaban bal’inaan raajicha Hisqeel 18 keessatti argamu:
4: lubbuun cubbuu hojjettuu in duuti
13: inni xuraa’ummaa hundumaa hojjeteera; inni dhugumaan inni du’a; dhiigni isaas mata isaa irra in barbaadama.
18: inni yakka isaan in du’a.
20: lubbuun cubbamtee in duuti
24: ja’ina hojjetee fi cubbuu hojjetee sanaan in du’a.
26: inni yakka hojjeteen in du’a.

 

Ibsi kun amantootaaf warra cubbuu hojjetan gara adaba jireenya cubbamummatti akka inni geessuu fi adabni isaa du’a jala akka galchuu danda’uu qabateera, mee nuyis boqonnichaa haa qayyabannu.

 

Sababii kamifiyyuu, jechichi kan inni gargaaru lubbuu  bifa qaamaatiin yommuu ilaalamudha. Afaan Ingiliffaa keessatti, lubbuun kutaa qaama akka gosa foonitti ilaalamuu barbaachisaa miti. Yoomiyyuu, Kakuu Moofaa keessaa ergoolee haala gaariin ibsan keessumaa waa’ee du’aa ilaalchisuun lubbuun haala kamii jireenya mata isaa dhaba isa jedhuuf, akka fakkenyatti 11:11 irraa: Isaan yommus warra mandara sana keessa jiraatan hundumaa billaadhaan in ajjeesan; waan hafuura baafatu tokko illee utuu hin hambisin raawwatanii in balleessan; Hazoorinis ibiddaan in guban.

 

Sirriimatti, biillaan qaama hargansuu ajjeesuuf gargaara. Inni ifaadha, inni Hisqeel 18 irratti barreeffamee jiruu gabaabumatti kan inni ibsuu du’a qaama namaa isa ta’edha. Garuu inni sababa quubsaadhaa?

 

Akka seensaa Charles Ryrie kitaaba Hisqeel irratti kennetti, Ministiriin Hisqeel kan inni eeguu namoota cubbuun ala ta’anii firdiin gooftaa isaan irraa bilisa ta’aniif …(kitaaba qayyabanna Ryrie).   Namoonni biyya Baabiloon irraa adda ta’ee keessa bahanii dhufanii yeroodhaaf firdii addunya kana jala jiraachuun isaanii beekamadha. Boqonnaa 9 irratti inni raajamee Israa’eloota Yerusalem keessa naannoo murtaa’ee jiraachaa jiran balleessu, akkasumas boqonnaa 22:13-22 kan raajamee waa’ee du’a namoota Israa’el muraasaa yommuu ta’uu, kana booda garuu firdiin Yerusalem irra ta’uu isaati. Xiyyeeffanna guddaan kan inni irra jiruu garuu isa boqonnaa 18 irra jiruu yommuu ta’uu inni iyyuu waa’ee gama firdii du’aa qaama yookiin addunyaa kana irratti mudatu kan ta’uudha malee, firdii isaa barabaraa akka hin taanee hubachiisa.  

 

Egaa akkuma ergaa boqonnicha irraa hubatamuutti, yoo namoonni waan gaarii hojjetan jireenya soda hin qabnee jiraachuu akka danda’anidha. Faalluma kan immoo namoonni waan hamaa hojjetan gatii isaan eeggatu du’a ta’uu isaati. Qabiyyeen firdii du’aa inni lafa kana irraa kan inni argisiisuu irra jireessaan akkuma dursee jedhamee waan nurra eegamuu gochuu dadhabuudhan du’a qaama keenya isa biyyoo irraa hojjetamee ta’uu isaati. Namoonni cubbamoota ta’anii gatiin isaani du’adha, sababni isaa waan cubbuu hojjetaniifidha. Warri qajeelina hojjetan immoo yookiin warri cubbuu hojjechuu irra deebi’an isaan namummaa isaanii guutummatti jireenyatti jiraata. Firdiin kana waliin walfakkaatuu Israa’eloota gidduu bara ijoollee Qoree kara Musee Waaqayyoo raawwatamee argineerra. Dhimmaa ijoolleen Qoree irratti hamaa hojjetan waliin kan walii galan hundinuu ijoollee Qoree wajjin Waaqayyo isaan ajjeesseera. Warri Musee wajjin ta’uudhaan gaarummaa hojjetan immoo araara Waaqayyoon golgamaniiru(seera Lakkoofsaa 16).

 

Isa kana irratti haala armaan gadiin ilaalla

 

1.  Qoraahi ilmi Yizhaar akaakayyuun Qehaat inni sanyii Lewwii,
Daataanii fi Abiiram ilmaan Eliiyaabii fi On ilmi Phelet sanyiin Ruuben,

2. isaanii wajjinis namoota Israa'el keessaa namoonni dhibbi lamaa fi
shantamni warri waldaa geggeessuudhaaf waldaa keessaa fo'amanii beekamoo

turan Musee irratti in ka'an.

3.  Isaan kun Museedhaa fi Aaroniin mormuudhaaf wal ga'anii dhufanii
isaaniin, "Isin amma dubbii baay'iftaniittu! Waldaan guutummaatti, warri
waldicha keessa jiranis hundinuu qullaa'oo dha, Waaqayyos isaanii wajjin
jira; isin garuu maaliif waldaa Waaqayyoo irratti ol of qabdu ree?"
jedhan.

 

Namoonni sababa gama abboota isaanii irraa kan ka’ee miiraa gammachuu keessa hin jira, isa Waaqayyoo karaa Raajotaa deebiseera, …...lubbuu isheen cubbamtee in duuti (lakkoofs. 4). Bifa akkamiin turee kan isaan rakkinni isaanitti hadhaa’e? ta’us garuu dhiphina isa barabaraa miti. Isaan haga ammaatti iyyuu jiraachaa jiru! Kana irra kan caaluu, tasuma luqqisni waa’ee badinsaa isa barabaraa wajjin wal qabatuu yookiin cubbuu hidda irraa dhaalamuun dhufuu waliin wal qabatuu ta’uu hin danda’a.

 

Waa’ee du’aa kan dubbatan hundumaa kan isaan jechaa jiran waa’ee du’a fooniti, isa kan barabaraa miti. Kanaafuu luqqisoonni waa’ee du’aaf kaafaman hundinuu boqonnicha keessatti kan argaman haala eegicha barabaraa irratti kan xiyyeeffatan miti.

 

I. Erga cubbamaan karaa amantii fayyina argata ta’ee, akkasumas amantii dhabuudhaan immoo fayyina dhabaa jechuudha

 

1 Pheexiros 1:5 akkuma jedhuu amantoonni,  Kunis, isin warra, karaa amantii fayyina bara booddeetti mul'achuuf qophaa'ee taa'u sanaaf, humna Waaqayyootiin eegamtanii jirtaniif in ta'a. nuyi isa ilaalleera akka Waaqayyo isaan tiksee, eegicha, golgii Waaqayyoo in isaan oolchaa hamma amantoonni mana isaani isa samiirraa gooftaa isaanii wajjin jiraachuu bira gahanitti kun inni ta’aafi. Akkasumas Waaqayyo akkamiin eegichi amantoota kana tiksuudhaan tursuu danda’a: kunis kan inni ta’uu amantii laphee amantoota keessatti iddoo bal’aa yeroo argatudha. Kan Waaqayyo nu eeguu karaa amantiiti akkuma inni karaa amantii nu fayyisee (Efesoon 2:8)jechuudha. Inni karaa amantii fayyee, tasuma fayyina amantii isaa dhabuu hin danda’u, sababni isaa Waaqayyo wajjin jira.

 

Asitti gaaffiin ka’eera: inni amanataa isaa isa yeroo hundumaa waa’ee fayyina isaa shaakalli taasisuun irra jirudha, Waaqayyo miti. Akkamiin, kanaafuu, Waaqayyoo inni olaanuu amantii isaani deeggaraa amantoota keessatti karaa amantii isaan qabanii jechuudha. Kun immoo sochii nuti yeroo hundumaa karaa amantii keenyaa shaakallii nutii osoo wal irraa hin citin taasisnudha. Kanaafuu deebiin isaa, karaa walfakkaata inni itti Ilmaan namoota fayyisuu danda’uu yeroo kamiyyuu amantii duwwaadhanidha. Yohaannis 6:44 irratti, akka Yesuus jedhetti, Abbaan inni ana erge yoo isa harkisuu dhaabaate, homtinuu gara koo dhufuu hin danda'u; isa gara koo dhufu immoo ani guyyaa isa dhumaatti du'aa nan kaasa. Waaqayyoo nama Yesuusiif ibsee, namichi sun yeroo hundumaa bilisummaa isaaf kennamee karaa amanuu isaan fayyina argatee, dalagaa jiraata. Altakka namni fayyeera, hafuurrii fi Ilmi yeroo hundumaa kadhachaa jiraatu akkasumas fayyina isaa iddootti tursu.

 

Roomee  8 irratti, bakka Paawulos itti humna guddaadhaan waan kam illee yoo ta’ee jaalala Waaqayyoo irraa wanti gargaar baasuu akka hin jirree itti lallabedha, kan inni kana jedhees boqonnaa 8 lakkoofs 26-27 irrattidha.

 

Dirqama dadhabbiin keenya,  wantoonni bu’uura ta’an, akkasumas wantoota kam illee haa ta’uu gama ittiin amantii keenya irraa kaa’annee daandii biraa hordofnuu ilaallata. Luqqisichi, kanaafuu, nutti hima akka Hafuurri qulqulluun nuuf kadhatuu; kanaafuu nuti amantiidhaan fayyina keenya hin dhabnu. Adam Clark kan jedhamuu luqqisii kana irratti yaada kenneera: "Waaqayyo keenya kan gidduu galee nuuf kadhatuu daandii nuuf hojjeteera, kunis walii galtee fi hoggansaani, yommuu kana godhus akka nutti dhiheenya qabutti godha" (Adam Clark Kommentarii Macaafa Qulqulluu irratti barreesse).

 

Hafuurri Qulqulluu nuuf Waaqayyo gidduu galee yeroo kadhatuu akka nuti fayyina jireenya keenya hin dhabnetti wabii nuuf ta’uutinidha. Osoma inni kun gahaa miti jennee iyyuu, bifuma walfakkaatuun Ilmis wabii nuuf ta’uun nuuf in kadhata.

 

J. yoo yaada garaa geeddaratan gooftaan in fayyisa, firdii sirrii kan gooftaatti amanuu dhabuu

 

Yaadni kun immoo isa sirritti ilaaluu qabnudha. Yoo Waaqayyo nama karaa amantii fayyiseera ta’ee, akkanuma inni ka’umsa irraa eegalee waa’ee fayyinaa karaa amantii ta’uu deeggaruu isaati.

 

Kan gooftaan osoo Pheexiroos isa hin ganin isaan jedhee maal ture(Maatewos 26:69-74)? 31 Yesus, "Simoon, Simoon, Seexanni akka namni qamadii gingilchu isin gingilchuudhaaf isin falmeera. 32 Ani garuu amantiin kee iddoodhaa akka hin badneef siif kadhadheera; ati yeroo itti gara Kootti deebitutti, obboloota kee jabeessi!" jedhe (Luqaas 22:31-32). Yoo namni tokko kan akka amantii fayyifamaniif waayyo isaaniif kadhateetti ilaalan, inni karaa du’aa ka’uu isaatiin jireenyatti isaan eega. Yoo inni akka karaa amantii tajaajila itti fufamuu qabudha jedhama ta’ee, yeroo tokko tokko jireenya amantii, kanaafuu jireenya mantii fayyifamuu dhabuu ijoo isaa ta’uu hin danda’u, akka amantii tajaajilaatti ilaalamee fudhatamuu hin qabuu ka’umsuma isaa irraa iyyuu amantiin fayyifamuun. Sababi kamifiyyuu hata’uu malee Pheexiroos amantii isaa amantii jireenya karaa amantii nama fayyisuu dhabuu ta’ee hin argamne.  Inni tasuma gara nama gayyuu hin dandeenyetti kan dhihaatu miti.

 

Yesuus maal jechuu isaati? yoomi kan ati jijjiiramte? Pheexiroos raawwatee amaneera, kun isa akka inni hin kufneef isaaniif kadhatedha. Haasan Pheexiroos godhee, isa fiiguu tokko irraa gara isa rakkinatti kaatutti, kunis kan dhugoomsuu isa yeroo Pyeexiroos yeroo sadii gooftaa gane sanadha. (Maatewos 26:69-74), tokko ta’uudhaan warra cimina guddaan dhaabbatanii Hojii Ergamoota 4:18-20  dhugaa bahumsa isaani fiixan baasanidha.

 

Ganuun kun isa keessa osoo hin ta’iin isa afaanin ta’udha, gochaa karaa alaan ta’uu kun immoo tasuma amala gara keessatti xiyyeeffachuun faaluu hin danda’u. Akka irratti xiyyeeffatamee mari’atametti, dogoggorri ilma namaa inni guddaan as keessatti hammatama. Akka taatota warra waltajjii irraa afaanin yaada garaa geeddarannee gooftaa fudhanneerra jedhuu garuu lapheedhaan hin fudhannee. Akkuma tokko tokko laphee isaan yoo jibbuu dhiisee iyyuu, afaan isaan akka isa ganutti mul’isuu danda’a. pheexiroos kan inni gooftaa ganee namummaa isaa kana oolfachuu jecha dha malee, sababni amansiisaan akka inni laphee isaan gooftaa isaa ganee agarsiisuu hin jiru. Tarii sababoonni hedduun akka inni karaa alaan ykn afaaniin ganuu dirqisiisan jiraachuu danda’u. isaan keessa muraasni amaloota yara gaggeessitootaa Kiristaanota yookiin namootaa yaada isaanii hin fudhannee naannoo isaanii keessatti argaman balleessuuf ta’uu danda’a.

 

K. Amantoonni waan cubbuu ta’ee hojjechaa gara du’aatti deemu

 

Cubbuun gara du’aatti kan jedhu kun kan inni ilaallatu 1Yohaannis 5:16: Namni tokko obboleessi isaa cubbuu du'a [bara baraatti] isa hin geessine utuu hojjetuu yoo arge haa kadhatuuf, Waaqayyo jireenya isaaf in kenna. Kunis warra cubbuu du'a [bara baraatti] isaan hin geessine hojjetan duwwaadhaaf ta'a; cubbuun du'a [bara baraatti] nama geessu jira; namni isa akkasii kanaaf haa kadhatu jechuu koo miti. asitti akkasumas, luqqisichi baay’inaan kan inni wal qabatuu hiikni isaa waa’ee amantoonni fayyina isaanii dhabuuti.

 

Cubbuun gara du’aatti inni jedhuu kun maal jechuudha? Akka nuyi ilaalletti, 1 Qoroontos 5 irraa kan inni jechuu waa’ee amanataa isaa haadha manaa abbaa buddeenaa isaa wajjin ejjaa keessa jiruuti. Inni bulchiinsa seera Waldaa Kiristaana tuffateera, fi lakkoofsa 5 irratti, Paawulos akka Waldaan gara hojiitti jijjirtuuf, nama akka kanaa oolchuudhaaf fuudhaatii dabarsaa seexanatti kennaa, tarii hafuurrii isaa guyyaa gaafa gooftaatti fayyuu in danda’a. cubbuun du’atti geessu, rakkoo guddaan kanneen akka 1Qoroontos 5 keessatti uumamee yoo mudatee fudhachuun kan dhufudha. Adaba seexanaan argamuu sana ofirratti fudhachuun lubbuun oolfamuu dandeessi isa jedhudha.  

 

Nuyis asitti maal argina? Namichi yaada garaa geeddarateera (2 Qoroontos 2:5-8); garuu yeroo kanatti akka inni hin geeddarannes ni argina; Seexanni foon isaa irratti aboo argatee isa ajjeeseera, garuu hafuurri isaa guyyaa gaafa gooftaa in oolfamti. Fayyinni isaa eegichaa Waaqayyoo isaa bara baraa keessatti hammatameera karaa inni guutummatti yaada garaa geeddarate jechuudha. Kanaafuu cubbuu du’atti geessu jechuun, cubbuu gara du’a foonitti geessuun lubbuu irratti aboo hin qabne jechuudha malee, isa lubbuu balleessu jechuu miti.

 

L. Amantoonni warra dhiifama cubbuu hin argannee kana soda irra kan ka’ee deeggaruu/warra hafuura qulqulluu tuffatan

 

Kan Yesuus lallabe,

 

Maatewos 12:31-32

 

Jireenya amantii kanaa tuffatan kun arrabsoodhan, laphee isaanii isa jal’aa keessa yaada jiruu Waaqayyotti mul’isu. Ibsi kun kan inni irratti xiyyeeffatuu amantootni baay’een kan isaan fayyina isaanii dhaban sababa warra tuffii jireenya Waaqayyoo amantoota irraan mul'atu irra kan ka’edha. Tiyooloojiin warra Farisoota kan inni cimsuu Massihiin gargaarsa tokko malee hojii hafuura xuraawotaa ari’a, akkasumas lamxoota fayyisa isa jedhudha. Akkasumas namicha dhaloota isaatii jalqabee agartuu hin qabneef agartuu deebiseera. Warren kana fakkaatan hojjeetera Yesuus bara tajaajila isaa keessatti. Maatiwos 12, Yesuus hafuura xuraawaa ifatee baaseera, namoonni warra isaa hadheessan sababii irratti barbaaduudhaaf, inni kun ilma Daawit mitii (hiikaa, Massihii) (lakkoofsa. 22-23)? Deebiin Farisootaa, Warri Fariisotaa yommuu kana dhaga'an garuu, "Namichi kun Bi'el Zebul angafa Seexanootaa duwwaadhaan hafuurota hamoota baasa" jedhan. (lakk. 24). Lallaba isaanii sana waliin, tiyooloojii kun yooma illee kan dhuunfaa isaanii ta’ee wal faalleesa. Gaggeessan amantii warra Israa’elootaa, jalqabuma tajaajila isaa isa hamaa sanaan akka isa hogganamutti  hordoftoota Yesuusii mormuu itti fufame.  Yeroo dabalatan uummatichi fudhachuu in dide. Israa’eloonni hunduu tajaajila Yesuusii hin mormine. Garuu akka guutummaa biyyichaatti seerri Massihummaa isaa hin fudhachiisnee Uummata amsiisuuf hojjetameera. Akka qabiyyee isaatti, warri faallaa Yesuus ta’an kun dhimmoota hafuura qulqulluu faalleessan kun lammii warra cubbamoota kan Israa’eloota fuudhanii gara hafuura isaa hamaa sanaan, amala hafuuraa dhugaa isaa Massihii keessan hojjetuun walmadaalchisanidha.

 

Waa’ee gaalee sanaa maalidha, inni isaaf dhiifamuu hin danda’u, yooma illee biyya lafaa kanatti (lakk. 32)? Jecha Ibroota kan Yesuus itti fayyadamee, biyyi lafaa kan isheen tahaa dhuftee, isa gaalee Massihii gara mootummaa Massihummaatti (Miliiniyaa).

 

Waa’ee dhiifama gochuu dhiisuu isa Yesuus dubbatee sanaas jireenya isa jireenya bara baraaf dhiifama gochuu dhiisuu waliin kan walqabatuu miti. Garuu waa’ee dhiifama dhabuu isaa Mootummaa Waaqayyoo wajjin wal qabatudha.  Naannoo uummata warra Waaqayyoon gananii kanaa warra faallaa yookiin morkattoota hafuura qulqulluu ta’anii kanaaf, mootummaan isaaniif hin hundeeffamnee yeroo sanaaf, akkasumas baroota gara fulduraa dhufan kanatti illee arguuf tasuma warra yaada kana of keessa qaban miti. Garuu akka Yesuus lakk. 38 irratti labseetti,  38 Ilaa, manni keessan onee in hafa*. 39 Ani isinittan hima; ammaa jalqabee, 'Maqaa Waaqayyootiin kan dhufu galateeffamaa dha' hamma jettanitti ana hin argitan" (Maatiwos 23:38-39). Manni isaani yookiin waldaan isaanii kan inni barbadeeffamee bara 70 DH.K.D ture. Sabichi lammaffaa Massihii hin arguu haga deebi’ee Massihii ta’uu isaa itti amanee akka fayyisaa isaatti fudhatutti, yeroo inni deebi’ee mootummaa isaa biyyaa lafaa irratti hundeessutti kun in ta’a.

 

Warri hafuura qulqulluu tuffatan kun,  cubbamummaan lammii warra Israa’elii amaleeffatamee fi akka amalatti ilaalama dhaloota waktii sanaa gidduutti (Maatewos 23:36), garuu akka dhuunfaatti cubbuun amala ta’uu isaa kan itti hin amannees jiru. Namichi amana hin turree maqaan isaa Saa’ol jedhamuu inni biyya Tarsiis ture sun lammii biyyicha ture yeroo sanaf, isaa booda gooftaan dhiifama godheefi isa fayyise (Hojii Ergamootaa 9:4-6). Akka Warri hafuura qulqulluu tuffatan kanatti,  lammii warra cubbamoota fi warra faalamtoota sun gara dhuunfaatti makuu hin dandeenye, warri qofaa isaani jiraatan kunis osoo kana deeggaranii fayyina jireenya isaanii dhabuun isaani salphaatti ture, garuu Saa’olis kana hin deeggarre.

 

M. Keeyyatawwan akeekkachiisa kitaabota Ibrootaa

 

Kitaaba Ibroota muraasa keessatti bakka walfakkaatatti haala fi bakka itti amantootnni fayyina isaanii dhaban jira. Asitti, akka fakkeenyatti fudhachuun kan arginuu Ibroota 6:4-6 fi Ibroota 10:26-29 irraa arganna.

 

 

Itti daballee yeroo ilaalluu,  mee dubbisichaa gama seenaatinis akkasumas gama Macaafa Quqlluutiinis qabiyyee isaa haa ilaallu.

 

Xalayyaan gara amantoota warra Yihuudaa Yerusalem keessa jiraatanitti bara mootummaa Roomee bara 70 DH. K. B barreeffameera. akka ajaja sana irratti, Yesuus duukaa buutota isaa akeekkachiiseera, 20 "Yesus itti fufee, "Yerusaalem loltuudhaan marfamuu ishee yommuu argitan garuu, diigamuun ishee akka dhi'aate beekaa. 21 Yommus Yihudaa kan jiran gara gaarotaatti haa baqatan, mandarattii keessa kan jiranis ba'anii haa adeeman, biyya keessa kan jiranis mandarattiitti ol hin galin(Luqaas 21:20-21).

 

Hordoftoonni isaa magaala keessatti walitti qabanii hin turree, garuu dheessuufidha. Inni kun inni mirkaneessuu qormaanni sun baay’ee guddaa ta’uudha. Inni jalqabaa isa warra Yihuudota, warraa gidduu isaanii jiraatani amantoonni gara amantaa rabbii Judayisimii isaaniitti akka deebi’anii dhiibbaa isaan irraan gahanidha. Inni lammaffaa uummanni Yerusalem Yihuudotaa hundaa warri hoggansaa jal’oota jala jiran humna ittisa warra Roomatti ammas deebi’anii dabalamani. The second was the expectation of all Jerusalem Jews by the Zealots, who were in control, to join the armed resistance against Rome.


Amantoonni miiraa wa’ee lola warra roomaa kana hin beekan, garuu gooftaan akkaata isaan oolfamaniif isaan gargaara ture, kanaafuu iddoo kanatti isaan gidduu galeessa qabatan. Kitaabni warra Ibroota rakkina seera eeguu dhabuu isaanii kana hiikuu isaaniif barreeffame. Akka isaan gara amanta Judisimii Rabbii warra Yihuudotaatti hin deebineef jechuudha. Garuu gaarotaatti baqachuun akka isaan miliqan taasisaa ture. Akeekkachiisuu warra abboota firdii kam keessatti iyyuu kan inni jajjabeessu akka isaan ajaja waggaa 70 D.K.B jiruu akka raawwatamudha.

 

Kiraabichi kaayyoo mata isaa qaba. Inni foddaa abboommi eeguuf kan banedha. Bara 66 D.K.B  keessatti yeroo warri Roomaa akka barbaadanitti jijjiiruu barbaadanidha. Amantoonni Yerusam baqatanii Yordanosiin cee’anii gara gaaratti olbahanii eegduu Piilla keessa barbaadachuu eegalan.. dhaloota Kiristoosiin Boodaa 68 warri roomaa humna ittisaa isaanii bara 70 DH.K.B magaalitti fi mana qulqullummaa amantoota kana akka jirutti deebisanii balleessan.

 

Ajajni kitaaba warra Ibrootaa kan inni ofeeggachiisuu tokko illee hin akka ajaja bara baraatti ilaalamuun kan isaaf ta’u. garuu kan inni kaa’amee akka ajaja qaamattidha. Qalbii diddiirrachuun inni Ibroota boqonnaa 6 keessa jiruu sun waa’ee yaada garaa geeddarannaa fayyinaatiif kan hojjetuu tokko iyyuu waan hojjetu hin qabu. Garuu kan inni hojjetuu akka isaan gara ajaja eegutti baqatabiif kan isaan gargaarudha. Aarsaa guddaan sababa cubbuu hammaan xiqqaa ta’aniif hammana barbaachisaa miti akka seeraa Musee irraa nutti himutti, isaan kun cubbuu akka ejjummaa fi lubbuu ajjeesuufaa ta’an kanaaf aarsaan sababii cubbuu aarfamuu hin jiru. Garuu adabbii jala akka garbaa cubbuutti galfamaniiru. Aarsaan waa’ee cubbuu kanaaf hamma kanaa barbaachisuu hin jiruu, kitaaba sana irraa akka ragatti taa’ee hin jiruu osooma illee Waaqayyo aarsaa godhamee dheekkamsa abboommii eeguu dhiisuun jireenya isaanii irratti dhufuu kana jalaa isaan baasuu dada’a ta’ee, garuu qaama isaaniin turuu danda’u foon isaaniin miti.

 

Luqqisni Ibroota kam iyyuu, amantoonni akka lubbuu isaanii yookiin fayyina isaanii dhaban kan deeggaruu hin jiru.

 

III. Goolaba

 

Haala walfakkaatuun gara cimina tokko ta’etti akka inni dhufuuf ta’ee qayyabanneerra. Akkasumas keeyyattoonni muraasni haalota eegichi yookin eegannoo keessatti bifa kamiin akka isaan deeggaranis ilaaluuf yaalleerra, fi akkasumas bifa qeenxee ta’eef tasuma ibsamuu akka hin dandeenye hubanna.  Akkasumas nuyi labsii raawwatee guutuu ta’ee eegicha barabaraaf labsameeruu arganeerra. Akkuma kanas Macaafni Qulqulluun karaa danuu Waaqayyo amantootaaf eegecha barabaraa akka inni godhuu ilaalleerra.

 

Akkuma kanallee kutaa Macaafa Qulqulluu tokko illee mata isaa akka inni hin faalleessinee ilaalleera. Kana malee garuu karaa danuu akka inni waltumsuudhaan kaayyoo Waaqayyo isaa ta’ee waa’ee fayyina namaaf hammam akka inni waligaluu argineerra. Akka fakkeenyatti Yohaannis 10:28 irraa fudhachuu dandeenya. Innis:  Ani jireenya bara baraa isaaniif nan kenna, isaan bara baraan hin badan, namni tokko illee harka koo keessaa isaan hin butatu*.

 

Amantoonni gooftaa isaanii tajaajiluuf tarii fayyinaa koo nan dhaba jedhanii sodaachuun isaan irra hin eegamu. Garuu itti gammaduudhaaf yeroo hundumaa ayyaana isaa keessa akka ta’uun tajaajiluutu irra jiraata.  Akka Yesuus jedhutti: Yesus isa amantii keenya jalqabee fiixaan baasu sanattii ija hin buqqifannu. Inni gammachuu fuula isaa dura jiru sanaaf jedhee, fannoo irratti du'uu isaatiif yeelloo isa irra ga'e homaatti utuu hin lakkaa'in, obsaan fannoo irratti du'uu in danda'e; ergasiis gara mirga teessoo Waaqayyoo taa'e (Ibroota 12:2).

 

Akkuma kana mee nutis isa haa tajaajillu!

 

Fayyuuf maal gochuu qabu?

 

" Gadis isaan baasee, "Ani akkan fayyuuf maal gochuutu anaaf ta'a? gooftolii ko" jedhee isaan gaafate" Filiippisus Jaayilor akka booyaa taran (HoE 16:30).

 

"Yesuus Kiristoos irratti haa amanna, yoo akkas ta’ee fayyinni jira" kun deebii Paawulos fi Sillaasii.


"
Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du'a; kennaan Waaqayyoo inni Kiristos Yesus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraa ti(Roomaa 6:23).

 

" Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti" (Yohaannis 3:16).

 

"obbolootakoo, ani wangeela isiniif nan lallaba.... Kiristoos inni cubbuu keenyaaf du’ee sun, akka dubbusa Macaafa Qulqulluutti, inni in awwaalame fi gaafa guyyaa sadaffaa inni du’aan kaafamee akka luqqisiin jedhutti " (1 Qoroontos 15:1-4).

 

Yesuus dhaggeeffatoota isaa yeroo gaafatuu, "Wangeelatti amanaa". Kanaafuu nuyis akkasuma jennee isin kadhanna.

 

Maaloo yoo amanuu eegalte nabeeksiisi.
Waaqayyo si ha eebbisu!
 

 

© Norman Manzon 2016.
Mirgi barreessaa seeraan eegamaadha.



The Bible Study Project is a project of Redeeming Light International, Inc., a 501(c)3 non-profit Christian organization.

 

All gifts to The Bible Study Project are tax deductible
in the United States

 
© Norman Manzon 2016.
All rights reserved.

Copying and Republication Guidelines