Furtuu Jireenya Eebbifamaa 

(The Key to a Blessed Life)
by Norman Manzon, Noormaan Manzooniin

 


A
allatamoo obboloota koo kan Itoophiyaa jirtan,

Gaaffii obbo Zaman Indaalee, Itoophiyaa, magaalaa Finfinneetti qindeessaan miidiyaa fi sirna barreeffamaa, na gaafate irraa kan ka’e yaada koo isiniif kennuun anaaf eebba guddaa dha.

Ergamaan Phaawuloos akkana jedha, Sanyiin namaa hundinuu namicha tokkicha irraa argamanii, irra lafaa irra akka jiraatan godhe; bara isaaniitti iddoo taa’umsa isaaniittis daarii itti godhe (Hojii Ergamootaa 17:26).

Nuti iddoo adda addaatii dhufne, nuti garuu wal qixa. Hundi keenya hiika jireenyaa ilaalchisee gaaffii keenya isa gadi fagoof deebii barbaanna, bantuu balbala jireenya eebbifamee kan ittiin warra kaan eebbifnu bira ga’uufis ni dhamaana. Anii fi namoonni isaan kaan hedduun furtuu arganneerra. Seenaa argannoo koo akka hubattan isinan gaafadha.

Kanan guddadhe Magaalaa Niwu Yoork, amantaa Ortodooksii Yihudootaa keessatti yoo ta’u, jalqabatti seerota Musee shanan, akkasumas seera Ortodooksii Yihudootaa akkamitti ilaaluu akkan qabu, barreeffamoota barsiisota hedduun barreeffamanin qo’adhe. Umrii saafelummaa keessa yommuun seenu, amantaa duwwaa ta’e kan dheebuu nama hin baasne dhiiseen, Yihudummaa garasitti addunyaa kana qorachuu eegale.

Kollejjii keessatti barnoota duree-fayyaa (pre-medical course) qo’achuun eegale, garuu kaka’umsi gad fagoon na keessa ture, gosoota barnootaan fudhachuu qabu irratti xiyyeeffachuu akkan hin dandeenye na taasise. Kanaaf ani adda dureedhaan sirna barreeffama Ingiliffaa qo’achuu jalqabeen, barreeffama namoota hedduu dubbisuun haalan ittiin wantota ilaalu kan mataa kootii uumuun, achumaanis barnoota filoosoofii fi wal bira qaba amantaawwan adda addaa baradhe. Akkasumas kollejjicha keessatti gurmuu faarfattootaatti dabalamuun waa’ee hojiiwwan mimmiidhagoo waggoota dhibba torban darban keessatti hojjetamanii faarfachaa turre. Gooftaan haala nama ajaa’ibuun hojjeta ture. Amma yommuun yaada gurmuu faarfattootaa sanatti dabalamuun laphee koo keessatti barreeffamoota gaggaarii akka maxxanse, Caaffatoota Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa isan jalqabatti qo’adhe irraa duwwaa utuu hin taane, Kakuu Haaraa keessaas jechuu dha argeera, barreeffamoonni sunis warra jaalalaa fi humna Leencicha gosa Yihudaa isa ta’e Yesuus Masihichaa ti.

Kollejjii irraa yommuun eebbifame, hawaasatti nagaa dhaameen, haala jireenyaa isa amantaawwan keessatti argamu dhiisuun miilla koo akkasumas yaada koo waliin deeme. Yeroo umuriin koo waggoota digdamii sadii ta’u, dargaggeetti booda haadha manaa koo ta’uuf jirtu Suuzaan wajjin wal argine. Baay’ee utuu hin turiin, qarqara Dhihaa fi Kibba Dhiha Unaayitid Isteetis (United States) gidduutti konkolaataa tola nu geessu eeggachaa turre, kanas kan barbaanne gartuu obbolootaa kanneen ayyaana waggaa haaraa ayyaaneffachaa turan irraa yoo ta’u, nuti wantota adda addaa kanneen akka meeshaa konkolaataa dhufu gargaarsa gaafachuuf nu gargaaru, mucaa durbaa keenya, qalqalloo meeshaa keenya kanneen akka wanta daa’imni itti fincooftu (diapers) fi uffata halkanii kan itti qabannu qabannee turre; galgala sana eessatti akka dabarsinu hin beeknu turre, tarii kattaa gaarota mimmiidhagoo Meeksikoo Siitii irra, yookiin immoo imaaltota isaan kaan wajjin mana jireenyaa namoota hedduu qabatu keessa, yookiis godoo muka irraa ijaarame kan durii keessa, yookiin galma Haaree Kirishiinaa isa Loos Anjeles keessatti argamu keessa, yookiin hoteela isa Saalveeshin Armiin (Salvation Armey) nuuf qopheessu keessa, yookiin immoo mana yookiis lafa qonnaa qote bultoonni nuuf kennan keessaa eessa akka bullu hin beeknu turre. Jireenya sana keessatti wanti yaadannoo ta’ee yeroo hundumaa na keessatti hafu, haati manaa koo fi ani mucaa keenya baadhannee halkan gurraacha sana keessa karaa bukkee dhaabbannee, roobaan dhaanamaa konkolaataawwan hedduu nu bira darban akka isaan nu fudhatan isaan kadhachaa turre, konkolaataawwan dhibbaan lakkaa’aman garuu nu bira darban.

Guyyoonni sun wantota hedduuf ija keenya nuuf banan, yaadnii fi ilaalchi kan mataa keenyaa nu gaddisiise. Walumaa galatti nuti lafa hektaara dhibba afur bakka kuduraan guute isa namni bilisaan irra jiraachuu danda’u, bakka waa’ee isaa duraan dhageenyee turre jiraachuuf gara Hawaay deemne. Laficha irra kuduraa hedduu kan nama hawwatutu ture, nama Niwu Yoorkii dhufu tokkoof daran mijataa dha; garuu dhibba afur inni jedhame sun gara afuriitti xiqqaachuun, nuti godoo xiqqoo kan bishaanii fi ibsaa elektirikaa warra kaan wajjin hirmaachuu nu hin dandeessisne keessa jiraanne, kuduraa nyaannee booda bookeewwan gurguddoon nu nyaatu turan. Gogaan koo waan ho’ifatuuf, miilla koo irratti madaan na ba’ee, gaa’elli keenyas akka cabbie nu jalaa dilallaa’e. Ani abdii kutannaa guddaa keessa seenuun, gaaf tokko bubbeen hamaan ka’ee yookiin meeshaan waraanaa guddaan dho’ee akka na ajjeesu hawwiin eeggachuu jalqabe. Yeroo kana, Gooftaan bantii waaqaa keessaa gad na ilaaluun akkana naan jedhe, “Ilaa amma qophaa’eera.”

Samii Hawaay isa bareedaa jalatti Waldaa dhagaa irratti ijaaramte kan keenyan hin qabne keessatti sirna gaa’elaa adeemsifame hirmaadheen ture. Misirroo fi dhirsi misirroo attamitti gara Kiristoos akka dhufan akkasumas jijjiirama guddaa inni jireenya isaanii keessatti taasise maal akka ta’e akka ibsan gaafatamaniiru. Tajaajilaan gaaf sanaa uffata jiinsii (jeans) uffatee, gaa’elli attamitti fakkeenya Kiristoosii fi Waldaa Kiristaanaa akka ibsu jaalala isaa isa hin madaalamne irraa kan ka’e Kiristoos akkamitti lubbuu isaa dabarsee akka isheef kenne, ofii isaa waan inni isheef kenneef Waldaan Kiristaanaa akkam akka isa jaallattuu fi isa tajaajiltu nuuf ibse. Sochiiwwan hafuuraa fi gaggeessitoota yeroo darbe keessa turan ilaalchisee wanti bitaa na gale hedduun jiraachuu baatu illee, saganticha erga dhumee booda gara tajaajilaa sanaa deemeen, “Tarii na gargaaruu ni dandeessa” ittiin jedhe. Ani waa’ee Yesuus isa gaafadhe; innis gaaffilee ani gaafadhe hundaaf Macaafa Qulqulluu isaa keessaa caqasuun deebii quubsaa naaf kenne; wanta inni dubbise hundumaa keessaas dhugaan laphee koo keessatti qabatee hafe. Ani wal ga’ii isaanii itti fufee hirmaachuun, gaaffilee ani kaasu hundumaaf haala quubsaadhaan deebii argadhe. Torbanoota muraasa booddee jireenya koo fayyisaaf kennuun bishaan Hawaay isa cuquliisa kan hedduu miidhagu keessatti naannoo Waldaa sanaattin cuuphame. Hafuurri Yesuus Kiristoos inni jiraataan hafuura koo isa du’u keessa seenuun jireenya haaraa na jalqabsiisee jennaan abdiin, ifnii fi gammachuun jireenya koof deebi’an.

Ani kollejjii yookiis seminaara Macaafa Qulqulluu kam keessatti iyyuu hin baranne, dhugaa beekuuf garuu gatii baaseera. Harmeen koo akka ani Kiristaana ta’e yommuu dhageesse, shaamaa yaadannoo naaf ibsitee turte, obboleessi koo garuu haala jiru ibseefii haala sana keessaa ishee baase. Bara 1979, Suuzaanii fi ani mana keenya gurguruun, waggoota lamaaf duuka bu’ummaa fi tamsaasa Wangeelaa irratti leenjii fudhannee, ergama Wangeelaa (mission) kan dargaggootaa keessa seenuun gara Awurooppaa deemnee achittis ani jaalala gooftaan Yihudoota biyya Jermenii jiranii fi musiliimotan tajaajile. Waggoota lama booda, anii fi haati manaa koo ijoollee keenya lamaan wajjin gara Hawaayitti deebine, yeroo sana qarshii, mana, hojiis hin qabnu turre; Waaqayyo garuu karaa biraa nuuf qopheessu kun garuu seenaa adda biraa ti. Isa kana ilaalchisee fakkeenyan kennuu danda’u hedduun qaba, garuu salphaadhumatti wareegama namni tokko dhugaaf taasisuuf, Waaqayyo yeroo dheeraa booda gatii isaa ni baasaaf.

Yesuus akkana jedhe, Kadhadhaa isiniif in kennamaa, barbaadaa in argattuu, balbala rukkutaa isiniif in banama (Maatewoos 7:7).

Waaqayyo karaa Isaayaas raajichaa akkana jedhe,

 

Isin warri dheebottan hundinuu gara bishaanii koottaa! Warri horii hin qabnes kottaa! Midhaan bitadhaatii nyaadhaa, kottaatii utuu horii itti hin baasiin daadhii wayinii fi aannan bitadhaa nyaadhaa! Wanta buddeena hin ta’iinitti maaliif horii keessan baaftuu? Wanta isin hin quufsinettis maaliif dadhabdu? Dubbii koo dhaga’aa, wanta gaarii ta’e in nyaattuu, nyaata gaariittis in gammadduu.

 

~  Maatewoos 55:1-2 ~

 

Isin yoo dhuunfaa keessaniin jaalala Waaqayyoo kan hin beekne taatan, amanaa ifni Waaqayyoo dukkana koo akkuma ibse laphee keessan keessas seenee isiniif ni ibsa. Ani dur nama hafuura hamaan guutamen ture sababni isaa waggootaaf daawwaa araada nama qabsiisan hedduu fudhachuu akkasumas waaqolii tolfamoo waaqessuu, amantaawwan seexanaa fi filoosoofii sobaatti qabameen ture, dhiigni Yesuus garuu bilisa na baase!

Ilmi Waaqayyoo inni cubbuu hin qabne jaalala Waaqummaan isin jaallatee fannoo irratti dhiiga isaatiin gatii cubbuu keessanii isiniif baaseera. 2 Qorontoos 5:19 keessatti akkuma dubbatu Waaqayyo karaa Kiristoosiin biyya lafaa fi ofii isaa gidduutti nagaa buuseera. Gatiin cubbuu keessanii isiniif baafameera. Gama keessaniin wanti hafe isin Waaqayyo wajjin nagaa qabaachuu duwwaa dha (Lakkoofsa 20). Inni riqicha isa dhumaa ta’uun balbala baneera. Wanti isin gochuu qabdan gama keessaniin balbalicha bantanii gara isaa deemuu qofaa dha. Oduu fayyinaa isa gammachiisaatti amanaa, Waaqayyo immoo cubbuu keessan hunda isiniif dhiisa. Inni laphee keessan keessa buufachuudhaan, jireenya keessan jijjiiree jennaan isin akka bakka bu’ee isaatti isa tajaajiluu dandeessu, battalumattis eebba jireenya bara baraa isa irraa hafaa fi dhuma hin qabne argattu.

Ergamichi Phaawuloos akkana jechuun oduu gaarii kana dubbata,

 

Ergaan isin ana irraa dhageessan karaa ittiin Waaqayyo isin fayyisuu dha… Ani dhugaa baay’ee isin barbaachisu isinitti himeera: Kunis Kiristoos cubbuu keenyaaf du’uu isaa ti. Caaffatoonni Qulqullaa’oon akkuma jedhan: inni erga awwaalamee guyyaa sadaffaatti du’oota keessaa kaafameera.


~  1 Qorontoos 15:1-4 ~

 

Kiristoos cubbuu keenyaaf du’ee… awwaalamee… guyyaa sadaffaatti du’aa kaafame. Kana amanuudhaan fayyaa. Akkuma Kiristoos cubbuu keessaniif du’e, aarsaa inni isiniif baasetti amanuun keessan Waaqayyo akka jireenya keessan irraa yakkamtummaa fi humna cubbuu balleessu, akkuma Kiristoos awwaalames akka inni isaan awwaalu taasisa; akkuma inni cubbuu, seexanaa fi du’a mo’ee ka’e, Waaqayyos jireenya mo’ichaa, haaraa, du’aa kaafamee fi jireenya bara baraa isiniif kenna. Waaqayyo wajjin nagaa qabaadhaa. Wareegama ilmi Waaqayyoo isiniif baase amanaatii fayyaa. Amma maaliif garaa keessan ol fudhattanii Waaqayyo ilma isaa isiniif kennuu isaaf akkasumas cubbuu keessan isiniif dhiisuu isaaf isa hin galateeffattan!

 

~ ~ ~ ~ ~

 

Karaa ilma isaa jireenya keessan Waaqayyoof kennitaniittu yoo ta’e, dubbisuu itti fufaa.

Amanaa haaraa yoo taatan, gara duuka bu’aa bilchaataatti akkamitti guddachuu akka qabdan, akkasumas ogummaa fi aboodhaan Gooftaa akkamitti tajaajiluu akka qabdan barachuutu isin irraa eegama. Tarii namoonni isaan kaan bilchinatti akka guddatan gargaaruuf fedhii qabdu yoo ta’e, wanti isin itti fuftanii dubbiftan kun isin gargaara.

               

Waa’ee Amantii Keessanii Isaan Kaanitti Himaa

Akka amanaa haaraatti, isin amma warra kaan gara fayyisuu Gooftaatti fiduu ni dandeessu. Waa’ee amantii keessanii isaan kaanitti himaa, oduu gaarii sanas akka armaan olitti Phaawuloos jedhetti sirriitti akka isaaniif gale hubadhaa, isattis akka isaan amanan jajjabeessaa. Utuu kana hin godhiin dura garuu kadhadhaa, Gooftaan dubbatee akkuma ture gidiraa fi ari’atamuun isin qunnamuu danda’u, Hojjetaan isa isa hojjechiifatu irra hin caalu. Isan erga ana ari’atanii, isinis immoo akkasumas ari’achuuf jiru (Yohaannis 15:20); Gooftaan garuu akkanas jedheera,

 

Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ari’ataman haa gammadan, mootummaan waaqaa kan isaanii ti. Anaaf jedhanii namoonni yommuu isin arrabsan, yommuu isin ari’atan, (sobaan) waan hundumaa yommuu isin irratti dudubbatanis gammadaa. Isaan raajota warra isin duraa akkasuma ari’achaa turan; egaa yeroo hundumaa gammadaa ililchaa waaqa irratti gatiin keessan guddaa in ta’a isaaniin jedhe.

~  Maatewoos 5:10-12 ~

 

Isin kanas beekuu qabdu: Namni tokko maatii amantoota ta’an keessaa dhalachuu isaaf, yookiis dhaabbata amantaa keessaa iddoo guddaa waan qabuuf, yookiin miseensa Waldaa Kiristaanaa waan ta’eef, yookiin hojii gaarii waan hojjeteef (Efesoon 2:8-9) duwwaan, yookiin Yesuusiin alatti kan biratti amanuudhaan fayyuu hin danda’u (Yohaannis 14:16). Ergamaan Pheexiroos akkana jedheera, Fayyinnis Yesuus Kiristoos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta’u, waaqa jalaa ilmaan namootaatiif hin kennamne jedhe (Hojii Ergamootaa 4:12).

 

Caaffatoota Qulqullaa’oo Qo’adhaa

Yoo dandeessan, Macaafa Qulqulluu fudhadhaatii qo’adhaa. Macaafota isa keessa jiranis tartiiba itti aanu kanaan akka qo’attan isinan gorsa: Seera Uumamaa 1:1 hanga 12:3 tti; itti fufees Wangeela Maatewoos, Yohaannis, Hojii Ergamootaa, Ergaa warra Roomaa, Filiphisiyuusii fi Qolosaayis. Isaan kana dhuunfaa keessanitti dubbisaa; isa booda barsiisaa Macaafa Qulqulluu barbaadaatii irraa baradhaa.

 

Luqqisiiwwan Yaadatamuu Qaban

Dubbisawwan barreeffama kana keessatti argamanitti dabalee, luqqisiiwwan itti aanan kun yaadatamuu kan qabanii dha:

Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir’ateera. (Roomaa 3:23)

Beenyaan nama cubbuu hojjetuu du’a; kennaan Waaqayyoo inni Kiristoos Yesuus Gooftaa keenya wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraa ti. (Roomaa 6:23)

Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti! (Yohaannis 3:1)

 

Waldaa Kiristaanaa Yookiin tokkummaa Gaarii Kan Macaafa Qulqulluutti amanu barbaadadhaa

Namoota akkuma keessan amantoota ta’an wajjin kadhachuun, Macaafa Qulqulluu qo’achuun, akkasumas Gooftaa tajaajiluun baay’ee barbaachisaa dha. Kakuu Haaraan hedduun isaa kan xiyyeeffatu namoota gara amantiitti fiduun Waldaa kiristaanaa hundeessuu fi sooruu akkasumas duuka bu’oota of danda’anii hojii kana hojjetan horachuu irratti dha! Wal tumsuun, Macaafa Qulqulluu qo’achuun, Wangeela warra hin dhaga’iiniif lallabuun, amantoonni haaraan Waldaa Kiristaanaa keessatti akka qindaa’an taasisuun furtuu dha!

Yesuus akkana jedhe, Hojii isa ana ergee guyyaadhaan hojjechuuf nuuf in ta’a, yeroon namni tokko illee itti hojjechuu hin dandeenye halkan ni dhufahoo (Yohaannis 9:4). Itoophiyaa keessattis wanti kana fakkaatu ta’uu ni danda’a. Isin namoota keessan gara fayyisaatti qajeelchuun Dubbii Waaqayyootti isaan cimsuun isiniif ta’a. Yommuu isin akan gootan Waaqayyo isin haa eebbisu!

 

Innoo Gooftaa nama hundumaa ti, qoodduu warra isa waammatan hundumaafis badhaadhummaa isaa irraa ni kenna. Caaffanni Qulqullaa’aan, “Namni maqaa Gooftaa waammatu hundinuu ni oola” jedha. Namoonni immoo, nama itti hin amanne attamitti waammatu ree? Attamittis nama waa’ee isaa dhaga’anii hin beeknetti amanu ree? Namni utuu isaanitti hin lallabiin, attamitti waa’ee isaa dhaga’u ree? Namoonni yoo ergaman malee, attamitti lallabu ree. “Warri oduu gaarii fidanii dhufan maal maal nama gammachiisu!” kan jedhu illee caafameera.


~ Roomaa 10:12-15 ~

 

Obbo Zaman Indaalee Qunnamaa

Maaloo qajeelfamaa fi tumsa isin barbaachisuuf, Itoophiyaa, Finfinneetti qindeessaa miidiyaa fi sirna barreeffamaa kan ta’e Obbo Zaman Indaalee qunnamaa.

 

Obbo Zamaniin teessoo armaan gadii kanaan qunnamuu ni dandeessu
Toora Iimeelii (email): zemendale @ gmail . com.
Bilbila mobaayilii: 0911790701

 

Barreeffamni kun kan barreeffame Noormaan Manzooniin yommuu ta’u, kunis kan ta’e gaaffii Itoophiyaa, magaalaa Finfinneetti qindeessaa miidiyaa fi sirna barreeffamaa kan ta’e Zaman Indaaleedhaan. Karaa isaan barreeffamni kun Afaan Oromoodhaan baay’atee tola rabsamuu danda’a. Kitaabni A Handbook of Bible Doctrine jedhamuu Afaan Oromoodhaan, akkasumas kitaabonni afaan Ingiliziin barreeffaman hedduun toora websaayitii Noormaan, BibleStudyProject.org jedhamu irratti ni argamu. Inni teessoo kanaan argamuu ni danda’a normanmanzon7 @ gmail.com. 

 

* Qo’annoo kanaan yoo eebbifamtan, maaloo waliin walqabsiisuu yaadaa. Galatoomaa. *



 

                           ~ DONATE ~            ~ HOME & LIBRARY ~          ~ TRANSLATE? ~

                              Scriptures used by the author are generally in the New King James or New American Standard translations.
                             Scriptures in quotations by Dr. Arnold G. Fruchtenbaum are in the American Standard Version.
                                 Scriptures quoted by others may be in other translations.

 

                            ~      ~      ~

Bible Study Project is currently seeking 501(c)3 status at which time
it will resume issuing tax deductible receipts for U.S. donors.
However, donations are still much needed, particularly for
the sponsorship of BSP literature in foreign languages,
and would be much appreciated! 
Please pray about this.
Thank you.

 

 
© Norman Manzon 2011 - 2023
All rights reserved.

 

Copying and Republication Guidelines